Ibsa Miseensota Adda Bilisummaa Oromoo Godina

Guyyaa 24-02-2015
Ibsa Miseensota Adda Bilisummaa Oromoo Godina
Awurophaa.
.
Nuti miseensoni Adda bilisumma
oromoo godina Awuropha hala
dhiyenaa kana matan motummaa
wayyannee kan ta.e abbay tshayen
dhamsaa karoora abbotii isaa kan duguggaa sanyii Genocide
Ilmaan oromoo irraati labsuu isaa irraa kan ka,e nutis akka
miseensota Adda bilisummaa oromoo fi akka lammii oromoo
tokkoti dhamsaa kena Hawaasa oromoo hundaaf ibsina.
Ilmaan oromoo guyyaa gabrumaa jalati kufaanii kaassee
halkaani fi guyyaa baddaa fi gammoojii roba fi aduu osoo
hin jedhiin qabsoo saba isani galmaan gayyuuf diinaa mirgaa
isaani sarbe kufaa fi kufisaa jiru. dhumaa bara 1980 keessaa
ergaa ummaanii oromoo sirnaa gabrofatuu
Habashotaa
jalatii kufee kaassee sirnii habashotaa kun oromoo fi
oromiyaa dhabsiisuf jechaa dhagaan isaan hin fonqochiin
hin jiruu haa ta,uu malee akkuma minilikii abbotaa kena
Harkaa Muree fi Ayyota Harmaa mure oromiyaa dhunfatee
sabani kena akka sirnaa isaa kan ta,ee sirnaa Gadaatin akka
of hin bulchiinee godhaamee jira. guyyaa saan irraa kaassee
ummaani oromoo qabsoo isaa halkaani fi guyyaa godhaa
tureen oromiyaa fi oromumma akkasumas afaan oromoo
akka afaan barnoota ta,uu godhee jiraa haa ta,uu malee haali
ammaan kana sirna abbaa irree waayyaanneen godhamaa
jiruu maqaa dimookrasii jalatii dhokachuundhan oromoo fi
oromiyaa dhabamsiisu ta,ee jira . Akkuma bekamuu Yeroo
ammaan kana maqaa Master plani Finfinnee
jedhuun
gabromfatuun waayyaanne lammiillee oromoo 2,000,000
olitii lakkayyaaman dachee abbaa isaani irraa buqisuuf
halkaanif guyyaa kara daballootaa fi jaledhaan isati
fayyaadamuun saba kena dachii umaamaan rabbiin isani
kene fi
irraati umaamani
irraa jiraata turan
sababaa
maqaa maste plani finfinnee jedhuun buqisuuf karoorfatuun
ishee bekamaa dhaa. sabaabuma kanan kaan waal qabatee
bara 2014 keessa Oromiyaa godinallee addaa addaa keessatii
dura dhabanoo Hawaasnii oromoo keessatu baratooni
oromoo godhaaniin batalumaati baratooni oromoo 70 ol
ta,an
gara lafinaa tokkon malee rasaasa wayyanneetiin
yeroo ajjeefaman
kaneen dhibaa heduutii lakkayyaman
maneen hidhaa wayyaane bakka addaa adda keessatii
daraaramaa jiruu . Kaneen dhibaa hedutii lakkayyaman
biyyaa abbaa isaanii irraa baqachuun hirbataa qurxxumii fi
gammoojjii sahara keessatii lubbun isaani baha jiraa.
Mootummaan gabroftuu Wayyaanee karooraa fi imaammata
Abbootii isaa irraa dhaale oromoo fi oromiyaa balleessuf
waggoota 23 dabraniif dachee oromoo kaneen akka Boolee
Bulbulaa,
Laga
Xaafoo,
Aqaaqii,
Sabbataa,
Sulultaa,
Buraayyuu fi kkf irraa qotee bulaa Oromoo buqisuun Dachee
ilmaan oromoo sammuun gurgurataa fi hirataa as gahee jira,
ilman oromoo sirnaa wayyaannetiin mormaan maqaa addaa
addaa itti mogaasuun hidhuu ajjeesuu fi biyyaa abbaa isaani
irraa baqqachiisuun har’a gahee jira. akkasumas magaalale
akka Diree Dawaa fi Awadaay
federala jala galchuun
guyyaa borutiif akka isaani mijayuutii tolfataa jiruu.
