Guyyaa goototaa Oromoo ilaachisuun dhaamsa Adda Bilisummaa

Guyyaa goototaa Oromoo ilaachisuun dhaamsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO-Jijjiramaa)
Ilmaan Oromoo sadarkaa gara garaa keessatti dirqamaa fi imaanaa jaallan wareegamanii
fudhattani qabsoo roga hundaa gaggeessaa jirtanii fi walumaa gala ummati Oromoo baga
guyyaa gootota keenyaa wajjin geenye.
Guyyaa gootota keenyaa kan kabajnuuf daandii fi kallattii bilisummaa wareegamtooti oromoo
baasaniin injifannoolee sadarkaa biyyoolessattis tahee, addunyaati muldhatan
goonfachuudhaan. Otoo goototi keenya qaqaliin lubbuu isaanii qusannoo tokko malee kennuu
baatanii silaa, yeroo ammaa ummati oromoos tahee Oromiyaan jedhamu tasa hin jiraatu ture.
Oromoon guyyaa gootoota isaa ka wereegamaanii yoo yaadatu gootuummaa yeroon
ammaa isaa irraa eeguuf qophii ta’uuf.
Baatiin Elba seenaa Adda Bilisummaa Oromoo keessatti bara baraan kabajama. Addi
Bilisummaa oromoo guyya kana ka kabajuuf seenaa gootonni ilmaan oromoo jaarraa darban
hedduu irraa jalqabaan biyya isaanii diina adda addaa irraa eeggaatuuf kafalaani yaadaata’aa ,
dhallii ammaa ammoo seenaa gootoota akakkilee fi ababbilee isaa yaadataa dirqama yeroon
dhaloota ammaa irraa eeguu akka bayuuf .
Ummanni Oromoo ummatoota gootuumaan addunyaa keessatti beekamaan keessaa ummata
(saba) tokkoo. Ummata diina itti dhufe hundaa sodaa tokko malee lolee ufi irraa deebisuun
biyya isaa keessatti uflinaa fi kabajaan jaarraa heddu jiraate.
Ummanni Oromoo dhuma jarraa 19thtti garboomee jiraatuu didu’uun wereegama inni kafallee
irraatti hundaayyee biyya isaa humnaan irraa fudhaatamee garboomee, deefattee
bilisoommuu qabaa jedhee falmii hadhooftuu keessaa ka jiruuf . Ummanni Oromoo diina
meeshaa ammayyaa hidhatee itti dulee eeboo fi gaacheena qofaan lolu’uun ufii irraa ittisaa
akka turee seenaa loloota diddaa garbummaa Oromoota Wolloo, Macaa, Tulaamaa , Arsii fi
humbanna yaadatuun ni gayaa. Gootonni akaakilee fi abaabilee keennaa ka mooyamaan
gootuummaan loluu dhabanii osoo hintaane, ol’aantumma meeshaa ammayyaatiin qofa akka
ta’e seenaan ragaadha. Haa ta’u malee, guyyaa garbummaa jalatti kufee haga guyyaa
ardhaatti ummanni oromoo biyya humnaan saamaamee, humnaan deefatuuf qabsoo
bilisummaa godhaa jira. Hagam haa fagatuullee Akka Moyu Ammoo Shakkiin Hin jiru.
Gootummmaan lolanii diina ajjeesssuu qofa miti. Yaada sirri ta’ee irratti ijaannoo qabatanii
yaada san dhugoomsuuf wereegamuun gootummaa gootummaa caaluu. Ebla 15, bara 1980,
hooggannoonni Adda Bilisummaa Oromoo namiin kudhan ka Hayyuu Dureen dhaabaa keessaa
jiru yeroo shiftoota Sumaaleetiin qabamannii akka amaantiin isaaniitiin gargar bayanii akka
dhaabbatan yeroo gaafataman, lakkii nuti Oromoodha Islaamaa fi kirstaanaatti addaan hin
baanu jechu’uun tooftaa diinaa didaanii baka tokkottii wereegamuun seenaa dhalli Oromoo
yeroo hundaa yaadataa ittiin boonu galmeessaan. Oromoo amaantiin adda hin baaftaan
jedhanii bakka tokkotti wereegamu’uun tokkummaa sabichaa tiksan. Yaada sirrii ta’eef
(tokkummaa Oromootiif) wereegamuun gootuummaa ol’anaa dha.
