Waamicha Qophi Ayyana Irreecha, Galgala Tumsa fi Bashannanaa Oromoo Bara 2015 kan biyya Jarmanii Magaala Frankfurt, Fulbaana 19, 2015 1 Ilmaan Oromootaa Kabajamoo fi Jaallatamoo, barana walitti dhufnee waqa keenya kan nu uume kadhachuuf, Aadaa fi Duudha keenya guddisuuf, saba Oromoo fi Ormumma warri biyya kecha jiranuttis beeksisuuf, Fulbaana 19, 2015 magaala Frankfurtitti ni ayyaaneefanaa. Sagantaa Ayyaaneefanaa: 1. Irreefachuun sa’aa 12:00 eegalee sa’aa 14:00 xumurama Bakkeen irreefanaa haroon Rebstockpark keessatti argama. Haroon kunis Rebstockbad bakke mana keessatti daakamu duuba jira. Achii dhaquuf : - mana baabura Frankfurt (Frankfurt Hauptbahnhof) yoo geechan, karaa magaalaatti nama baasun baatani bakka baabura magaala (Straßenbahn) yaabbatamu dhaqtanii. - Achitti baabura (Straßenbahn) lakkoofsa 17 Rebstockbad kan irratti barreefamee yaabatani, dhaabbii (Station) dhumaatti irraa butuu. - Achirra kara fuulduraati yoo deemtan mukkeen argiitu, mukkeen san duba uurufa baldhaa argitu karaan urufa sun Max-Pruss-Strasse jedhama. Bakkee uuruufaa gama yoo laaltani daggala argiitu. Daggala keessa yoo seentan fuuldura yoo laaltan Rebstockpark bakkee namnii irratti bashananuu argitu. Haroonis achuuma keessa jira. - Google yoo fayadamtan, Rebstockbad, Frankfurt, ykn. Max-Pruss-Straße, Frankfurt, karaa isaa akka salphaatti argatu. 2. Bakka Bashananaan Rödelheim , Wolf-Heidenheim Straße 7, 60489 Frankfurt am Main jedhama. Achi dhaquuf: - bakka irreefanee irraa kaanee Rebstock badii biratti Atobusii lakkooofsa 34 Bornheimmitte kan jedhu yaabbannee Rödelheimbahnhofitti irra buunaa. - Achi irra kara lafajala deemsisun kara bitaa qabanee gamatti ceenee bakaa busa 55 fi 60 dhaabbatu irra Atobusii Lakk 55 ykn. Busa 60 yabbanee dhaabbii (Station) lamataa bakka WolfHeidenheim Straße jedhamutti irraa buna. - Achii irra duubatti deebnee kara mirga yoo laalu Wolf-Heidenheim Straße kanjeedhu barreefamee argina. Manichis lakkoofsi isaa Wolf-Heidenheimer Straße 7 - Yoo Frankfurt Hauptbahnhof irra bakka bashananaa dhufu barbadan Gleis 104 irra S-Bahn lakkofsa 3 ykn lakkofsa 5 kan karaa Bad Söden deemu ykn S-Bahn lakkofsa 4 karaa Krönberg deemu yaabatani Rödelheim-bahnof irra butani achirra Atobusii Lakk. 55 ykn 60 yaabbattani dhaabbii (Station) lamataa irraa butuu. - Achii irra duubatti deemtani kara mirga yoo laaltan Wolf-Heidenheim Straße kan jeedhu barreefamee argiitu. - Achiitti sirba bashanansisaa , nyaata fi dhuugatinis akka gaariitti qopha'ee isiin eega. 3. Yeroo ammaa kanaa Biyyaa Oromoo keessatti godinaalee adda addaatti roobni waan dhabameef namoonnii hedduun beelaan miidhamaa akka jiraatan himama jira. Haaga ammaatti mootummaan biyya saama jiru kunis gargaarsa saba kenyaaf akka hingoone himame. Kanaafu biyya irra bilbilani rakkina qaban biyya addunyaatti nu beeksisa jechaa jiru. Kanaafu sabnikenya yoo rakkatuu duran dursinee gargaaruun nuf dirqama wan ta'ef , galii guyyaa kana argameen saba kenya ittin gargaarra. Akkuma dandeetti keenya buusii bufnee saba kenyaf ni arjoomna. Akkaatas Addunyaan rakkiina saba kenya kan beelaan saaxilamee beeksifnee haala gargaarsa gaafanuu irrattii ni mari'anaa. 2 Kaayyon kenya kan baranaa waaqa keenya kadhachuu , aadaa fi dhudhaa keenya guddisuu duwwaa otuu hin ta'iin saba keenya gargaaru irratti xiyyeeffanaa. Qophii irreecha kana irratti argamtani tokkummadhan akka waliin ayyaaneefanuu kabajaan isin afeera. Koree Qindessitoota Yoo gaaffii qabaatan bilbilaan nu gaafachu dandeechu. Odeffannoo dabalaatf maalo, lakkofsa bilbilaa kanan gaditti tarreffamanin nu qunnamaa: 01521 225 29 57 01521 380 26 04 01521 053 18 11 01521 904 49 54 01521 146 11 79 01521 380 26 04 3
© Copyright 2025