Ibsa.Ejjanoo.Kutaa.K.023[1]

OROMO LIBERATION FRONT
Adda Bilisummaa Oromo
Oromo Liberation Front
Laakkoo : abo-041-2015
Guyyaa : Caamsa 22 , 2015
Ref.No : olf-041-2015
Date : May 22 , 2015
Ibsa Ijjannoo Itti Baha Kora ABO Kutaa Kanaadaa, Magaalaa Calgary
Qabsoon Ummanni Oromo bara dheeraaf geegisaa ture wareegama guddaa kan gaafate yoo
ta’ellee hanga ammaa galii isaa rukutuu hin danddeenne. Qabsoon sabni Oromo bara
dheeraadhaaf gegeyssaa ture kun galma isaa rukutuu baatus injifannooleen qabsichi galmeesse
hin jiru jechus miti.
Bu’aalee qabsoon kun argamsiise keessaa inni guddaan sabani keenna Oromon sammuudhaan
bilisoomuu dandayuudha jennee amanna. Sabni sammuudhaan bilisoome daandii bilisummaa
walakkeessa ol qaxxaamure jechuun ni dandayama. Kanaaf, ragaan tarkaanfii fi falmmaa
dhaloonni dhaloonni Qubee (Qube Generation) biyya keeyssatti geegeyssaa jiruudha.
Korri miseensotaa fi deegartoota ABO B/General Kamal Galchuun hooganamu walgahii guyyaa
lama (Caamsaa 16 fi 17 bara 2015) magaalaa Calgary, biyya Kanadaa keessatti taa’e haalota
qabsoo Oromo mudatan kaasuudhaan marii bal’aa erga godheen booda ibsa ijjannoo armaan
gaditti kaayaman dabarfacuudhaan walgahii isaa milkiidhaan xumuratee jira.
1) Qabsoon bilisummaa Oromo galii isaa rukutuudhaaf qabsoo hidhannoo fi fincila
ummataa jabeesuun alatti fallii biraa waan hin jirreef ABOn B/G/ Kamaal Galchuutin
hooganamu dirqama ulfaataa kana fiixaan baasuuf haala haarawaan uf qindeessee,
sagantaa Siyaasaa fi galma qabsoo bilisummaa Oromo ummanni Oromo bara dheeraaf
irratti wareegamaa as gahe qabchuun saba Oromo uf duukaa hiriirsuuf akka uf
qopheesu dhaamanna.
2) Nuti miseensotaa fi deegartoonni ABO kora kana irratti hirmanne gaddaa fi gadadoo
sabni keenya keessatti argamu gadi fageenyaan erga xinxalinneen booda haala kana
xumura itti godhuuf dhaabotiin Oromo gargarummaa jidduu isaanitti argamu guddisuun
wal irratti xiyeefachuu fi wal irratti duuluu dhiisanii diina hinikkaa iratti akka xiyyeefatan
waamicha lammummaa fi Oromummaa dabarfannee jira.
3) Haala diina hinikkaa fi leeliftoota sirnna kaleessaa ilaalchisuudhaan ibsa hoogana ABO
B/G/Kamaal Galchuun durfamu irraa nuuf kenname gadi fageenyaan erga caqafnneen
[email protected]
booda, adeemsi qabsoo bilisummaa Oromo diina lameenuu irraa kan Oromo baraarsu
ta’uu akka qabu akeeknnee jirra.
4) Qabsoon Oromo giddu galeessa qabsoo hidhannoo godhachuun humna waraanaa jabaa
Ummaata Oromoo diina bar 135 oliif Oromiyaa nyaatee ammas qorqaa jiru irraa
bilisoomsee itisuu dandayu hatatamaan akka gadi dhaabattuu fi diina haleeluu eegalu
yaadchiifna. Nutis humna waraana Oromo haala haarawaan gadi dhaabuf deegarsa
diinagddee fi humna namaa maddisiisuf waadaa sienna.
5) Dhaabotiin Oromo maqaa dhaabaa, asxaa fi alaabaa dhaabaa qabeenya kiyya
jechuudhaan irratti walfalmmuu dhiisanii maqaa, alaabaa fi asxaa fedhan baafachuun
hujii mul’ataa ummata keenyatti hamilee horuu dandayu hojjachuu irratti akka
fuullefatan gaafanna. Rakkoon saba Oromo halluu alaabaa fi maqaa dhaaba osoo hin
taane sirnna gabroomfataa jalaa bilisa bahuudha waan taheef, Oromoon dhaaba hujii
mul’ataa hojjatee fi diina irraa haleelle duukaa hiriiruuf qophii ta’uu isaa halli yeroo
ammaa biyya keessatti ta’aa jiru ragaadha.
6) Cunqurfamoota biyyattii keessa jiraatan kan akkuma Oromotti sirnoota habashaa dufaa
dabrraan cunqurssaa fi gidiraan irratti raawwatamaa as gahe waliin qabsoo
qindeefachuun barbaachisaa akka ta’e hubatamee ABOn B/General Kamaal Galchuun
durfamu saboota cunqurfamoo waliin tumsa tolfachuun qabsoo Oromo irratti dhiibbaa
akka hin qabnee fi qabsoo Oromo irraa diina xiqqeessuu keessatti qooda guddaa akka
qabu hubannee jirra. Kanaaf, tumsi qabsoo qaamota sirnna kaleessaa leellisan waliin
osoo hin ta’in sabaa fi sablammii akkuma Oromo cunqurfamoo ta’an waliin qophaatti
akka ijaaramu gaafanna.
Oromiyaan ta Oromooti !
[email protected]