Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Onkoloolessa 12 2015

Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa,
Bilisummaa fi Dimokraasiif(SDBBD)
National Youth Movement for
Freedom and Democracy (NYMFD)
Mootummaan EPRDF(TPLF) Labsii Master Plan Finfinnee fi Magaaloota
Oromiyaa To’achuuf Baasee Caffeen Oromiyaa Raggasiise Guutummaatti
Dura Dhaabbachuun Qeerroon Bilsummaa Ibsa Qabxii 7 Baase.
Onkoloolessa 12,2015
Finfinnee
Sochiin Dargaggoota Oromoo Biyyoolessaa (Qeerroon Bilisummaa Oromoo) Labsii Master Plan
Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa to’achuuf labsame Caffeen Oromiyaa raggasiise duula
Oromoo qe’ee isaa irraa balleessuu fi diigumsa Oromiyaarratti raggaasifame dha jechuun gadi
jabeessee balaaleffachuun ibsa ejjennoo qabxii torba dabarsan.
Duula lammiilee Oromoo dhabamsiisuu fi Biyyaa Balleessuutu Uummata Oromoo fi Oromiyaa
irratti labsame.Labsii mootummaan Wayyaanee maqaa OPDOn Caffee Oromiyaa teessisuun
yaa’ii Onkololessaa 1-3tti taa’ame irratti labsii Master Plan Finfinnee mirkaneessuuf taa’ame ,
Finfinnee dabalatee Magaalotni Oromiyaa hundi akka harka mootummaa EPRDF/TPLF’n
to’atamutti raggaaasifamee waan jiruuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhimma labsii Caffeen
Oromiyaa dabarsee kana gadi jabeessuun balaaleffachuun ibsa murtii qabasoon dura
dhaabbachuu baase!!
Jaarmiyaan Sochii Dargaggoota Oromoo biyyoolessaa ykn Qeerroon Dargaggootni Barattootni
Oromoo labsii kana yeroo dhageenyutti Oromiyaan, Uummatni Oromoo, Aadaan,Afaanii fi
eenyummaan Oromoo akkasumas qabeenyi Oromoo ,sirni Gadaa Oromoo,
hawaasummaan,barnootaa fi dinagdee Oromoo harka sirna garboomsaa EPRDF/TPLF ‘n kan
to’atamu ta’uu waan nutti muldhateef gadi jabeessuun balaaleffanne.
Labsiin Kun akkuma bara 2014 Qeerroon, Barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo
mormii master Plan Finfinnee,Magaalota naannawaa Finfinnee fi Magaalotaa gurguddoo
Oromiyaa kanneen akka Amboo,Jimmaa, Mattuu, Neqemtee, Gimbii, Walisoo, Adaamaa,
Shaashamannee,fi Harammayaa to’achuun bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin akka to’atamtuuf
kan itti yaadamee as baheedha jechuun gaaffii iyyannoo keenyaa lakkoofsa 1ffaa hanga 9ffaatti
jiru keessatti kallattii hundaan dhiyeeffannee sagalee guddaa fi wareegama qaalii itti kanfaluun
kan dura dhaabbatnedha. Yoo xiqqaatee ilmaan Oromoo 280 olitti lakka’aman wareegama
www.Qeerroo.org
[email protected]
lubbuu kanfalaniiru, ilmaan Oromoo kumootaan lakkaa’aman manneen hidhaa biyyatti
garaagaraa keessatti jumlaan hidhamuun dararaa ulfaataa argaa kan jiranii fi barattootni Oromoo
dhibbootaan lakka’aman barnoota isaanii irraa arii’atamaniru. Labsiin raggasifame kunlLabsii
wareegama ilmaan Oromoo irra tarkaanfatee afaan qawweetti abdachuun Oromiyaa diiguu fi
ilmaan Oromoo shororkeessuun jireenya dhorkatuu fi labsii seenaa keessatti yakka ol-aanaa ta’e
baasuu fi raggaasisuun Caffee Oromiyaa Wayyaaneen dhaabde itti gaafachiisu dha.
Uummanni Oromoo labsii raggaasifame kana tokkummaan dura dhaabbachuun aduunyaa jiru
mara keessatti mormiin akka dura dhaabbachuun barbaachisaa dha. Gahee abbaa biyyummaa fi
mirga tikfachuu qabnu mara kafaluun mirga keenyaa fi mirga biyyaa keenyaa kabachiifachuuf
ibsa armaan gadii uummata Oromoo hundaaf dabarsuuf dirqamnee jirra!!.
1. Nuti Qeerroon dargaggootni Oromoo mootummaan Wayyaanee maqaa master Palan
jedhuun duula uummata Oromoo irratti bane jiru kan Caffeen Oromiyaa raggasise,
Balaaleffachuun kallattii hundaan FDG finiinsuun mirga keenya akka falmatnu
dhaammatna. Akkuma Irreechaa Hora Arsadee fi malkaa Ateetee irratti tokkummaa isaa
jabeeffate diina rifaasisaa ture; akkasumas wal arguun dhimmoota labsii duguuginsa
sanyii fi diigumsaa Oromiyaa irratti labsamee raggasifame kana balaaleeffachuun
walleelee warraaqsaa fi sagalee dhaadanoo mormii guddaa dhageesisuun, labsiicha
balaaleffatan kun waadaa guddaa waadaa Oromummaa waliif seenuun labsii diinaa ni
fashaleessina,bakka hundatti mirga Oromoo ni kafachiifna,ni falminas jechuun waadaa
mirga namoomaa fi Oromoo tiksuuf qabdanii haaromfattan kabajuuf qophii haa taanu
jechuun Qeerroon dhaamsa dabarsa.
