Akkamitti Beekuun Akka Dandaa`amu

 Projektii Qorannoo FWF Akkamitti Beekuun Akka Dandaa’amu Yeroo akkaataan beekumsaa kan uummata keessaa fi kan saayinsii ammayyaa misooma baadiyyaa irratti walitti dhufan Projektiin kun gamtoomina gareewwan armaan gadiitiin ge‐
ggeeffama. Isaanis: University of Natural Resources and Applied Life Sciences, Vienna Vienna Interdisciplinary Research Unit for the Study of (Techno)Science and Society Institute for Development Studies, University of Sussex Maallaqaan kan gargaaru: Austrian Science Fund (FWF) Projektichi 10/2008 ‐ 03/2011(A.L.A) geggeeffama Bu’uura Projektii Qotee‐bulaa fi saayintistoonni haala baay’ee irratti wal argu. Fakkeenyaaf yeroo deemanii bakka adda addaa ilaalani, qorannoo maasaa irratti godhamu irratti, yookiin immoo walgaíi ga’ee‐qabeeyyii fi kkf. Haa ta’u iyyuu malee yeroo namoonni haala jireenyaa fi akkaataa yadaa adda addaa akkasii wal argan sirriiidhumatti maaltu ta’aa? Saayintistoota irra dhiibbaa mana hojiitu irra jira. Kunis immoo bu’aa qorannoo haaraa dhi’eessuu fakkeenyaaf kan akka Joornaalii irratti maxxansiisuu fi projektoota haaraa dhi’eessuufaa of keessatti qabaata. Akkasuma immoo qotee‐bultoonni immoo midhaan isaanii akka ija godhatuu fi horiin manaa isaanii akka baay’atani fedhu. Kunis, galiin argatan maatii isaanii gargaaruu fi jiraachisuu akka inni danda’u gochuudhaaf. Garuu qotee‐bultoonnii fi saayintistoonni yeroo waliin hojjetan haala irratti walii galan barbaadu. Lamaanuu akka beektotaattii wal argu, akkasumas immoo akka namaattis wal quunnamu. Projektoota qorannoo qonnaa keessatti, yeroo qotee‐bultoonnii fi saayintistoonni wal argan maal akka ta’u gad fageenyaan hubachuudhaaf qorannoo haala lamma irratti hundaa’etu geggeeffama: 1) haala mukaa fi biyyeen ittiin baddaa fi badda‐daree Itooppiyaa keessattii ittiin kunuunsamu, 2) akkasumas, qorannoo haala projektoota walhormaata horii‐manaa Itooppiyaa fi Ugaandaa keessatti geggeeffamaniitu godhama. Kun hundumtuu kan godhamu, gad fageenyaan haala hawaasummaa qotee‐bultootaa fi saayintistootaa hubachuuf ta’e dabalataanis immoo akkamitti akka jarreen kun lamaan waa’ee dhimmoota kunuunsa mukaa, biyyoo fi horii‐manaa beekanii fi hin beekne gaalchaan baruufi dha. Qorannoo kana keessatti akkamitti akkaataan beekuu fi hojjechuu adda addaa haala saayntistoonnii fi qotee‐bultoonni ittiin wal argan akka miidhu hubachuu ni yaalla. Dabalataanis immoo, akkamitti nammoonni haala projektoota qorannoo qonnaa keessatti akka isaan itti wal quunnaman akka barru abdii qabna. Gaaffiiwwan akkamiitu gaafatamaa? Eenyuun gaafatamu immoo? Namoonni projektoota qorannoo qonnaa keessatti qooda fudhatan beekumsa walii bira ga’uu ni danda’uu? Akkamitti akka waa beekanii fi akkamitti akka waa hojjetan wal irraan dhiibbaa hin ga’uu? Yeroo namoonni haala qorannoo keessatti wal argan garee fi walitti dhufeenya adda addaatu uumama. Waarrii kaan humnaa fi taayitaa isaanii fayyadamanii buáa qoranni‐
chaa irraan dhiibbaa geessisu. Warreen kaan immoo cal jechiisiifamu yookiin sababa hin beekamneef cal jechuu filatu. Nuti egaa maal akka himamu, maal akka hin himamne, maaliifis akkas akka ta’u baruu barbaanna. Yeroo qotee‐bultoonnii fi saayintistoonni qorannoo irratti wal argan, kun walitti dhufeenya namootaa ta’ee lamaanuu gaée wal jijjiiraa inni tokko si’a tokkoo akka beekaatti inni kaan immoo akka barataatti wal quunnamu. Itti dabalees immoo kun walitti dhufuu akkaataa beekuu fi hojjechuu baay’ee fi akaakuu adda addaa ta’ee dabalataanis immoo bakka irratti ilaalchonni adda addaa irratti walitti dhufan taa’a. Bu’aan qorannoo kanaa caalmaadhumatti qotee‐bultoonnii fi saayintistoonii sirriitti akka wal hubatanii fi lamaanuu akka kabajaan waliin hojjetan godha. Kunis immoo seera‐
tumtootaaf bu’uura gaarii taée akka isaan sagantaa qorannoo maallaqaan gargaaruu itti jabeessan godha yoo haalli wal quunnamtii qotee‐bultootaa fi saayintistootaa baay’ee cimaa fi walxaxaa taúun isaa ilaalcha keessa gale. Akkaataa qorannoon ittiin godhamu Qorattoonni kun akkaataa qorannoo saayinsii hawaasummaa adda addaatti fayyadamu. Fakkeenyaaf: • Qorannoowwan kanaan dura hojjetamani keessa deebiánii ilaaluu • Gaffii fi deebii saayntistoota, qotee‐bultootaa fi bakka‐buutota mootummaa wajjin gochuudhaan • Qorannoowwan hojjetamaa jiran haala hirmaachisaa fi hirmaachisaa hin taaneen ilaaluudhaan • Maree gadfageenyaa garee ga’e‐qabeeyyii wajjin gochuudhaan akkasumas immoo garee ga’e‐qabeeyyii adda addaa waliin mari’achiisuu dabalata. • Workshooppii hirmaachisaa gargaartota biyya keessaa wajjin taúudhaan qophees‐
