Iyyannoo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Bulchiinsa

Iyyannoo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa
Bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaatiif
Jimma
Bitootessa 2,2015
Nuti dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa rakkina haala
yeroo uummata keenya hudhee qabee jiruu fi yeroo irraa gara yerootti
jechootni ilmaan nafxanyaa uummata keenya tuffachuu, xiqqeessuu, arrabsuu
fi yakka duguuginsa sanyii(genocide) moototni habashaa fi dabbalootni
EPRDF/TPLF ummata Oromoo irratti rawwachuu irra darbuun dhiyeenya kana
sadarkaa itti aanatti gorsaan mootummaa EPRDF/TPLF Abay Tsayee jechoota
dhiiga nama danfisuun uummata Oromoo ifatti ba’ee arrabsuun isaa tuffii saba
Oromoof qabu agarsiisuu caalaayyu dhiiga barattoota obboloota keenya bara
darbe gara laafina tokko malee ajjeefamanitti qoosuu waan ta’eef boqonnaa
nu dhorkee jira. Dhaadannaan hooggana TPLF kun seeruma mootummaan
Itoophiyaa baafatee ittiin masakamuun illee kan isa gaafachiisu dha.
Bara darbe Ebla 11/2014 irraa eegaluun gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi
dimookiraasii bifa barreeffamaan qaama dhimmi isaa ilaalu hundaaf
dhiyeessinee, akka guutuu biyyattiitti warraqsaa FDG karaa nagaa gaggeessa
jirruuf mootummaan EPRDF/TPLF barattoota Oromoo nagaa qalama malee
meeshaa tokko of harkaa hin qabne irratti humna waraanaa bobbaasuun
lubbuun ilmaan Oromoo dhibbootaan lakkaa’aman galaafatee jira.Barattootni
Oromoo kumootaan lakkaa’aman mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti
guuramuun hanga har’aatti dararaan irratti rawwatamaa jira. Gaaffii keenyaaf
deebiin ajjeechaa jumlaa, hidhaa, reebicha, barnoota irraa hari’atamuu fi
dararaa sukkaneessatu nurratti fudhatame. Mootummaan biyyan bulcha jira,
sirna federalizimii fi dimookiraasiin utubameen jira, jedhee dhaadatu gaaffii
mirgaa karaa nagaa gaafatneef humna waraana Agaazii jedhamuun beekamuu
fi garalaafina tokkollee hin qabne nurratti bobbaasuun yakka duguuginsa sanyii
(genocide) waliin wal-gitu raawwachuudhaan yakka itti gaafatama seera idiladdunyaa jalaa isa baasuu hin dandeenye keessa galee jira. Yakka duguuginsa
sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwateef hanga ammaatti itti gaafatamuumma
fudhachuu diduudhaan seeraa addunyaa cabsee jira. Yeroo amma kanatti
immoo yakka duguuginsa sanyii uummata Oromoo irratti rawwatameef “itti
gaafatamaan uummata Oromoodha, qabeenyaa badeef itti gaafatamuu
qabdu” jechuudhaan miidhaa qabeenyaa sababa dalagaa badiinsaa fi seeraan
alaa ergamtootaa fi dabballota isaatiin magaalaa Amboo fi Oromiyaa bakkoota
tokko tokkotti qaqqabeef uummata dirqisiisee gibiraa fi beenyaa kaffalchiisaa
jiraachuun mirkanaa’ee jira.
Mootummaan amma aangoo siyaasaa biyyattii dhuunfatee jiru, mirga
dhalootaan nuuf kenname,mirga dhala namummaa fi dimookiraasii nu irraa
mulqee, mirgi uummata Oromoo dhiitamaa, qabeenyi ummata Oromoo
saamamaa, yakka tokko malee hidhamaa, reebamaa fi ajjeefamaa hiyyummaa
fi gadadoo keessa kan jirru ta’uu dhugaa addunyaan beekudha.
Walumaagalatti, rakkinoota haala yeroo keessa jirru ilaalchisuun furmaata
sirna qabeessa argachuuf qaamota dhimmi isaa ilaalu hundatti iyyannoo
keenya dhiyeeffachuuf, mirga keenyaaf falmachuuf murteessuun iyyannoo
keenya haala wal irraa hin citnee fi addunyaan dimookiraasii leellistuu fi
jaarmiyaaleen mirgoota namummaa addunyaa fi mootummootni gamtooman
nu cina dhaabbachuun mootummaan abbaa irree kun yakka duguuginsa sanyii
(genocide) uummata Oromoo irratti gaggeessaa jiruuf itti gaafatamee seeratti
akka dhiyaatuuf jennee yeroo dhiyeeffannu, gaaffiiwwan armaan gaditti
tarreessineef haalduree tokko malee deebii sirriin akka nuuf kennamu kan
barbaannu ta’uu beeksifna.