2. Caffeen Mootummaa naannoo Oromiyaa Onkololessaa 1-3tti taa’een seenaa gurracha
fokkataa hojjechuun Master Plan Finfinnee raggasisuu irra darbee Magaalota Oromiyaa
hunda dabarsee gurguree jiru kun uummata Oromoo kan bakka hin buune fi uummata
Oromoof kan hin dhaabbatne ta’uu kan muldhisuu yoo ta’uu yakkaa ulfaata Oromoo fi
Oromiyaa irratti raggasisee kana hattamaan irra deebi’uun akka haquu gadi jabeessinee
gaafatna. Yoo labsii Wayyaanee EPRDF/TPLF kan qopheesse hin haquu ta’ee Caffeen
Oromiyaa ofiin jedhuu yakkamaa ol anaa ta’ee seeratti akka dhihaachuu qabu uummanni
Oromoo bakka jiruu irratti hojjechuu qaba jenna.
3. Yakka ajjeechaa fi saaminsa,akkasuman dararaa haraa hundaan mootummaan
EPRDF/TPLF uummata Oromoo irratti fudhachaa turee fi jiruu, akkasumas yakka
fulduratti uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo irratti fudhatamuuf Caffeen kun itti
gaafatama guddaa jala jiraachuu Qeerroon hubachiisa!!
4. Miseensotni Caffee Murtii qomoo Oromoo balleessii Uummata irratti dabarse kun kan
isaan jiraatan uummata Oromoo sadarkaa aanaa jiru keessa ta’uu beekuun Uummatni
Oromoo dargaggootni Oromoo, hojjettootni Oromoo, Barattootni Oromoo, qonnaan
bultootni Oromoo, ogeessootni fayyaa Oromoo , Poolisootni Oromoo , humni raayyaa
ittisa biyyaa Oromoo taatanii fi hojii dhabdootni Oromoo yakka miseensota Caffee
Oromiyaa uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti taasisaa jiran dura akka dhaabbattan.
5. Uummatni Oromoo hundi Oromiyaa diigamaa fi gurguramaa jirtu, Saba Oromoo
jumlaan ajjeefamaa, hidhaamaa fi jiruuf barnootarraa arii’atamaa jiru, uummata keenyaa
qe’ee irraa buqqa’aa balaa beelaan haleelamaa jiruu garaa maalitu nuuf ta’aa? Kanaaf
haalduree tokko malee yeroon gamtaan kaane falmannuu amma Oromoo harka
walqabadhuun ka’ii!!
www.Qeerroo.org
[email protected]
6. Jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo fi beektootni Oromoo hundi Labsii uummata Oromoo fi
Oromiyaa irratti labsame kana utuu arginuu teenyee wal irratti ilaaluun itti gaafatama
guddaa jala waan isin galchuuf, Oromoon kan qabsaa’uuf, Uummata isaa waanjoo
garbummaa keessa jiru bilisa baasuu fi Oromiyaa harka abbaa irree keessatti qawween,
saamamaa eegamaa turtee kana walaboomsuuf yoo ta’u, Erga biyyi ciicciramtee
diigamtee maaliif akka qabsaa’amuu fi eenyuuf akka qabsa’amu gaaffii keessa waan isin
galchuuf yeroon harka walqabatnee labsii waloon Oromiyaa fi Oromoo irratti labsame
raggasifame kana waloon kaanee dura dhaabbachuun falmannuu amma ta’uu hubachuun
waamicha lammummaa gadi jabeessuun isiniif dabarsina!!
7. Poolisootni Oromoo, korri bittinneessaa Oromiyaa, Milishoonnii Oromiyaa fi ilmaan
Oromoo Raayyaa ittisa biyyaatti keessatti argamtan labsii Master Plan Finfinnee fi
Magaalaalee Oromiyaa to’achuuf labsame raggasifame kana dura akka dhaabbattan
waamicha keenya isiiniif dabarsina. Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF Humnoota
caqafaman kana irraa meeshaa hidhannoo waraanaa hiikkachiisuu waan danda’uuf bakka
jirtaan hundatti dammaqiinsaan of eeggannoo gootanii duula saba Oromoo irratti baname
akka balaaleffattanii mirga saba keessanii falmattan jechuun waamicha keenya isinii
goona .
Jechuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo labsii Master Plan Finfinnee fi Magaaloota
Oromiyaa to’achuu fi Uummata Oromoo jumlaan hidhuu,fi aajjesuuf qophaa’e kana
kutannoo fi muratnoodhaan dura dhaabbachuun falmachuutti kan jirruu ta’uu ibsa qabxii
torba dabarfachuun labsii uummata keenyaa fi Oromiyaa irratti raggasifamee gadii
jabeessuun balaaleffanna!!
Injifannoon Uummata Oromoof!
Gadaan gadaa Bilisummaati!!
Onkoloolessaa 12/2015
www.Qeerroo.org
[email protected]