HIMATAAN:UUMMATAOROMOO/OROMIYAA CaffeeOmiyaafKanDhihaate Himannaan kun Jeequmsi Eenyummaa, Seenaa, Aadaa, Nageenya, Mirga Abbaa Biyyummaa fi Qabeenya Ummata Oromoo fi Oromiyaa Irratti Aggaamame Akka Dhaabbatu Gaafachuuf Dhihaate B/B Nagaa Caalaa 5/14/2014 Himatamoonni 1. Ekeraa Dubbiftoota Sirna Nafxanyaa fi Ergamtoota Isaanii 2. Dh.D.U.O 3. Qondaaltota Mootummaa Naannoo Oromiyaa 4. Humnoota Farra Nageenyaa fi Misooma Oromiyaa Finfinnee. I. Seensa Himannichaa Bittoonni nafxanyootaa fi hordoftoonni isaanii qabeenya uumamaa ummata keenyaa saamuu dhaan jireenya bashannanaa yeroo jiraatan uummanni keenya garuu naannoo keessatti dhalatee guddatee jiraatu keessatti beelaan, daaraan, doofummaa fi hiyyummaa dhaan uummata gadadamu ta’e. Naannoon Oromoo qabeenya uummamaa fi namummaa tiin kan badhaate ta’ee utuu jiruu guddinni gamtaa fi dinagdee uummatichaa karooreffamuu dhaan hundeen misoomaa akka hin babal’ane godhamee ummatichi hiyyummaa fi teellaatti hafiinsaan akka gadadoomu godhameera. DH.D.U.On uummata Oromoo hunda, qonnaan bulaa, hojjetaa, hawaasa magaalaa, hayyuu, walumaa gala uummata kabajaa ulfina sabummaa isaatiif dhaabbatan hunda hammachuuf bakka bu’aa dhaan mirgoonni siyaasaa isaanii akka kabajaman fayyadamummaan dinagdee isaanii akka mirkana’u, walqixxummaan uummattotaa mirkana’ee uummattooni fedhaa fi jaalala mataa isaanii tiin kan ijaaran sirni haqummaa akka jiraatuuf akkuma kaleessa qabsaa’e har’as gara kuteenyaan qabsaa’uu dha. Waraabbiin (quotation) kanaan olitti ibsame kun seensa sagantaa siyyasaa DH.D.U.O. isa calqabaa bara 1994/1987 Finfinneetti qophaa’e irra kan fudhatame dha. Kaayyoon seensa sagantaa siyyaasichaa waggaa 20 duubatti deebi’uun kaasuus, namoota biratti iftoomina sagantaa siyyasaa dhaabatichaa uummuuf utuu hin taane seenaa barabaraa dagatamuu hin qabnee fi yaadannoo qabsaa’ota kaayyoo kanaaf wareegamani ta’ee himannaa kanaaf rogummaa kallattii waan qabuufi dha. Dhaabbanni siyyasaa fedhaa fi murtii Uummata Oromoo fi Oromiyaatiin filatamee waggoota 20f Oromiyaa bulchaa jiru, DH.D.U.On, Uummanni Oromoo eenyummaa isaa jaarraa tokkoo oliif gita-bittootaa fi jala deemtota isaanitiin sarbamee ture deeffachuuf qabsoo hadhawaa fi wareegama guddaa abdii kutachiisaa ta’e taasise itti fufsiisuuf maqaa Uummata Oromootiin sagantaa siyyasaa isaa keessatti waadaa galee sochii taasisaa tureen jijjiiramni akka qaanqee calaqqisuu eegale galmaa’us itti fufuiinsa dhabee kunoo har’a Finfinnee Uummanni Oromoo mirga addaa1 irra eegu waggoota 19f ribuu ibidda bu’e ta’ee achiin hafuu isaa irrayyuu daangaa dura qabdu dachaa 18.5 olitti MAASTAR PILAANIIN ishee bal’isu wixineeffamee micicaa 1 . Heera Mootummaa Federaalawaa “Dimookiratawaa” Rippabliika Itiyoophiyaa, 1987, keewwata 49 keewwata xiqqaa 5 fi labsii chaartarii Finfinnee Hundeessuuf bahe Lakk. 361/1995 keewwata 62 keewwata xiqqaa 2 ilaala. Mirgi kun garuu waggaa 20f naannichaaf abjuu ta’ee hafuu qofa utuu hin taane miseensota DH.D.U.O fi Qondaaltota Oromiyaa garaa isanitiif hin bulle biratti ajandaa marii ta’eera. Wixineen Seeraa naannichaan qopha’ee mirgi addaa itti gaafatamee turellee Dawwaanoo Kadir aangoof of-gurgure biratti