suu fi kkf. Qorattoonni projektii kanaa seeraa (Guidelines) gamtoominaa saayinsii jechuunis akkamitti akka waliin hojjechuun dandaa’amu projektii kanaaf hojjetaniiru. Gaaffi fi deebiin kan godhamuu danda’u yoo dursee walii‐galteen godhame duwwaadha. Qorannoo hawaasummaa Saayinsii fi Teknooloojii Qorannoo hawaasummaa Saayinsii fi Teknooloojii (Social studies of Science and Technology (STS)) kan ganaa sadarkaa jalqabaa irra jiru taée garee sayinsii hawaasum‐
maa baay’ee kan of keessatti qabatudha. Gareen qorannoo kanaa kun akkamitti hawaasni tokko saayinsii fi teknoolojii akka itti miidhuu danda’u kan qoratu ta’ee dabalataanis immoo bu’aa fi miidhaan guddina saayinsii fi teknooloojii akkamitti akka inni akka jiraattonni itti yaadanii fi jiraatan akka inni miidhu hubachuu yaala. Qorannoon seenaa fi dhimmoonni garaagarummaa saalaa wajjin walqabatan garee qorannoo kanaa keessatti gaée guddaa qabu. Qorattoota projektii qorannoo kanaa Oogganaan projektii kanaa Professor Kristi’aan Voogl (Prof. Christian R. Vogl) dha. Inni oogganaa garee qorattoota Haala Beekumsaa fi “Innovation” kan “University of Natural Resources and Applied Life Sciences, Vienna” keessatti argamuutis. Qorannoon kun kan geggeeffamu barattoota digrii sadarkaa doktoorummaa baratan lamaani dha. Isaanis: Biirgit Haabermaan “Birgit Habermann” (email: [email protected]). Biirgit barumsa digrii lammaffaa (MSc) lamma kan qabdu yoo taatu isa tokko gosa barumsa “Ecology” jedhamuun Yuniversiitii Veenaa irraa argatte. Isa lammaaffaa immoo gosa barumsaa “Agroforestry” jedhamuun Yuniversiitii Wels Baangor irraa argatte. Isheen biiroo “Austrian Commision for Development Studies” waggaa shaniif garee hojii heeraa fi seera qorannoo fi walta’iinsa qorannoo irra hojjetu oogganaa turte. Hojiin ishee baay’een Eeshiyaa fi Afrikaa irratti ture. Freederik Obertuur “Frederik Oberthür” (email: [email protected]). Inni digrii lammaffaa saayinsii midhaanii fi waaée jireenya hawaasa baadiyyatti Yuniversiitii Wageniingen irraa kan argate yeroo ta’u waggaa shaniif gorsaa fi oogganaa projektii kampanii NIRAS jedhamu ture. Achi keessatti leenjii gaggabaabaa fi ariifachiisuu hojjaawwan adda addaa projektoota guddina qonnaa baa’a Awurooppaa, giddugaleessa Eeshia fi Afriikaa keessati geggeeffamani keessaa hojechaa ture. Gorsitoota (Suppervaayizeroota) barattoota doktoorummaa baratanii (PhD Supervisors) Uulrikee Felt (Ulrike Felt ‐ Vienna Interdisciplinary Research Unit for the Study of (Techno)Science Society VIRUSSS, Vienna, Austria (http://www.univie.ac.at/virusss/)) Meliisaa Leek fi Joon Toomson (Melissa Leach and John Thompson ‐ Institute for Development Studies at Sussex University, Brighton, UK (http://www.ids.ac.uk/go/research‐teams/knots‐team)) Namoota biyya keessaa nu wajjin hojjetan Abraam Abiyyuu Haayiluu ‐ Dhaabbata Qorannoo Qonnaa Naannoo Amaaraa, Baahir Daar Itooppiyaa. (http://www.eiar.gov.et/communication.htm) Geeraald Eeyiluu ‐ Faakultii Saayinsii Bosonaa fi Kunuunsa Uumamaa (Faculty of Forestry and Nature Conservation) Yuniversitii Makereeree, Ugaandaa. (http://www.mak.ac.ug/) Dhaabbatoota biyya keessaa wajjin hojjennu Namoota biyya keessaa nu wajjin hojjetan Dhaabbata Qorannoo Qonnaa Naannoo Amaaraa (Amhara Regional Agricultural Research Institute (ARARI), Itooppiyaa. Buufata Qorannoo Qonnaa Holataa (Holetta Agricultural Research Centre), Itooppiyaa. International Livestock Research Institute (ILRI) Faakultii Saayinsii Bosonaa fi Kunuunsa Uumamaa (Faculty of Forestry and Nature Conservation) Yuniversitii Makereeree, Ugaandaa. MAKERERE UNIVERSITY Teessoo: Prof. Dr. Christian R. Vogl (Project Leader) Working Group on Knowledge Systems and Innovation University of Natural Resources and Applied Life Sciences (BOKU) Gregor Mendel Strasse 33 A‐1180 Vienna, Austria E‐Mail: [email protected] Bilbila:: +43 1 47654‐3752