Akkasumaas saba fi sablamotaa naannoo oromiyaa qubataan
saba oromoo waalin waalitti busun dachee oromoo mure
saba biratif akka kena ture ni yaadatama ,Akkumaa yeroo
ammaan kana magaalaleen Nannoo finffinnee jiraan federala
jalatii deebi,u qabaa jedhani duguggaa sanyii Genocide saba
oromoo
irraatii rawwaata jiru,
har,a bule boru
Baddiyaalleen Nannoon Diree Dawaa fi Awadaay jiraan akka
federalaa jalatii deebi,u jette TPLF laabsuun ishee waan hin
oledha ,Bifumaa kanaanis Oromiyaa kukutaani balleessuun
akka karoora
gabrofatuu wayyaannee TPLF
ta,ee sabni
oromoo hundii isaa akka hubatuu qabuu jala saraaree saba
oromootif
dhamna. Sabni oromoo biyyaa fi biyyaa omba
keessaa jiratuu harkaa waal qabatee sirnaa nama nyataa
wayyaanee kan duguggaa sanyii ilmaan oromoo irraatii
rawwata jiruu kana duraa dhabaachuun akka master plani
wayyaanne kun akka hujiitti hin hikamneefis warreegamaa
barbaachiisuu akka bahu qabu asumaan
hubachiifnaa,
dhaboleen maqaa siyaasa oromoo badhaatani jiraan hundii
isaani tokkummaan akka sirnaa Namaa nyaata wayyaanee
kana irraatii xiyyeefataan Akkasumas waan harkaa qaban
hundan
akka wayyaannee irraati tarkaanfi fudhataanis
isaan gafan. dhumaa iraatii dhamsaa ilmaan oromo guttu
adunyaa irraa jiran hundaaf .
1 Nuti miseensoni Addaa bilisummaa oromoo
Awurophaa hanga oromoo fi oromiyaan
Godina
bilisomtuuti
warregamaa nura egaamu hundaa hamaa warregamaa
lubutii bafnee mirgaa saba kena kabachisuuf qophii dhaa.
2 waldaallen Hawaasaa oromoo guttu Adunyaa irraa jiran
tokkummaan ka,ani akka master planiin wayyaanne
kun
hujii irraa hin olee mormii isaanii akka dhageesiisan gafana.
3 waldaan Dargaggootaa oromoo kan guttu Adunyaa irraa
jiruu murtii gahaa fi sirnaa qabeessa ta,e akkasumas hama
warregama lubutii akka of qopheessuu qaban gafan.
4 waldaan amaantallee oromoo hundii Islaama, Kiristanaa ,
Waqeefana wangeelaa fkk tokkummaan ka,ani akka
master planiin kun hujii irraa hin olee mormii isaanii akka
dhageesisaan gafana.
5 dhaboolleen siyaasa oromoo kaneen biyyaa keessaa fi ala
tokkummaan akka masterpilani wayyannee kana dura
dhabataan gafana .
6 waldaallen Dubartoota
oromoo kara daandaayamee
hundaan akka maste planin wayyanne kun hujii irraa hin
ollee dirqamaa oromumma isaani akka bahan gafana.
7 dhumaa irraatii hawaasnii oromoo guttu Adunyaa irraa
jiru
humnaa. daandetii fi qabenyaa isaattin akka
Adda
bilisummaa oromoo B-G- Kamaal Galchutiin hoganamuu
biraa akka dhabatan maqaa miseensotaa
Adda
Bilisumma
Oromoo
Godinaa
Awurophaatiin Gafana.
InjjiifanoonUmmataOromoof
MISEENSOTA ADDA BILISUMMAA OROMOO ABO GODINA
AWUROPHAA