bishaan dhugee hafe. Seenaa siyyasaa biyya kanaa keessatti garuu yeroo calqabaatiif Zaamii FM 90.7 xiinxala gaafa guyyaa 26-08-2006 taasise keessatti xiyyeeffannaa argatee nama Tsaggaali’ul jedhamuun ka’eera. Yaanni kun garuu xiyyeeffannaa xiinxaltoota kaanii hin arganne. Callisaan bira darbame. Garuu yaanni Tsaggaal’ul kaase dhimma silaa ajandaa mootummaa ta’ee irratti hojjetamuu qabu ture. 1 ykn diddaa fi wareegama namoota hedduuf2 sababa ta’eera. Ta’aas jira. Shirri nafxanyootaa fi ergamtoota isaanii kun yoo dhaabbachuu baates hanga bilisummaatti3 itti fufa. Haalli kun Heeraa fi seera kabajamaan Caffeen kun nuun bakka bu’ee baase bu’uureffatee atattamaan yoo sirreeffamuu baate jeequmsi eenyummaa, seenaa, aadaa, nageenya, mirga abbaa biyyummaa fi qabeenya Uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti aggaamame kun sadarkaa hin taanetti cehee fedhaa fi abjuun ekeraa dubbiftoota sirna nafxanyaa fi nafxanyootaa dhageettii argatee sirna Federalaa nageenyaa fi misooma biyyattiif dhagaa bu’uuraa kaahe duubatti deebisa soda jedhu hordofsiiseera. Himannaan kunis badii kana hambisuuf yaadamee kan dhihaate dha. II. Ka’umsa Dhimmichaa Ka’umsi dhimma kanaa maastar pilaanii Bulchiinsi Magaala Finfinnee bakka awwaalame tibbana kaasee ajandaa biyyaa godhedha. Kaayyoon maastar pilaanichaa akka ibsa qondaaltota biyyattii fi midiyarra dhageenyutti, kaayyoo magaalota Oromiyaa magaala Finfinnee marsanii jiran waliin walitti hidhamuun misoomuuti. Kunimmoo faayidaan maasatar pilaanii tokkoo maali ? magaalonni Oromiyaa kan boodatti hafaniif maastar pilaanii finfinneetti hidhachuu waan dhabanifimoo hojiin hojjetamuu qabu utuu hin hojjetamin waan hafeefi ? magaalonni Oromiyaa sababa fedheenuu yoo ta’e mastar pilaanii Finfinneetti akka hidhatan taasisuun rogummaa Heeraa fi seeraa qaba ? gaaffii jedhani fi kkf kaasisa. Murtii dhugaa fi seera qabeessa caffees barbaada. 2 . Akka ibsa komishinii Poolisii Oromiyaatti sababa diddaa kanaan, lubbuun lammiiwwan keenyaa 17 irraatti balaan du’aa, 174 irratti ammoo miidhaan qaamaa fi qabeenya maallaqa hedduutti tilmaamamu irratti miidhaan gaheera. Maddi miidiyaa biraas kan du’e 61, miidhaan qaamaa 300 akka ta’e ibsa. Lakkoofsa irratti hunda’uu utuu hin barbaachifne miidhaan gahe kan nama gaddisiisu, hammeenyummaa fi jibbiinsa gocha raawwattootaas kan dhugoomsu dha. 3 . Bilisummaan Uummanni Oromoo barbaadu, biyya isaa irratti abbaa biyyaa ta’uu, afaan, aadaa, seenaa fi eenyummaan isaa sarbamuu dhabuu, nageenyi fi misoomni dugaan naannoo isaa keessatti mirkana’uu, hoomaa waranaa fi mootummaa federalaa keessatti hirmannaa aangoo dhugaa argachuu, dhipummaa uummatichi hin qabne oromummaa waliin walitti hidhuun akka dhaabbatu dha. 2 III. Aangoo Caffee Aangoo Caffee kaafnee ilaaluun duratti qophiin maastar Pilaanii Finfinnee jeequmsaa Uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti kaasisaa jiru kun misoomamoo daangaa babal’isuus dabalata ? gaaffii jedhu kaafnee ilaaluun barbaachisaa dha. Hiikoo Galmee jechootaa fi Qo’annoo adda addaa irra akka hubatamutti, mastar pilaaniin magaalaa tokkoo kan qopha’uuf itti fayyadama lafa daangaa magaala tokko keessa