Waamicha Lammummaa fi FDG Qeerroo Bilisummaa Oromoo.

Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa,
Bilisummaa fi Dimokraasiif(SDBBD)
National Youth Movement for
Freedom and Democracy (NYMFD)
Waamicha Lammummaa fi Fincila Diddaa Gabrummaa.
Hojjettoota Mootummaa Wayyaanee,Secterootaa fi sadarkaa garaagaraa
irratti argamtanii Sirna Wayyaanee Kanneen Tajaajilaa Jirtan Akkasumas
Wayyaaneen EPRDF/TPLF Umurii Bittaa Isaa Dheerreffachuuf Jecha Warreen
Isin Bobbaase Hundaaf, Waamica Lammummaa fi FDG Qeerroo Bilisummaa
Oromoo.
Yeroon mootummaa garboomsaa Wayyaanee EPRDF/TPLF ergamtuu ta’anii uummata guddaa
gaanfa Afrikaa waanjoo garbummaa jalatti tiksan dhaabbachuu qaba. Oromoon akka baay’ina
isaatti, guddina qabeenyaa isaatii fi baldhina lafa isaatti qooddannaan aangoo inni sirna EPRDF
keessatti qabu qanfachiisaa fi salphina guddaa dha. Halli kun Oromoo mitii alagaaf illee ifaadha.
Ilmaan Oromoo hundi Saba irraa dhalatan waanjoo garbummaa jalatti tiksuu fi mootummaa
garboonfattuu Wayyaanee cina dhaabbatani Oromoo hidhuu, ajjeesisuun, mirga dimookiraasii,
mirga namummaa irraa sarbisiisuu fi qabeenyaa uummata Oromoo dachee albuudan gabbataa
saamsisaa, Oromoo qee’ee fi qabeenyaa irraa buqqisiisaa, maqaa babaldhina magaalaa
Finfinnee fi Misooma magaalaa Finfinnee jedhuun Oromoo qee’ee irraa buqqisiisaa, aadaa,
afaanii,seenaa uummata Oromoo mancaasaa fi Maappii Oromiyaa adeemsa bakka lamatti
qooduun caccabsanii bituuf karoorfachaa jiraachuu mootummaa EPRDF/TPLF taa’anii ilaaluun
gabrummaa,Wallaalummaa, fafa fi doofummaa ta’uu jabeessinee hubachiisuun, Ilmaan
Oromoo sirna Mootummaa abbaa irree Wayyaanee kana keessatti ogummaa fi haala
garaagaraan ramadamtanii Wayyaaneef hojjechaa jirtanii fi roorroo uummata keenyarratti
fe’amee jiru kana teessanii ilaaluun yakkaa guddadha, seenaa keessatti itti gaafatama guddaa
jala kan isin galchuu ta’uu ni hubachiifna. Keessaattuu ilma Oromoo taatanii kanneen sadarkaa
garaagaraa irratti itti gaafatamummaa Wayyaanee irraa fudhattanii Wayyaanee EPRDF/TPLF
jiraachisuuf hojjettan addatti itti gaafatama seenaa fi Seeraa jalaa of baasuuf yeroon gamtaan
uummata ofii waliin falmatan amma ta’uu jabeessinee waamicha gochuun, akka waliigalaatti
ilmaan Oromoo secterootaa fi sadarkaa gita hojii garaagaraa keessatti kanneen argamtan
hundaaf Qeerroo Bilisummaa Oromoo waamichaa lammummaa fi FDG akka armaan gadii
kanatti gadi jabeessuun isiniif dabarse.
www.Qeerroo.org
[email protected]
1. Hojjettoota Siviilii (Barsiisota, hojjettoota qonnaa,hojjettoota barnootaa, hojjettoota
fayyaa, hojjettoota Faayinaansii, hojjettoota geejjibaa fi Ogeessoota qorannoo fi kkf)
keessatti kanneen argamtan waanjoon garbummaa uummata keenya Oromoo irratti
mootummaan garboonfataa Wayyaanee fe’ee jiru isinitti dhagaa’amuu qaba, isin qaama
uummata Oromoo beektota hayyoota ogeessoota abdii biyyaa waan taataniif abdii guddaa akka
uummatni keenya isin irraa qabu beektani, uummata manaa ba’ee lafa dimookiraasii fi eeggichi
mirga ilma namaaf hin godhamne keessatti bar-darbee Ebla 11/2014 irraa eegaluun hanga
guyyaa hardhaatti warraaqsii FDGifatti bifa qindaa’ee fi ijaarameen Qeerroon barattootni
Oromoo gaggeessaa jiru, wareegama qaalii kanfaluun sadarkaa dargaggootaa irraa gara
hawwaasa baldhaa Oromootti guddaachuun Warraaqsii (National movement) FDG sadarkaa
hawwaasa Oromoo hunda hirmachiise irra ga’ee jira, kana keessatti ga’een hojjettoota ilmaan
Oromoo kufaatii abbaa irree wayyaaneef murteessa fi warraaqsa uummataa amma
gaggeeffamaa jiru kanaaf murteessaa fi milkii ta’uu hubachuun bakka jiratan hundaa
dammaquun wal dammaqsuun uummata keessan cina dhaabbachuun uummata keenya waliin
hiriiruun dirqama Oromummaa bahachuun bilisummaa uummata keenyaa akka gonfannuu fi
Oromiyaa baldhoo akka walaboomsinu waamichaa keenya isiniif dabarsina. Adeemsa kanas
yeroo amma kanatti hojii sirna mootummaa wayyaaneen gaggeeffamuu dhaabuun gara
uummataatti akka deebitan, gandaa fi araddaa dhaloota keessanitti deebi’uun uummata
hojii idilee isaa dhaabuun mirga isaa kabachiisuuf falmachaa jiruu waliin akka hiriirtan
waamicha guddaa isiniif dabarsina.
