ADDA BILISUMMAA OROMOO OROMO LIBERATION FRONT Gaafa: 01-12-2013 Date: ﺦﻳﺮﺎﺗ ﻮﻣﻮﺮﻮ أ ﺮﻳﺮﺤﺗ ﺔﻬﺑﺟ Lakk.: No.: 07/stm-abo/2013 مﻗﺮ Dhaala Hookkaraa: Seera Farra-Gooltummaa Mormitoota Siyaasaa irratti Fayyadamuun Mootummaa Goolessituu Wayyaanee Dhaabbachuu Qaba Qaamni qorannoo fi odeessaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hidhamtoota siyaasaa murtiinis tahee murtii malee hidhaman irratti ragaa dhiheessuuf qorannoo geggeessee jira. Akka kanaanis, ragaan tarree hidhamtoota siyaasaa hangi tokko manneen hidhaa Qaalittii, Xoorhayilooch, Ma’ikalaawii fi Qilinxoo irraa funaaname kanaa gaditti tarrifamee jira. Guutummaatti haala jechuu danda’amuun, hidhamtoonni kun kan himataman gochaa goolii, tokkummaa biyyaa yaaddessuu, mootummaa heerawaa hookkaraan fonqolchuuf yaaluu fi miseensummaa dhaabota akka ABO fi kan birootti shakkamuu faa. Hidhamtoonni siyaasaa kun umriidhaan barattoota sadarkaa lammaffaa fi yuniversiitii irraa hanga geggeessitoota hawaasa siiviilii hangafaatti kan jiranii dha. Ogummaadhaanis, qotataa, daldalaa, hojjetaa mootummaa; hogganoota siyaasaa, gaazexessitoota fi kkf. Irra hedduun isaanii Oromoo yoo tahan, dhalattoonni sabaa fi sablammoota Itoophiyaa biroonis baay’ee dha. Hidhamtoota siyaasaa kana keessaa irra hedduun hanga ammaatti waggoota baay’eef kan hidhamanii fi gariin isaaniis gochaan zaliilii qaamaa fi sammuu kan irratti raaw’atame yoo tahu, kaan ammoo rasaasaan dhawamanii kan ajjeefaman faa dha. Kufaatii Mootummaa Cehumsaa bara 1992 irraa qabee, abbootiin aangoo Itoophiyaa mirgoota bu’uuraa of ibsannoo (expression), jaaramuu fi wal gahuu garmalee ukkaamsuudhaan beekamu. Dhiittaan mirga namoomaa gochaa guyya guyyaatti raaw’atamu tahe. Wal diddaa siyaasaatiif sababoota hundee tahan furuu mannaa, ummata Oromoo fi dhaaba isaa kallacha ABO irratti waraana labsuu filate. Kanatti fufees, ilmaan Oromoo fi sabaa fi sablammoota biroo kumootaan lakkaawaman badii homaatuu malee qabamanii hidhamuu, gochaa zaliilii fi seeraan ala ajjeefamuu mudatan. Gariin isaanii osoo hiriira nagayaa geggeessaa jiranii tarkaanfii dabraa humnootni poolisaa fi tikaa fudhataniin ajjeefaman. Sirni TPLF bara 2009 keessa seera Farra-Gooltummaa jedhee ergifatee labsate. Sirni jalqabuma irraayyuu dhiittaa mirga namoomaa bal’aa raaw’achuun beekamu kun, yeroo ammaantanaas seera kana jala gugachuun gochaawwan hammeenyaa raaw’atu hundumaa seera-qabeessa fakkeeffachuuf yaalaa jira. Yaalii kanaanis mootummaan EPRDF yaadota hawaasa addunyaa irraa itti dhihaatan gara dabarsuudhaan akka rakkoon impaayerattii keessaa rakkoo wal diddaa siyaasaa gadi fagoo osoo hin taane yaaddoo gochaa gooltummaa tahetti fakkeessee amansiifachuuf tattaafachaa jira. Addi Bilisummaa Oromoo gochaa gooltummaa bifa kamiiyyuu kan dura dhaabbatuu fi tarkaanfii gooltummaa bifa qabsootiinis tahee bifa mootummoonni diddaa siyaasaa ukkaamsuuf itti dhimma bahan jabeessee morma. Haaluma kanaan gooltummaa mootummaa (state terrorism) Itoophiyaa kan diddaa fi qabsoo siyaasaa rukutuuf itti dhimma bahamaa jiru ni balaaleffata. ABOn yaaddoo dhaabonni mirga namoomaa fi mootummoonni demokraatawoon waaée seerota Farra-Gooltummaa, Pireesii fi Waldaalee siiviikii Itoophiyaa irratti yeroo yerootti ibsatan ni dinqisiifata. P. O. Box 6973 Asmara, Eritrea |Tel 2911 153848 | www.oromoliberationfront.org Biyyoota akka Itoophiyaa kan caasaaleen mootummaa saba tokkichaan dhuunfataman keessatti, dhiittaa mirga namoomaa walii galaa seera-qabeessa godhanii labsachuun, abbaa irrummaa sirna giddu galeessaa (totalitarian system) kan abbaa irrummaa namtokkee (personal dictatorship) caalaa dafee hin buqqaane gad dhaabuutti akka geessu beekamuu qaba. Kanaafuu, balummaan haala siyaasaa Itoophiyaa keessaa yaaddoo qofa godhamee ibsamuu bira dabree, tarkaanfii qabatamaa hawaasa addunyaa fi mootummoota miseensa Mootummoota Gamtoomanii akka barbaadu ABOn yaadachiisuu fedha. Gooltummaa mootummaa seeraan labsatame kan morminu yoo tahu, hidhamtoonni siyaasaa haalduree tokko malee akka hiikamanii fi seerri ukkaamsaa fi cunqursaan kun akka diigamu irratti hawaasni addunyaa dhiibbaa dippilomaasii jabaa mootummaa Itoophiyaa irratti akka godhu waamicha dhiheessina. Injifannoo Ummata Oromoof! Adda Bilisummaa Oromoo Mudde 1, 2013
© Copyright 2025