jiruu bu’aa qabeessa gochuu dha. Galmeen hiikoo jechoota Seeraas “Master plan or Land-use planning is: A Municipal plan for housing, industry, and recreate facilities, including their projected environmental impact.” Jechuun hiikoo kenna. Dhugaa addunyaan beekuu fi irratti waliigalu kana maqaa misoomaan walitti hidhamuu qofa! jedhu itti baasuun nu gowwoomsuuf wixxisuun faashinii yeroon itti darbedha. Maastar pilaanii magaalaa Finfinnee amma micica Oromiyaa keessatti ka’aa jiruuf sababa ta’es kanarra waan adda itti ta’u hin qabu. Addaddummaa Qabaachuu isaas ragaan agarsiisu hin jiru. Guduunfaa kanaaf ammoo labsii chaartarii magaala Finfinnee hundeesse labsii lakkoofsa 361/1995 keewwata 5 ilaaluun qofti gahaa dha. Akka tuma keewwata kanaatti, daangaan magaala Finfinnee naannoo Oromiyaa waliin waliigaluun ykn murtii mootummaan Federalaa kennuun murta’ee chikaalli daangaa ishee agarsiisu akka dhaabbatu himameera4. Qondaaltota mootummaa Federalaa fi Naannoo Oromiyaa ajandaa badii kana duuba jiran kan akka “jallee” Kumaa Dammaksaa/Taayyee Taklamaariyaam irras ifatti kan dhageenyu, eegaliinsi dhimma kanaa bara 1980 mman keessa daangaan Finfinnee hanga raadiyeesii KM 150/100 akka ta’u dhihaatee gaaffii ilaalcha of-tuultotaa fi kaayyoo lafa babal’ifannaatiin kan golgame waan ta’eef akka dhaabbatu, bara 1990 mman keessas akkasuma hanga raadiyeesii KM 50tti sirreeffamni gaafatamee warri dhiheessan qabatanii akka badan taasifamuu isaati. Kunis ragaa fi hiikoo dabalataa biraa utuu nu barbaachifne daangaa fi maastar pilaaniin magaalaa tokkoo adda bahanii kan hin ilaalamne ta’uu ragaa baha. Kabajamaan Caffee bakka bu’aa keenya ta’e kun kana sirriitti hubata jennee amanna. Ajandaan ajandaa misoomaa qofa jedhamee 4 . Himi keewwatichaa inni gutuun isaa, without prejudice to the existing one, the boundary of the city shall be delimited by an agreement to be made between the city government and Oromia regional government or pursuant to the decision of the federal government jedha. 3 lallabamu kun misoomni lafa irratti malee qilleensaratti waan hin gaggeeffamneef maastar pilaaniin lafa irratti kan xiyyeeffate miti jechuun soba, saalfachisaadhas. Warra haala kanaan utuu dhugasaa beekanuu nu gowwoomsuu yaalanifis qaanyii dha. Asiratti waanti beekamuu qabus, amala dhokataa fi shira ol’aanaa mootummaa kanaa ta’ee amma ifa galaa kan dhufe “False Consciousness theory” n Uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti hordofaa jiraachuu isaati. Dhimma aangoo Caffeetti yoo deebinus, akkuma olitti kaafne dhimmi amma muuxannoo biyya faransaayi, Magaala Liyoon irra kan argame ta’ee ibsamaa jiru kun kallattiidhaan dhimma daangaa Finfinnee babal’isuu waliin wal qabata. Kunimmoo daangaan naannoo keenyaa akkamiin dhiphata ykn balla’achuu danda’a ? gaaffii jedhu kaasisa. Kanaaf Heerri Mootummaa Naannoo Keenyaa fi federalaa deebii ifa ta’e kenneera. Akka hima Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa keewwata 2 tti, Daangaan Oromiyaa: qubsuma lafa wal qabate, kan uummanni Oromoo fi uummattoonni Oromiyaa keessa jiraachuu filatan kan birootis irra qubatan ta’ee, kaabaan – naannoo Affaari fi naannoo