2. Hojjettootni Poolisootni Oromiyaa, milishootni ilmaan Oromoo, korri bittinneessa
Oromiyaa, ilmaan Oromoo poolisii Federaalaa keessa jirtan, ilmaan Oromoo ittisa raayyaa
biyyatti keessa jirtan, ilmaan Oromoo humna tikaa (deeninnetii) sirna Wayyaanee keessa
jirtanii fi sadarkaa garaagaraa irratti kanneen dirqama Wayyaanee abbaa irree
jiraachisuu irratti bobbataanii argamtanii fi sabboontota ilmaan Oromoo caasawwaan kana
hundaa keessatti argamtan hundii; garbummaan ijaan argaa jirtan uummata keenyatti fe’amee
jiru umrii garboomsaa fi gabrummaa akka gabaabsinuuf hidhannoo meeshaa waraanaa isin
harka jiruu akka hin hiikkanne, gamtaa fi gurmuu keessan jabeeffachuun meeshaa hidhannoo
isin harka jiruu uummata keessan irraa gara mootuummaa abbaa irree wayyaaneetti akka
naanneessitanii fi warraaqsa uummataa Oromoo FDG (Oromo National Movement)
gaggeeffama jiru cina dhaabbachuun bilisummaa uummata Oromoo fi walabummaa
Oromiyaa qabsoo keenyaan akka mirkaneessinu waamicha lammumma dabarsina. Adeemsa
Mootummaan Wayyaanee maqaa jijjiraa fi qorannoo ilaalcha jedhuun isin gooluu fi tokkummaa
keessan cabsu dura akka dhaabbattan isin hubachiifna.
3. Ilmaan Oromoo Caasaa bulchinsaa sirna mootummaa Wayyaanee sadarkaa garaagaraa
keessatti hiriirtanii jirtan kayyoo sirna garboomsaa wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO ‘n Oromoo
hidhuu, ajjeesuu, Oromiyaa Saamsisuu, karooraa master Pilaanii finfinnee hojii irra olchuun
mirga Oromoon qe’ee isaa irratti qabu cabsuuf diinni karoorfateef gumaacha gochuu
www.Qeerroo.org
[email protected]
dhaabuun, gumaachaa asiin dura gochaa turtaniif uummata irraa dhalattanii fi boruu illee
keessa jirattan dhiifama gaafachuun gara warraaqsa uummataa gaggeeffamaa jirutti akka
makamtan waamicha dabarsina. Addatti akeekaa fi karoora mootummaa garboomsaa hojii irra
akka hin olchine, balfuun akka fashaleessitanii fi kallattii isiniif danda’amu hundaan deeggarsa
warraaqsa FDG uummatni keenyaa Qeerroon gaggeeffamuun biyyatti keessatti finiinsa jiruuuf
gumaachaa lammummaa akka gootan waamichaa lammummaa dabarsina.
4. Ilmaan Oromoo utuu beektaniis ta’ee Utuu hin beekiin adeemsi jiruuf jireenya isin dirqee
dhaaba OPDO jedhamuu kan Wayyaaneen ittin Oromoo cabsuuf Tigiraay Adet Woreda
keessatti hundeessuun suuta gara Oromoo fi Oromiyaatti fidee ulee gabroomsaa uummatni
keenya bara baay’ee ittin dabarfamee ajjeefamaa, hidhamaa, fi qabeenyi isaa saamamaa fi
eenyummaa fi mirga abbaa biyyummaa Oromoo dhabsiisaa kan turte keessatti hiriirtanii
jirtan dammaqinsaan uummata Oromoo miiliyoonaan mirga isaa falmachaa jiruu ilaalaa waan
jirtaniif olee bulus guyyaan bilisummaa Oromoo dhiyaachaa waan jirtuuf akeekaa fi kaayyoo
dhaaba ulee gabrummaa uummata Oromootti taate kana dhaabuun yeroon uummata ofiif
dirmatan amma ta’uu hubachuun waarraqsaa FDG cina akka hiriirtan waamicha keenyaa isiniif
dabarsina jechuun hoggansii Qeerroo bilisummaa Oromoo waga’ii isaa haala qabsoo
bilisummaa Oromoo fi Warraaqsi FDG irraa ga’ee jiruu fi raafama siyaasaa biyyattin keessa
seente jirtu ilaachisuun marii baldha Oromiyaa bakkota garaagaratti haala walfakkatuun
gaggeesseen sochii warraaqsa FDG gaggeessa jiruu kan daran jabeessuu ta’uu hubachiisuun
ilmaan Oromoo harka diinaa keessa jiranii fi hojjettootaa fi beektota ta’an hundaaf
waamicha lammummaa dabarsuun marii isaanii milkii guddaan xummuratan
Injifannoon Uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
Caamsa 13/2015
www.Qeerroo.org
[email protected]