Galmee Seenaa Mammoo Mazaamir

M
Galmee Seenaa Mammoo Mazaamir
Mammoo Mazaamir 1937-1970
Kabajamaa Mammoon abbaa isanii Obbo Mazaamir Haabitee Doorii fi ,haadha isanii
addee Umee Guremeessaa irraa Koonyaa Jibaati fi Maaccaa magalaa Guudar keessatti bara
1937 tti dhalate.
Mammoon barnoota sadarkaa duraa magalaa Guudar Keessatti baratee erga Xumureen booda
sadarkaa lammaffaa mana baruumsa Ambooti barateera.
Mammoon baruumsa Sadarkaa lammaffaa olanaa gara magalaa Finfinneetti dhufudhan yeroo
sanaattii mana Baruumsa “Tafarii Mokonnon” jedhamee beekamutti barataa osoo jiruu fedhii fi
hawwii isaa malee ,rakkina jireenyaa isa mudataa ture ,of irraa saliphisuuf jecha Akaadamii
mana leenjii “barisiisoota Haraar “seenudhan Qaphixxii olanadhan eebbifameera.
Mammoon barnoota isaa qaphiixxii olanadhan waan xumureef “mana barnoota
Akkaadamii waranaa kana “keessatti, hafee barsiisaa tureera. Mammoon mana barnoota kana
keessatti Qondallummaa (ajajaa dhiibbaa) ta’ee barsiisaa osoo jiru barnoota sadrkaa olanaa
argachudhan Universitii Finfinnee seenee bara 1962 barnoota seeraa (Law)tiin Deegriin
eebbifameera
Mammoon jireenya ijoollummaa keessaa jiru fi keessa darbe kana keessatti,rakkolewwan
ummata Oromoo irratti fe’amee jiru sadarkaa adda addatti hubataa eerga dhufeen, hanga
gaafa, Moorma isaa Fuunyodhaa keennutti murannoodhan hojjataa tureera.
Jalatamaa, Mammoo Mazaamir 1958-1962 yeroo Universitii Finfinnee keessa tureetti Waldaa
baratoota Oromoo duran dhabattee jirutti miseensa ta’udhan , waldaan kun
Qindomina fi tokkummadhan ijaramee mirga Ummata Oromoof ka’ee akka falmmu kanneen
godhan keessaa Mammoon sadarkaa duraa irratti nama argamudha.
Mammoon ummata Oromoo isa waanjoon garbummaa itti fe’amee jiru ,irraa darbuuf
beekumsa fi dandeetti qabu ,akkasumaas kutannoo fi murannoo qabu walitti fiidee
Jijiirama lammii isaa ,Ummata Oromoof fiiduuf halkanii guyyaa hojjataa akka turetti
beekama.
Mammoon kitaaboota siyaasaa dubbisuun gamaatti yeroo isaa irraa calaa Seenaa
Ummata Oromoo barreesuu fi Qormaata irratti godhaa akka dabarsu namoon isa beekan
ni dubbattu.
Maaccaa Tulaamaa fi Mammoo Mazaamir
Hogga ntoota Maacca a fi Tulam aa keessa aa ijoolle e ta’uu isatiin kan beekam u
Mamm oon , dagagi inaa fi guddii na
Maacca a fi Tulam aa keessa atti qooda guddaa qaba..
jalatWalda n kun, akkum a dhabb ateen Mamm oon ijoolle en Oromo o waldaa kan
ti ijaaram anii mirga isaniif akka falmat an gochuu irratti qooda guddaa qaba.
Barnoo ta Seeraa qabu irratti hunda ’udhan Waldic hi seeran deegga ramee akka
ijaaram u godhu u irratti qoonn i Mamm oo bakka guddaa qaba.
Afaan ,aadaa fi seenaa Oromo o keessa ttuu sirni gadaa maal akka turee fi maal
akka fakkaa tu barsiis aa
akka ture namon ni yeroo ammaa lubbuu n jiran ragaa ba’u..
Mamm oon Umma n Oromo o mirga afaan Qawwe etiin dhabe deebis ee argach uu
kan danda’ u “Qaww ee qofan akka ta’e amana a aka ture dubba tama.
Mamm oon Xalaya a yeroo sana Qabsa’ oota Baleef barree sse jecha arman olii
kana mirkan eessa.