Amaaraatiin, kibbaannaannoo Uummattoota kibba Itiyoophiyaati fi keeniyaan, bahaan- naannoo Sumaaleetii fi lixaan naannoo Benishangul-Gumuz, naannoo Gambellaa fi Sudaaniin kan daanggeffamudha. Akka keewwata kanaatti naannoon Hararii fi Bulchiinsonni magalaa Finfinnee fi Dirre-Dawaa qubsuma lafaa daangaa naanichaatiin marfamee jiru keessa waan jiraniif akka qaama naannichaatti kan fudhataman fakkaata. Dhugaan lafarra jiru garuu kana kan agarsiisu miti. Haalli kun fuula duraafis daangaa naannichaa irratti dhiibbaan inni hordofsiisu akka laayyootti kan ilaalamu miti. Daangaan naannoon keenya naannolee olla ishee waliin qabdu kan fooyya’uus, fedha uummataa bu’uura godhatee waliigaltee naannoo dhimmichi ilaalu waliin taasifamuun ykn bu’uura Heera Mootummaa Federalaa keewwata 48 tin murtii manni mare Federeeshinii kennuun akka ta’e Heericha keewwata 2 fi 3 jalatti ifa ta’eera. Kunimmoo ifatti kan dhugoomsu, Caffeen keenya fedhaa fi murtii nuti uummanni Oromoo ykn Oromiyaa hirmaannaa kallattii keenyaan dabarsinuun duratti daangaa naannichaa irratti murtii dabarsuu kan hin dandeenye ta’uu dha. Akka “jaallee” Kumaan ibsa gaafa 26-04-14 raadiyoo fi TV Oromiyaaf kennaniin Caffeen waan murteesse nuti uummanni Oromoo ykn Oromiyaa kan irratti mari’annu miti. Jaalleen kun waan duubatti yaaduu eegalan fakkaata. Akkuma qajeeltoottuu waan marii uummatichaan bilchaatetu Caffeetti dhihaatamoo waan Caffeen murteessetu marii ummataaf dhihaata ? kun qalbbii 4 diddiirrannaa jaallee kanaa barbaada. Yaadichi faallaa qajeeltoo Heera mootummaa utuu hin beekne “jaalleen” kun nan du’aaf jedhaniif waan ta’eef Caffeen keenya yaada kanaan kallattii hin taanetti oofamee waan aangoo itti hin qabne ni murteessa amantaa jedhu hin qabnu. Kun murtii ol’aantummaan keenya hirmannaa kallattii uni taasifnuun itti mirkanaa’u waan ta’eef Caffeen aangoo kallattii hin qabu. IV. Miidhaa Babal’inni Finfinnee Nurraan Gahu. Finfinneen handhuura Oromiyaa fi teessoo bulchiinsa mootummaa Naannoo Oromiyaa taatus, magaala sabaaf-sablammootaa, wiirtuu dippilomaasii fi dhaabbilee idila addunyaa adda addaa waan taateef Hegemony Oromummaa qofa irratti kan bu’uureffatte miti. Ilaalcha kana finfinnee irratti ilaalcha ol’aantummaa qabu gochuuf yaaduunis sirriidha jennee hin amannu. Guddinni, jijjiiramnii fi babal’inni Finfinnee wareegamaa ummata Oromoo gaafata tanaan garuu biyyittiin sirna Federalaa utuu hin taane sirna gita bittaa nafxanyaa abjootaa akka jirtu, ajandaan gaggeeffamaa jirus ajandaa kana dhugoomsuu waan ta’eef sirreeffamuu qaba jenna. Yaanni fi hubannoon kunis DHIIGA KEENYA YKN OROMUMMAA keenya dhiqachuu kan nu geessu ykn ilaalchichi ilaalcha dhibeen JUZAAMII (Leprosy) uummata Oromoo keessa jiraachuu isaa ibsuuf ka’umsa ta’ee fudhatamuu qabu miti. Yaada kanaaf sababa kan nuf ta’es, xiinxala Raadiyoon FM Zamii 90.7 jedhamu gaafa 26-08-06 xiinxaltoota dhimmichaa Mimmii Sibihaatuu, Zarihuun Tashoomaa, Masarata Attalaayi fi Tsaggaali’ul jedhamaniin kennamedha. Akka xiinxaltoota kanaatti, maastar pilaanii haraa Finfinnee irratti maddi diddaa keenyaa ilaalcha dhiphummaa fi gocha kiraasassaabdota sooromanii DH.D.U.O keessaa gaggeeffamanidha. Kanaafis