Jeeqama ABO muddatee fi madda isaa ABO fi qabsoon bilisummaa Oromoo jeeqama keessa turuunii fi jiraatuun waan haalamamuu miti. Jeqamni kun, dhokataa miti; ifaa dha; ija keenya dura jira. Akkuma Oromoon yoo makmaaku ijji hin argitu, qalbii dha jedhu, jeeqama kana fi madda isaa qalbiin hubatuun barbaachisaa dha. Akkuma seenaa saboota addunyaa kamiiyyuu, seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessa yeroon gaddaa fi gammachuun yaadatamtu jira. Qabsoo bilisummaa keessattiis ta’ee, ykn qabsoo jireenya hawaasummaa keessatti, sabni tokko yoo waan saganteefate tokkotti milkawe, ni gammada; yoo milkaawuu dhabe, ni gadda. Barri keessatti milkaawame, gammachuun yaadatama. Akkasumas, barri hammeenyi keessatti nama muddate gaddaan yaadatama. Qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti waggalee gammachuudhaan bara-baraan yaadatamanii fi gaddaan yaadatamantu jira. Fakkeenyaaf, barri 1973 fi 1976 gammachuun yaadatamu. Barri 1973, bara ABOn bu’uurreffame yoo ta’u, barri 1976 bara ABO qabsoon hidhannoo eegale. Akkasumas, barri 1980 fi 1999 baroota gaddaan yaadataman. Barri 1980, bara hoogganootni ABO ol’aannoon, Hayyuu-Duree dabalatee qabsoo keessatti, bakka tokkotti wareegama qaalii kaffalan ture. Barri kun, gaddaan yadatama. Akkasumaas, barri 1999, bara gadda ti. ABO jeeqama har’a keessa jiruu fi keessaa bahuu dadhabe, bara 1999 jalqabe. Barri kun, bara ABO hurrii dukkanaatiin marfame. Garuu, Oromootni heddu qayyabannoo itti hinlaatne. Barri 1999, bara ayyaanlaallatootni aaydiyooloojii fi ilaalcha siyaasaa Itoophiyummaan dhanga’aman ABO weeraran ture. Weeraruu duwwaa osoo hin taane, bara caasolee ABO irraa-jalaan ayyaanlaallatootaan dhuunfatan ture; bara ABO diguun itti fuulleeffatamee fi diigaan eegalame ture. Barri kun, bara Daawuud Ibsaa fi Bultum Biyyoo hoogganummaa ABO dhuunfatan ture. Murni kun, hoogganummaa dhuunfatuu duwwaa osoo hin taane, caasolee fi qaamoota ABO hundaa irraa-jalaan bakka furtuu qabsoof ta’an maraa ayyaanlallatootaa fi booddessitoota kittillayyoo isaanii kan akka Bayaan Asooba, Leencoo Baatii, Bulaa Atoomsaa, Abubakar Ali Xasee(Odaa Xasee), Licho Bukuraa, Hasan Husseen fi kkfn guutan. Kanaan booda, dhagaraa diigaa qabatanii ABO falaxuu, diiguu, miseensoota facaasuu, qabsaawoota mooggeessuu, qabsoo laamshesuu fi dhaaboota Habashaa wajjiin wahilummaa ijaaratuu jalqaban. Hojjii kanatti milkaawuudhaan, bara 2001 ABO bakka lamatti baqassan. Caccabsuun kun, hamma har’atti hin dhaabanne. Har’allee murna/faction garagaraa keessa taa’anii diigaa isaanii itti fuufanii jiru. Jeeqama hoogganummaan Daawuud Ibsaa fi Bultum Biyyoo bara 1999 irraa eegalanii sadarkaa-sadarkaan ABO fi QBO diiggaan irraan gahanii fi gahaa jiran Chaartii/Chart armaa jalaan mul’isuun yaalamee jira. Chaartiin kun, sadarkaa ABOn ittiin caccabsamee fi har’a illee ABO keessa jiru mul’isa. Jeeqama kana, Oromootni heddu barruu garagaraatiin ibsuu yaalaa turan; ammallee yaalaatuma jiru. An gama kootiin, karaa Chaartiin ibsuu filadhe. Chaartiin kun, jeeqama ABO fi QBO irraan gahamee fi gahamaa jiru akka salphatti akka namaaf galutti ibsa jedheetiin amana. Hogganummaa Dawuud Ibsaa fi Bultum Biyyoo Bara 1999-2015 Bara 2000 Ajanda nagaa (Peace Agenda) ABO bakka lama tii baasee Bara 2000 Ajanda nagaa (Peace Agenda) ABO bakka lama tii baasee Bara 2001 ABO QC Bara 2001 ABO SG 2002 Yaallan Shanachaa Jarsumma sabaaba Dawuud Ibsan ttiin fashallee bara 2002 tokkumman ULFO bara 2000 ibsame sabaaba Dawuud Ibsan akka hojji iraa hin ollee ta'ee 2003 WBOn Ajjajja H/D tiin biyya Eretria irra ka’ee garaa Somaliattii otto deema jira harka diina seene Akka adda walabumma oromiyaa (AWO) dhabatuu tasissee Bergan Conference 2004 ba’a tokko malee hafee Bara 2004 Kayyoo ABO gara Itoophiyaa diimookraatessuu ti jijjire Murtii KS 3ffan shaneen Filalloo bara 2005 ta’e irraa qooda fudhachuu ture;haata'u malee odoo itti hin milkaawin hafe Bara 2005 labsaa Fincila didda Garbuumma labse. Labsi kun, ummata keenya biyya keessa irratii badii hamaa fide SG bara 2006 AFD ijjaare; yeroo gabaabaa keessa jalaa fashale Bara 2007 SG ABO , ABO QC mana seera alagaa dhiheste; haa ta'uu malee murtiin mana seera SG ABO irratti jige. Bara 2008 Shaneen bakka lamatti addan baate Shanee Gumii ABO Bara 2010 Hogganni SG WBO qabate diinatti harka Bara 2012 ODF labsa baasee miseensoota SG 80% irraa ba'e Koree Yeroo ABO Bara 2009 Walii galteen SG fi KY yeroo gabaaba keessattii fashale Bara 2011 KY bakka sadatii qoodame. 1. Hoggana Kamal Galchuu 2. Hoggana Ibraahim M. 3 Gurmuu Qabsawootaa Bara 2014 Hogganni Kamal Galchuu bakka lamatii addan ba'e: Bara 2013 Hogganni shanee ol'annaan 2 Ertriyaa irraay Ameerikaa fi Awustiraliyaatti kooluu galan Bara 2014 ABO QC fi ABO SG hoggana Dawuud tokkommaa labsamee ture sabaaba Dawuud Bara 2015 ? Garee Kamal Galchuu (G7) Bara 2015 ? Garee Nuuroo Daddafoo Bara 2015 ?
© Copyright 2025