1. Dabballee fi Angawaan mootummaa EPRDF/TPLF Abbay Tsaayee
sadarkaa itti aanatti gorsaa mootummaa kan ta’e dhiheenya kana
walgahii dhoksaa sirnichi taasise irratti jechoota dhiiga namaa danfisuu
fi eenyummaa fi sabummaa uummata Oromoo xiqqeessuun
dhaadachuudhaan saba Oromoo guddicha kana irratti labsii waraanaa
godhee mediyaa walaba adda addaarratti ifa ta’ee jira. Saba Tigree fi
hundeessitoota TPLF keessaa tokko kan ta’e Abbay Tsehaye, of
tuulummaadhaan guutamee saba Oromoo mirga dhalootaan qabu
sababa karaa nagaa gaafateef qee isaarratti hidhamaa, hiraarfamaa fi
ajjeefamaa jiru, “liki innasgabbachewaallen”, jechuunis karoora
cubbamaa inni fi dhaabni isaa TPLF ummata Oromoof qaban kanneen
morman “qoricha qonnaaf” jechuudhaan tuffii hangana hin jedhamne
ummata Oromoof qabu ifatti labsee jira. Nuti barattoonni Oromoo,
dhiigni obboloota keenyaa dhangala’e utuu hin qooriin akka kana
2.
3.
4.
5.
yammuu sabummaadhaan xiqqeeffamnee nurratti qoosamu teenyee
ilaaluu hin dandeenyu. Kanaafuu, aangawaan TPLF Abbay Tsehaye
jedhamu kun hatattamaan akka aangoorraa kaafamuu fi yakka
duguuginsa sanyii (genocide) uummata keenyarratti rawwachaa turee fi
amma illee labsaa jiruuf seeratti akka dhiyaatu gaafanna.
Bara darbe Ebla 11/2014 irraa eegaluun gaaffii mirgaa fi dimookiraasii
karaa nagaan barreeffamaan dhiyeeffaneef aangawootni sirna
EPRDF/TPLF/OPDO yakka ajjeechaa duguuginsa sanyii (genocide)
uummata Oromoo irratti labsuun uummata karaa nagaa sirna abbaa
irreen mormaa jiru jumlaan ajjeessan, hidhatti guuran, barnoota irraa
ari’atan, manguddoo ganna 80 hanga daa’ima ganna 7tti utuu bira hin
darbiin guyyaa saafaa yakka gara jabeenyaan guutameen dhukaasanii
ajjeessaniif toannoo jala oolfamanii hatattamaan seeraatti akka
dhiyaatan gaafanna.
Shirri maqaa misoomaa ‘’Master Pilaanii Finfinnee’’ jedhuun
mootummaan EPRDF/TPLF uummata Oromoo qe’ee fi qabeenyaa isaa
irraa buqqisuun afaan, aadaa, eenyummaa fi duudhaan uummata
Oromoo akka quucaruu fi maappiin (Kaartaan) Oromiyaa akka ciccituuf
shira waggaa 23 guutuu itti yaadama ture gadi baasuun adeemsi hojitti
hiikuuf fiigaa jiran haalduree tokko malee akka dhaabbatu gaafanna.
Magaalaan Finfinnee mataan isheeyyu qabeenya Oromo waan taateef,
bulchiinsi magaalaa Finfinnee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin akka
haa to’atamuu fi gaggeeffamuu qaba.
Yaaliin magaalawwan gurguddoo Oromiyaa naannawaa Finfinnee
kanneen akka:Bshooftuu, Dukam,Aqaaqii Qaallittii, Sandaafaa, LagaXaafoo Laga-Daadhii, Sulultaa, Buraayyuu, Hoolotaa fi Sabbataa
bulchiinsa Finfinnee jala galchuu fi magaalaawwan Oromiyaa kanneen
akka Adaamaa, Shaashamannee, Jimmaa, Naqamtee fi Amboo illee
to’annaa mootummaa Federaalaa fi bulchiinsa magaalaa Finfinnee jala
galchuuf shirri guddaan Oromiyaa irratti raawwatamaa waan jiruuf,
mootummaan ‘EPRDF’ akeeka kana akka hatattamaan nurraa dhaabuu
gaafanna.