dhiiga keenya dhiqachuun barbaachisaa akka ta’e nutti himameera. Xiinxalli kun sa’aa tokko gutuu kan isaanitti fudhate waan ta’eef gutuu isaa Caffeen yoo barbaade gaafatee dhaggeeffachuu danda’a. Garuu xiinxalli kun waan gurguddoo sadii irratti dogoggora guddaa fi arabsoo hamaa dha. Inni calqabaa maastar pilaaniin Finfinnee kaayyoo waliin misoomnaa utuu hin taane lafa barbaacha ta’ee utuu jiruu Mirga Heera mootummaan qabnutti fayyadamnee diddaan dhiheessine dhiphummaadha jedhamuun isaa Oromummaa fi dhiphummaa walitti hidhanii kaasuu waan ta’eef dogoggora ol’aanaa dha. Kanaafis dhiiga Oromummaa keenyaa dhiqachuun barbaachisaa yoo ta’e biyyittii fi xiinxaltoonni kunneen Oromoo fi biyya Oromiyaa ijaan arguu akka hin 5 barbaanne, akkuma sirnoonni nafxanyaa biyyi Oromiyaa jedhu hin jiru jedhani tokkummaa biyyaa lammii utuu hin taane lafa irratti hunda’e qofa faarsanitti yaadaa kan jiran ta’uu hubanna waan ta’eef Oromoon isaaniif maal akka ta’e ifa godhaniiru. Sodaa uummata Oromorra qabanis ifatti labsaniiru. Ifattis amma ta’aa kan jirus Oromummaa fi Dhiphummaan waliin deema kan jedhu waan ta’eef nuti uummanni Oromoo dhiphoota miti. Seenaa addunyaan beeku, kan akka guddifachaa, meedhachaa fi Moggasaatuu qabna. Tokkummaa biyya kanaafis eenyyuu caalaa bu’uura akka ta’etti amana. Sodaan kallattii kanaan ka’ullee soda dhugaa utuu hin taane uummanni Oromoo saba biraa biratti akka jibbamu fi ija shakkiin akka ilaalamu gochuun sirna addaan qoodanii bulchuu (divide and rule) isaanii cimsuudha. Inni lammataa, diddaa kana duuba kan jiran kiraa sassaabdota dhaaba keessa gaggeeffamani dha yaada jedhu ilaala. DH.D.U.O n jecha ykn qurxummii xixiqqoo irratti duluu, meeshaa ukkaamsanii bituu fi fakkeessuu bira darbee kiraa sassaabdota irratti tarkaanfii kaayyoo irratti hunda’e fudhatee hin beeku, fudhachaas hin jiru. Dhugaan dhaaba kana keessa jiru namoota akkasii minjaala jijjiiree aangessuu fi jajjabeessuu malee gaggeessuu ykn badii isaanii haala madaaluun tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu miti. Kanaaf dhimmoonni komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa naannichaa biratti ukkaamamanii hafan ragaa bahu. Kanaaf micica ka’e kana duuba kan jiru Oromummaa malee kiraa sassaabdota miti. Mootummaan akkuma kanaan dura bare badii fi hammeechummaa isaa gara biraatti jijjiiruuf yaade kan fakkessee kaasudha. Lafa magaalota Oromiyaa finfinnee marsanii jiran maatii fi hiddaan itti yaa’ee kan saamee fi saamsise eenyu akka ta’e malaammalaa mootummaan ofiif ifa godhe Gabrawaahidiin ifa galeera. Dogoggorri guddaan inni sadaffaa, diddaan amma ka’e fedhii waliin misoomuu irratti balballi Oromiyaa cufaa akka ta’uuf barbaadama jedhamuu isaati. Uummata Oromoo fi Oromiyaan guddina biyyaa kana keessatti gahee ol’aanaa duubatti hin deebine qabu. Sochiin invastimantii Oromiyaa keessatti taasifamaa jiru naannoo kam keessayyuu hin jiru. Sochiin kamiyyuu maqaa misooma biyyaatiin haguugamee eenyummaa akka sabaatti itti fufiinsa keenya irratti dhiibbaa tokkollee fiduu hin qabu. Misoomni kana cinaatti dhiisus badii dhala malee bu’aa hin buusu. Kana utuu beekanii akka qondaaltonni keenya jedhan