Hoggan toota Qabsa’o ota Baleef
Seenaa dhaala namaa adduny aa kanaa ,akka nu mirkan eesutti Ummat onni Blisum maa
f i birmad uumaa
isaanf itti kutann odhan falmata n dhumat iin heddun Jiraatu yyuu dhumar raatti injifan nodhan xumuru .
Qabsoo n lubbuu kabajam aa kennam ee gita bitoota habash oota har raa jiran ir ratti geegefamu u lammiw aan
keenya kannee n sirna cunqur sa jala jiran Miliyo notan kan lakkaw amaan bliisum maa
isanii gonfach iisa.
Qabsoo n hanga garbum maan hiddan buqqifa muutti itti fufuu qba.
Akkum a beekam u sochiin Waldaa wal-ga rgaarsa Maacca a f i Tulmaa inni guddan
damaqi insa ummat a
Oromoo ol kaasuu n ,harka wal-qa bannee gara fundur atti akka tarkafa nnu ir ratti halkanii f i guyyaa hojjach uun gara galma keenyaa tti deemaa jir ra.
Dhugaa f i fedhii ummat a keenya ir ratti hundof innee ,miseen soota warana a ijar ree
gutuu biyyaa ir ratti sochii godhuu f jir ra..
Isins Qabsa’o onni Balee Qabsoo keessan isa jaginum madhan eegalita n ciimina an itti fufaa !
Falmii mirga Ummat a Oromof gotanii f hanga dhumaa tti dhiiga keessan dhanga lasaa !
Sochii Qabsao ota Balee seenaa ummat a Oromoo keessat ti, bakka guddaa qaba.
Milkaa wa!
Injifan noon kana keessan i !
nutis isi waliin jir ra. ! “
Mamm oo Mazaa mir
Xalaya a Armaan oli kun Qbsaoo ta Balee tiif bara 19965 bar reefame .
Adeemsa Falmataa Blisummaa Oromoo, Mammoo Mazaamir fi Maaccaa Tulamaa hordofaa turan gita bitoota habashotaa kanneen Mootummaa sirna
gonfoo jalatti walitti qabamani jiran , Waldan kun, fuula dura,jireenya bulichiinsa isanii, kan gababiisu ta’uu isaa waan hubataniif attataman akka Waldan Maaccaa fi Tulamaa rukutamu murteessan.
Waldaa kana jalatti ijaaramanii kan jiran hedduu ta’anyyuu isaan kan barbadaan hoggantoota waldaa kanaa akka ta’e ifadha.
Kanneen Sadarkaa duratti barbadaman keessaa Mammoon isa durati.
Kabinnoon Mootummaa H/Silasee kanneen Akililuu H/Waldiin hogganaman
Diramaa Mammoo fi hoggantoota Maaccaa fi Tulamaa ittin dhabamisiisan
qopheefatan.
Diraman sobaa fi Cubbudhan qophawe kun gaafa 19/11/1966 hojii irra oole..
Innis magalaa Finifinnee keessatti kan argamu mana Fiilimmii “
“Sinima Empayer” jedhamee beekkamu keessatti galgaala keessaa 9 :00PM tti
namoota taani Fiilimmii “Zorba the Greek “ jedhu ilalaa jiran irratti Boombii
darbachudhan namoota 14 madeessan.
Waldaa Maaccaa fi Tulamaati Kiyyoo gara biroo qopheessuu osoo danda’ani
yakka hoggantoonni waldaa kanaa hojjatan jedhu ittin jabeessuuf jecha,namoota nagaa fiilmmii ilaala jiran fiixuun cubbuu irriyaa hi qabinne hojjatan.
Guyyaa lammataa, duran iyyuu irratti qophawanii waan jiraniif, Raadiyoo
of harkaa qabaniin fashistummadhan mana Sinimaa Empayeer irratti
Boombbii darbatee namoota taanii Fiilmmii ilaala jiran kan fiixe Mammoo
Mazaamir akka ta’e addeesan. Gochaa kana ammoo Mammoon ana godhe !
jedhe jedhanii, dabalanii sooba dhugaa fakkeessanii gama Poolistiin ummatatti bal’inaan ibsa itti fufan.
Yeroo mana Mammoo dhaqanii sakata’an Mammoon halkanii fi guyyaa
irratti hojjataa kan ture, bareefamoota Seenaa Ummata Oromoo kan ilaalan
hedduu mana isatii argamaniiru.
Boombii fi meeshawan Waranaa adda addaa ofi isanitii mana isaa geessanii
ka’udhan akka mana isatii argameetti gabasaniiru.