Gurgurtaan lafaa maqaa Investimeentii fi Liizii jedhuun mootummaa
amma aangoo irra jiruun Oromiyaa keessatti babal’chuun Uummata
keenya qe’ee fi qabeenya dhabsiisuun abbaa biyyummaa fi qe’ee
6.
7.
8.
9.
uummata Oromoo sarbaa waan jiruuf, keessattuu,naannawa
Finfinneetti uummanni keenya qe’ee fi qabeenya isaanii irraa
buqqifamuun jiruu fi jireenyaan dararamaa waan jiraniif, akeekni kun
uummata keenya irraa akka dhaabbatu gaafanna. Kanneen qe’ee fi
qabeenya isaanii irraa buqqa’aniifis beenyaa guddaan kanfalameefii
qe’ee isaanii fi lafa isaaniitti akka deebi’an gaafanna.
Gaaffii mirga abbaa biyyummaa ,mirga dhala namaa fi dimookiraasii
Ebla 11/2014 irraa eegaluun ifatti gaafatneef ilmaan Oromoo dhaabilee
barnoota olaanoo garaagaraa fi godinaalee Oromiyaa hunda irraa
jumlaan guramanii hidhatti ukkanfaman atattamaan akka hiikaman
gaafatna. Kanneen ajjeefamaniif akka gumaan kanfalamu,kanneen
barnoota irraa arii’aman barnoota isaanitti akka deebi’an gaafatna.
Mootummaan biyya bulchaa jiru hamilee isaanii cabee fi qaama isaanii
hirateef akkasumaaf lubbuu badeef beenyaa akka kanfaluufi
dabbalootni mootummaa kanneen tarkaanfii ajjeechaa, hidhaa,
barnootaa irraa ari’uu irratti keessaa qooda fudhatan hundi akka
seeraatti dhiyaatanii adabaman gaafanna.
Mirgi dimookiraasii fi namummaa uummata keenyaaf akka kabajamuu
jala murree akeekkachiifna.
Uummanni Oromoo akka baay’ina isaatti, akka qabeenyaa isaa fi bal’ina
lafa isaatti gama siyaasaan qoodannaan aangoo sirna ‘EPRDF’ keessatti
qabu xiqqaa fi qaanfachiisaa waan ta’eef, bulchiinsii sirna dimookiraasii
dhugaan dhaabbatee, uummata keenyaaf qoodannaan aangoo siyaasaa
madaalawaan kennamuufii akka qabu beeksifna. Mirgi abbaa
biyyummaa uummata Oromoo kabajamuu qaba.Uummanni Oromoo
gita bittaa kamiyyu jalaa ba’ee ofiin of bulchuu qaba.Mirgi qe’ee fi
abbaan qabeenyummaa isaa mirkanaa’uu qaba jennee jabeessinee
gaafanna.
Biyya dimookiraasiin hin jirree keessatti filmaata haqa qabeessaa fi
dimookiraatawaa ta’e gaggeessuun hin danda’amu waan ta’eef maqaa
filannoo waliindha’insaa fi sobaan mootummaan EPRDF, jecha
dimookiraasii fayyadamuu malee gochaan isaa faallaa dimookiraasii
waan ta’eef adeemsii filannoo sobaa gaggeeffamaa jiru akka
dhaabbatuu fi filannoo dhugaadhaaf haalli akka mijeeffamu gadijabeessinee gaafanna.
10.Ademsii jaarmiyaalee siyaasaa biyyatti hunda hirmachisuu
mootummaan ce’umsaa hundeeffamee bu’uurrii demokiraasii dhugaan
akka hundeeffamuu, Boordiin filannoo gartuu kam irraa iyyuu bilisa
ta’ee uummataan akka filamuu fi filmaatni dimokiraatawaan kan
jarmiyaalee bilisummaa uummata Oromoo,mirga namummaa fi
dimookiraasiif qabsoo gaggeessa jiranii fi akkasumas jaarmiyaaleen
saboota cunqurfamoo hunda kan hirmaachiise filannoon bilisaa fi
walabaa akka gaggeeffamu jabeessinee gaafatna.