misoomuu yoo barbaaddan maastar pilaanicha fudhadhaan dogoggora cimaadha. Aalbee eenyummaa keenya dhabamsiisuuf morma keenyaratti aggaamamedha. Assimilation policy sirna nafxanyootaa galmaan gahuu waan ta’eef halaan nu miidha. Hawaasa dinagdee fi misoomaan tokko ta’e uumuun wareegama eenyummaa fi aadaa 6 saba isa tokkootiin utuu hin taane siyyasaa fi dinagdee fayyadamummaan sabaa fi sablammoota hundaa keessatti mirkanaa’eni dha. Ilaalchi soorata keessan waliin, muddamaa fi hundaammoo dhunfaatti baadhaa eessaanuu nu gahu. Wixineen maastar pilaanii Finfinnee misooma magaalota Oromiyaaaf bu’uura, kana fudhachuun uummatichaaf yaaduudha jedhamee qondaaltota keenya kaayyoo manaa itti bahaniif karaatti gatan biratti hubatameera. Dhugaadha magaalonni keenya Finfinnee marsanii jiran misoomuu qabu, magaalota jiraattota isaanitiif mijatan ta’uu qabu. Kun kan hin taneef garuu Finfinneetti waan hidhachuu dhabaniif utuu hin taane bulchitoonni isaanii waan hojjechuu dhabaniif akka ta’e hubatamuu qaba. Rakkoo kana gara ajandaa kanatti jijjiruuf yaaluun qondaaltota Oromiyaatiif qaanyii ykn baqa dha. Kunimmoo qondaaltonni keenya balleessaa fi dadhabbina ofii ajandaa biraatti jijjiiruuf dhama’aa jiraachuu isaanii agarsiisa waan ta’eef Caffeen kana hubatee ajandaa isaanii badii keenya irratti fuulleffate akka irra hin fudhanne gaafanna. Babal’inni Finfinnee mirga nuti qabsoo keenyaan goonfannee fi heera mootummaa Federalaa keewwata 39 irratti eegumsa argate waan sarbuuf miidhaa cimaa qaba. Uummanni Oromoo qooqa isaatiin dubbachuu, barreessuu, qooqa isaa guddisuu fi aadaa isaa ibsachuu, gabbisuu fi babal’isuu akkasumas seenaa isaa kunuunfacchuuf mirga gutuu qaba. Uummanni Oromoo mirga ofiin of-bulchuu fi daangaa qubannaa isaa keessatti caasaa mootummaa mirga ofiin of-bulchuu isaa itti dhugoomsu hundeeffachuu qaba. Mirga kanatti bu’uunis mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu ykn fottoquu hordofsiisa. Kunimmoo fedhii fi hawwii waliin biyya guddittii tokko hundeessuu dukkaneessa. Magaalota Oromiyaa Finfinnee marsanii jiran gara Finfinneetti makuun kallattii fi malli itti yaadame faallaa Heeraa fi seeraa qofa utuu hin taane hegemony Finfinnee akka qabatan waan taasisuuf imaammata assimilation sirnoota darbaniin gaggeeffamaa ture deebisee lubbuu itti hora waan ta’eef miidhaa dachaa qaba. Maastar pilaaniin amma yaadamaa jiru Finfinnee kan misoomsu qotee bultoota naanno ishee jiran ammoo buqqisee kan hiyyoomsu waan ta’eef miidhaa qaba. Nuti uummanni Oromoo fi Oromiyaa kan hin dagannee fi hojirras oolchaa jirru, addunyaa kam keessattuu misoomni miidhaa tokko malee galma ga’u hin jiru. Dhugaan waliigalaa kun akkuma jirutti ta’ee, misoomni mirga eenyummaa, aadaa, nageenyaa fi qabeenya uummataa irratti miidhaa geessisu garuu qilee qililee yoo gale filatama. Yeroo ammaa mootummaan lafa KM2 tokko 7 herrega Qarshii 2.5 hanga Qarshii 9 ttiin beenyaa waliigalaa 200,000 hin caalleen Hektaara tokko dhaalaa jira. Sirna liizii diriiree jiruun Hektaara tokko yoo xinnaate bakka shantamatti qoodee karee meetira tokko herrega Qar. 7000 tiin waliigala Qar. Miliyoona 70 tti abbaa qabeenyaatti dabarsee gurguraa