Kanaaf, nuti hooggannoonni, qondaallonni, miseensoonni ABO fi ummanni Oromoo seenaa
gootota ilmaan Oromoo yeroo kabajnu seena gootoota saba isaaniitiif wereegamanii
yaadataa , nuti worri amma lubbuun jiru ammo gootuummaa nurraa eegaamu karaa
hundaan, gootuummaa yaada sirri ta’eef wereegamuu, tooftaa diinni Oromoo kutaan ,
amaantii fi gandaan addaan qoodu affoo dhaabaatu’uun bilisummaa ilmaan Oromoo irratti
wereegamaaniif ammalle irratti wereegamaa jiran bakkaan gayuuf halkaanii guyyaa socho’uu
qabna jenna.
Imaanaa goototi keenya wareegamaniif galmaan gahuuf gaaffiin bilbiltuu yeroo ammaa
qabsoon keenya gaafachaa jiru, Tokkummaa Qabsa’otaa ilmaan Oromoo dhugoomsuu dha.
Tokkummaa dhabiinsa keenyatu diina keenya nurra bubbulchaa jira. Kanaaf, hujiin keenya kan
duraa gaaffii ilmaan Oromoo biyya keessaas tahee, biyya alaa gaafachaa jiran tokkummaa
qabsoo jabeessuu dha. Haarsaa tokkummaa n gaafatu baafinee mooraa qabsoo Oromoo
jabeessuun ammo dirqama hooggantoota qabsoo bilisummaa ti. Haalli amma keessa jirru
yeroo garee fi ilaalcha siyaasaa ykn gandaa fi amantaan wal qoodanii qabsoo Oromoo
gaggeessaa jirra jedhan miti. Haalli amma keessa jirru kanaaf hin eyyamu. Bifuma wal
fakkaatuun tokkummaa fakkeessii fi lafa irratti jijjirama hin finnee dhadhessa oolunis qabsoof
bu’aa hin qabu. Kanaaf jecha tokkummaa dhugaa fi wal amantaa irratti hunda’e tokkummaa
qabsa’otaa hunda ammate gaggeessuuf qophii tahuu nugaafata. Kanaaf, ABO-Jijjiramaa
tokkummaa fakkeessii otoo hin taane, tokkummaa dhugaa fi tarsiimoo tahe akka mooraa
qabsoo oromoo keessatti huumamuuf haarsaa hunda kaffalee dhugoomsuuf murannoon
hojachaa jira. Imaanaa gootota keenyaa kan galmaan geenyu, haqaa fi dhugaa kan ka’umsa
taasifate tokkummaa qabsa’ota yoo huumuu dandeenyee dha. ABOn-jijjirama kana
dhugoomsuun ni danda’ama jedhee itti amana. Carraadhuma kanaan dhaabbilee siyaasa
Oromoo amma yoona tokkummaa mooraa qabsoo Oromoo dhugoomsuuf tattaaffii godhaa
jiran galateeffachaa yeroo gabaabaa keessatti akka injifannoon goolabnu abdii qabna.
Akkasuma dhaabbilee siyaasaa mooraa qabsoo Oromoo dhugoomsuuf tattaaffii taasifamu
keessatti qooda fudhachaa hin jirree fi waamicha tokkummaa qabsa’otaaf owwaachuuf
harkifachaa jirtan ammas waamicha Oromoof balbala keessan bantan gaafanna.