11. Humnootni tikaa,waraanaa fi milishootni mootummaa EPRDF’n
hundeeffamanii bu’aa mootummaa Wayyaanee qofa tiksuu qofaaf
dhaabbatan atattamaan akka diigaman jabeessinee gaafachuun;
humnootni tikaa fi qaamoleen nageenya sabaa fi sablamoota biyyatti
eegan gartuu/leellistummaa kam irraa iyyuu bilisa ta’an
hundeeffamuun nageenya uummataa fi biyyaaf akka dhaabbatan ta’ee
gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa, dimookiraasii, fi namummaa akka
tiksan akka odhamu jabeessinee gaafatna.
12. Maqaa Siyaasaan Ummanni Oromoo yeroo irraa gara yerootti jumlaan
hidhaatti guurame manneen hidhaa biyyattii keessatti dararamaa jiru
haalduree tokko malee akka hiikaman ni gaafatna!!
13. Mootummaan Wayyaanee sabaa fi sab-lammoota biyyatti gidduutti
waraana qabsiisuun dhiigaa fi lubbuun lammiilee akka dhangala’uuf shira
diinummaa uummata biyyaatti gidduutti qabsiisuun kan beekamu yoo ta’u
addatti immoo uummata Oromoo fi saboota olla Oromiyaa ta’an irratti
xiyyeeffachuun, adeemsii dhiiga waldhangalaasuu fi qabeenyaa
barbadeessuu godinalee Bahaa Oromiyaatti gama saboota olla Oromiyaa
dhaabbachuun Somaalota hidhachiisuun Harargee, Booraana, Gujii, fi
Baalee keessatti lubbuun ilmaan Oromoo dhibbootan lakka’aman badee
jira; qabeenyaan uummataa jumlaan barbadaa’ee uummatni nagaan qe’ee
isaa jiraachuu dadhabee buqqa’eera. Haaluma walfakkatuun dhiha
Oromiyaatti Gumuzoota hidhachiisuun ilmaan Oromoo dhibbootaan
lakka’aman dhumaniiru; qabeenyaan miliiyonotaan lakka’amu
barbada’era.Yakka ulfaataa uummata keenyarratti gaggeeffamaa jiru kanaaf
mootummaan EPRDF itti gaafatamummaa akka fudhatu jabeessinee
gaafatna.
14. Lafti kan qotee bulaa ta’uu qaba.Uummatni Oromoo fi lammiileen
cunqurfamoon sabaa fi sablamootni biyyattii lafa qabeenyaa isaanii irraa
haala fedheen iyyuu dirqisifamanii buqqifamuu hin qaban. Dhiibbaan
mootummaan EPRDF bifa kamiinuu irratti godhuu akka dhaabbatu
gaafatna.
Kanaafuu, nuti dargaggoonni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, qabxiileen
jajjaboon armaan olitti tarrifaman akka mootummaa gabroomfataa saba
keenya hacuucaa jiru kanaan akka hojiitti hiikamaniif jecha, wareegama
fedheyyu baafnee qabsoo hadhaawaa gochuuf waan murteeffanneef,
jarmiyaaleen siyaasaa fi waldaleen hawaasa Oromoo hundii fi jarmiyaaleen
siyaasaa fi waldaleen sabaa fi sablammoota cunqurfamoo biyyatti hundi nu
cina dhaabbaachuun akka falmattan jabeessinee gaafatna. Dhabbileen
mirgoota namummaa addunyaa fi mootummootni gamtoomanii kanneen
sirna giloobalayizeshiinii keessatti hirmannaa guddaa qabdanii fi bulchiinsa
dimookiraasii babaldhisa jirra jettan akka nu cinaa dhaabbachuun
mootummaa abbaa irree EPRDF irra qoqqobbii siyaasaa fi dinagdee
kaayuudhaan dhiibbaa feesisu akka gootan jabeessinee gaafachuun
gaaffiiwwan keenya kana hubachuu fi qaama dhimmi isaa ilaalu qooda
fudhachuun deebii sirriin akka nuuf kennamu barbaadna jechuun iyyaannoo
keenya kabajaan dhiyeeffanneera.
Barattoota Oromoo Yuunbarsiitii Jimmaa
Garagalcha: Uummata Oromoo Hundaaf
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif
Koomishinii Poolisii Oromiyaa fi Dhimmoota Nageenyaa
Oromiyaaf
Bulchiinsa Godina Jimmaa fi Komishinii Poolisii Godina
Jimmaaf
Dhaabbilee Mirga Namummaa Biyyattiif, Afrikaa fi Addunyaaf