jira. Waanti qotee bultoota keenya kanaan dura lafa isaanirra buqqa’an irratti raawwates kanuma. Hojimaata kana babal’isuun miidhaa kana itti fufsiisuu waan ta’eef babal’inni Finfinnee fallaa Heera mootummaa qofa utuu hin taane mirga abbaa qabeenyummaa uummata keenyaas ni miidha. Kanaratti Caffeen keenya akkuma kanaan duraa harka baasee gala yoo ta’e seenaa barabaraa ta’ee hafa. Lakkoofsa uummata aamaaraa ilaalchisee murtii parlamaa Federalaa fi Murtii mirga addaa himatamuu dhabuu miseensa Caffee obbo Mahaammad Ahimad ilaalchisee darbe irra muuxannoon fudhatamuu qaba. Caffeen yoo bakka nu bu’us bar dhimma keenyaratti falmee akka murteessuufi malee waan dhihaateef irratti harka baasee akka galuuf miti. V. Seerummaa Gaafannu: Micicaa fi okkorri Oromiyaa keessatti ka’ee warra sirna durii deebisuuf abjootaniif akka carraatti, warra ajandaa dhokataa amma ifa baasaa jiraniif ammoo akka sodaatti fudhatamee ajjeechaa fi baqa ummata keenyaatiif sababa ta’aa jiru kun dhaabbatee wal amantaan akka jiraatu yoo barbaadame gaaffiiwwan keenyaaf deebiin atattamaa nu kennamuu qaba. Akkaatuma kanaan: 1. Qondaaltonni naannoo Oromiyaa Caffee bakka bu’aa keenyaa ta’ef kabajaa fi ulfina waan hin qabneef qajeeltoo naamusa keessoo dhaabaatti (party discipline) fayyadamuun waan seera qabeessa hin taanee fi saalfachisaa ta’e hunda Caffeetti dhiheessanii yoo murteessisan dhagahuu fi argauun baratamaa dhufeera. Dhimmi kun garuu eenyummaa keenyaratti badii aggaamame waan ta’eef Caffeen aangoo kallattii itti hin qabu akka nuuf jedhu, 2. Maastar Pilaaniin Finfinnee haraa himannaa kanaaf sababa ta’e Misooma malee babal’ifannaa daangaa irratti kan xiyyeeffate miti jedhamuun isaa dhugaa labsii chaartarii Finfinnee hundeesse keessa jiruu, hiikoo maastar pilaaniif kennamee fi muuxannoo qophii maastar pilaanii magaalichaa kanaan dura turanii waan hin taaneef soba, deemsi hanga ammaa jiru babal’ifannaa daangaati akka nuf jedhamu, 8 3. Gaaffii kana hiikoo eenyummaa, nageenya fi dinagdee uummata Oromoo waliin walitti hidhanii kaasuun ajandaa Oromummaa malee dhiphummaa uummanni Oromoo ittin doorsifamu waliin walitti hidhamiinsa tokko hin qabu, mirga kana kaasuunis mirga keenya kabachiisuu malee dhiiga keenya dhiqachuu kan hin hordosiifne, dhibee Juzaamii nu keessa jirus miti akka nuf jedhamu, 4. Misoomni magaalota Oromiyaa kan duubatti hafeef sababa DH.D.U.O n waadaa uummatichaaf gale ganee ofittoowwan fi namoota kaayyoo hin qabne of-jala hiriirseef malee sababa Finfinneetti hidhachuu dhabneef miti akka nuf jedhamu, 5. Faayidaan addaa naannoon Oromiyaa Finfinnee irra argattu galii Finfinneen walitti qabdu keessa % n murta’ee babal’ina daandii, mana barnootaa, bishaan dhugaatii fi kkf magaalota Finfinnee marsanii jiran keessatti adeemsifamuuf akka oolutti karaa Caffee akka nuf gaafatamu, 6. Dhiibbaa faalama naannoo Finfinneen uummata Oromoo/Oromiyaa naannoo ishee jiran irraan gahaa jirtu akka dhaabbatu, faalama hanga ammaatti gahee fi gara fuula duraatti gahu xiqqeessuuf hojii hojjetamuuf Bulchiinsi magalaa Finfinnee galii walitti qabu irra bajanni addaa % n akka ramadamu, kunis faayidaa addaa Oromiyaan qabdu keessatti akka