Wa’ee Mammoo ilaalchiisee H/Silaseen akkana jedheera. afaan amaratiin
“Lazii hullu Qimamuu Mammo naw jedhe”jedhu. Wa’ee gochaa Maacca fi Tulamaati Qoorsa kan ta’’e Mammoodha jedhe. H/S kana kan jedhe barreefamoota Seenaa Oromoo Mammoon dhaloota booriif bareessaa ture eerga dubbisee hubateen booda.
Barrefaminni Mammoon dhaloota harraa fi boriif barreessaa ture kun ammoo
yakka ta’ee Mooma isaa Funyoof keenisiseera.
Qabsaan Oromoo Mammoo Mazaamir balleessaa tokko malee sooban
yakkanii ragaa soobaa itti dhiyesanii ajajaa fi Mallaattoo H/Silaseetiin fannifamee akka ajjeefamu godhameera.
Kabajaman Mammoo Mazaamir bara 1970 osoo hin fanifamiin dura haadha
manaa isa fi ilma isaa dhalatee kan waggaa 5ni isa dhumaaf dhungate gara
Funyoo isaf qophaweetti qajeleera.
Mammoon bakka itti fanifamuuf qoophawe mana hiidhaa Finfinnee
Keessatti akkuma haarki isaa dubatti hidhamee jirutti ,Wadaroo ittiin
fannifamu isaaf qopheessan of funduratti ilaala jecha Maartiin Luter jedhe
(I have a dream speech) jedhen kan wal fakkatun kanneen ajjeefamuu isaa
ilaaluuf achitti argamaniif dhaamsa armaan gadii kana dhameeraaf..
“Dhiiginni kiyya dhiiga,mirga Ummata Orromoo kabachiisuf gadi namme
waan ta’eef dhiiga tasa badee miti.
Yakkan hin hojjaneen ragaa Soobaa natti barbaddanii na ajjeeftanirtu. Isinis
bori H/Silasee fi kabinnon isaa dabalatee bakkuma kanatti adaba keesssan
Umman Oromoo ykn Umman Ithiopiyaa akka isiniif keennu nan amana.
Haa turu malee, mirgi ummata Oromoo isin ukkamisitani jirtan kun fuula dura
100/100tti akka kabajamu shakkii tokkollee hin qabu.”
, jechudhan eergaa isaa, isa dhumaa isaanif himee gara Wadaroo isaaf
Qophaweetti qajeele.
Mammoo abbaa ijoollee 2 yoo ta’u dhalatee waggaa 33 tti yakkamitoota
kanan ajjeefame.
Waanitti nama dinqisiisu kanneen dhabbatanii Mammoo Ajjeesisan
1. Akililuu H/Wald Mumicha Minsteera (Prime Minster)
2.Akala Waarqi H/Waald (oboleessa Akililuu)
3.Daja.kiflee Y irgatuu
4.Mej.Jeneral Dirasee D ubbalaa
5. Mj.Jeneral Y ilmaa Shibashii Dallaa mana hiidhaa Finfinnee bakka
Mammoo Mazaamar itti fanfamuutti argamanii ilaalaniiru.
Jarreewwan kun hundi isaani H/Silaseetti anaani kannen Jiraniidha.
Jarreewaan kun hundi ,akkuma Mammoo Mazaamir fuula duree isanii
isaniif hime, gaafa Dargiin Mootummaa H/Silasee angoo irraa fonqolchu
yakkamitoonni goota Oromoo Mammooo dhabbatanii fansisaan kun hundi
isaan kabinoota H/Silasee namoota 60 waliin mana finfinnee bakkuma Mammoo Mazzamir dhabbatanii itti ajjeesisan sanatti Daargiin rasasaan isaan
fiixee, boolla tokkotti isaan awwalle.
Mammoo ajjeesanii waggaa 4n booda hojii isaanii bakkuma sanatti argataniiru.
Akililu H/Wald
Prime Minster of Ethiopia
Mammoo Mazaamir dhabbatee kan fansiise.
Farra Oromoo ta’udhan kan beekmu Akililuu H/W Iccitii isaan malee
Oromoonni beekuu hin qabinne Taddasaa Birruu Lammii Amaraati se’ee
waan hedduu itti himaa eerga tureen ,booda Taddaasaa Birruu Oromoo
ta’uu issaa gaafa beeku “ Taddasaa Birruu atattamaan akka ajjeefamu H/
Silasee irraa eeyama akka argate seenaan galmeseera.