Qabsoo bilisummaa fi dimokraasiif taasifamu keessatti yeroo ammaa gooda fudhannaa fi
abbummaan dargaggoo oromoo sadarkaa murteessa irra gahee jira. Daandii goototi keenya
nuuf saaqan dhalooti qubee galmaan gahuu qabna. Dhalooti qubee hooggansa isaaf maluu fi
toftaa qabsoo kamittuu dhimma bahee, bilisummaa oromoo dhugoomsuu qaba. Hoogansi
fagoo fi nama biraa irraa eegamu hin jiru. Hooggana qabsoof malu dhalooti qubee of keesssa
maddisiisee akkuma yeroo ammaa kana qabsoo bilisummaa ofitti fuudhee jiru galmaan gahuu
qaba. ABOn-jijjiramaa qabsoo Oromoo yoo dhaloota qubeen gaggeeffamee fi hirmaannaa
haqaa dhugoome duwwaa bilisummaan Oromoo dhugooma jdhee ammana. Kanaaf jecha
dhalooti harawaan akka aangahuu fi qooda fudhannaa qabsoo duwwaa otoo hin taane, akka
abbaa itti tahu haala mijeessee jira. Kanaaf dhaloti haarawaan qooda fudhanna fi hoogansa
qabsoo bilisummaa oromoo keessatti taasisaa jirtan dinqisifachaa injifannoo nu hafan akka
goonfannu shakkii tokko illee hin qabnu. Kanaaf ABOn jijjiramaa dhaloota harawaa aangessuuf
gahee isa irra eegamuu hundaa bahuuf qophii tahuu isaa dhugoomsa.
Diinnii keenya wayyaaneen tokkummaa ilmaan oromiyaa diiguuf jecha, yeroo gara yerootti
haala inni uumaa jiru hubannee, mooksaa fi fakkeessii diinaaf bakka kennuu hin qabnu. Maqaa
filannoo fi misooma jedhuun burjaajina yeroo ammaa uumaa jiru bifa kamiinuu qabsoo keenya
irraa ummata Oromoo kan qabbaneessuu miti. Filannoon wayyaanee amma yoonaa maqaa
gara garaa itti moggaafamee taasifamaa jiru waggaa 25f Oromoof bu’aan inni fide hin jiru.
Aangoo wayyaanee jabeesuudhaan ilmaan Oromoo kumaatamootaan mana hidhaatti ugguruu,
biyya irraa baasuu, qabeenya isaa saamuu, dachee irratti dhalate irraa buqqisuu, ergamoota
oromiyaa keessatti caaseffachuun ala, bu’aan waggaa 25 keessatti fidan hin jiru. Faallaa kanaa
qabeenya oromiyaatiin waggaa 25 keessatti wayyaanee fi ergamtooti isaa bileenara ta’anii jiru.
Abbaan qabeenyaa ummati Oromoo garuu, yeroo kamuu caala iyyummaa fi gadadoo jalatti
gidiraa argaa jira. Kanaaf jecha ololaa fi afaan faajjii wayyaanee fi ergamtooti isaa huumaa
jiraniif tasa gurra kennuun bu’aa hin qabu. Bara baraan diina ofirra bubbulchuuf daboo bahuufii
hin qabnu.
Fayidaa fi gaaffiin ilmaan oromoo kan milkaahuu qabsoo ilmaan Oromoo taasisaa jiran keessatti
hirmaachuudhaan gahee nurraa eegamuu yoo bane duwwaa dha .Bilisummaa fi abbaan
biyyummaa keenya dhugoomu malee , qicaan alagaa irraa nutti kennamu dheebuu nubbaasu.
Kanaaf akkuma goototi keenya haarsaa lubbuu kaffalanii sadarkaa kanaan nu gahan, nutis
haarasa qabsoon yeroo ammaa nugaafatu baafnee, Bilisummaa fi Abbaa Biyyummaa keenya
haa dhugoomsinuu jenna.
Injifannoo Ummata Oromoof
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO Jijjiramaa)
Elbla 15, 2015