hammatamu, 7. Uummanni Oromoo fi Oromiyaa sirna Federalaa biyyattii kanaa keessatti hundee ta’ee tokkummaa uummatichaa fi biyyaa cimsuu keessatti gahee ol’aanaa fi eenymaan bakka bu’uu hin dandeenye utuu qabuu ekeraa dubbiftoonni sirna nafxanyaa fi ergamtoonni isaanii uummanni Oromoo fi Oromiyaa sirna Federalaaf sodaa akka ta’etti dhiheessuuf yaaluun isaanii sirrii waan hin taneef olollii fi arabsoon akka dhaabbatu, 8. Oromoo ykn Oromummaa fi dhiphummaa tokko godhanii dhiheessuun akka nurra dhaabbatu, 9. Maastar pilaaniin Finfinnee haraa yaadamaa jiru uummata keenya biratti diddaa kaasisuun isaa humnoota jeeqtotaa biratti akka carraa gariitti fudhatamee gochaan raawwatame warren diddaa ka’e duubatti deebisuuf meeshaa ta’aniin gocha raawwatame dha akka nuf jedhamu, 9 10. Daangaan magaala Finfinnee Labsii Federalaa lakkoofsa 361/1995 duratti bakka jirutti akka deebi’u, harka lafa jalaatiin lafti Oromiyarra labsii kana booda fudhatamee ture gara Oromiyaatti akka deebi’u, 11. Sababa kanaan diddaan Oromiyaa keessatti ka’e gaaffii mirgaa waan ta’eef ajjeechaan, hidhaan, gidirsaa fi sodaachisuun uummata Oromoo irratti taasifamaa jiru akka dhaabbatu, barattoonni Oromoo sababa kanaan akka re’ee qabamanii mana hidhaatti darbataman atattamaan akka gadi lakkifaman, 12. Eenyummaa ofitiif dhaabbachuu fi du’uun mirga Heeraan kenname ta’ee utuu jiruu namoota kanaaf dhaabbatan irratti ajjeechaa raawwachuun yakka idila addunyaati. Gocha akkasii raawwattoonni seeratti akka dhihaatan, maatii wareegamtootaafis beenyaan akka kaffalamu, 13. Humni nageenyaa Federalaa, gaaffiin humnakootii olii utuu hin dhihaanneef Oromiyaa keessa naanna’ee ajjeechaa fi gidiraan uummata keenyaratti raawwachaa jiru hadhaabbatu, 14. Univarsiitonni bilisummaa baruuf-barsiisuu qaban mulqatanii hidhattoota tasgabbiif utuu hin taane ajjeechaaf qopha’anii dhufan mooraa univarsitii keessa galchuun barattoota ajjeesisuun isaanii gocha saalfacchisaa fi yakkaan gaafachiisu waan ta’eef akka dhaaban gaafanna. Nagaaf Kabaja ol’aanaa siniif qabnu waliin. G.G. Parlamaa Mootummaa Federalaaf, Waajjira Pireezidaantii Federalaaf, Waajjira Muummicha Ministeeraaf, Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaaf, Mootummaa naannoo Oromiyaaf, Embassy Itiyoophiyaa keessa jiran hundaaf, Qaamolee mootummaa naannoo fi Federalaa hundaaf Univarsiitota Itiyoophiyaa keessa jiran Hundaaf, Miidiyaalee biyya keessa fi biyya alaa hundaaf, 10 Bakka jiranitti Kabajamtoota !!, Himannaan kun Daangaan Oromiyaa faallaa Heera Mootummaa deemamee gara daangaa Magaala Finfinneetti akka makamuuf shiraa fi gidiraa taasifamaa jiruun balaa sirna federalaa biyyattiin hordofaa jirtu irratti gahuuf aggaamamee fi gidiraa, ajjeechaa, hidhaa, reebichaa fi saamicha uummata Oromoo irra gahaa jiru hambisuuf ykn xiqqeessuu kaayyeffatee kan dhihaate yoo ta’u hiraarsi kun deeggarsaa fi murtii keessaniin, qabsoo fi wareegama uummata keenyaan nurraa dhaabbata, Midiyaaleen dhugaa fi haqaaf dhaabbatanis himannaa keenya kana maxxansanii lammileen hundi akka hubatan ni taasisu jennee abdii qabna. Kabajaa fi jaalalli uummanni Oromoo/Oromiyaa siniif qabu ol’aanaadha !!! 11
© Copyright 2025