جبهۃ تحـرير اورومـو - Oromo Liberation Front

ADDA BILISUMMAA OROMOO
OROMO LIBERATION FRONT
Gaafa: 27/12/2016
Date:
‫تاريخ‬
‫جبهۃ تحـرير اورومـو‬
Lakk.:25/stm/abo/2016
No.:
‫رقم‬
Ibsa Gumii Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo (GS-ABO)
(Muddee 27, 2016)
Gumiin Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo (GS-ABO) walgahii isaa dhaabbataa Mudde 16 - 25,
2016 gaggeeffateen haala Dhaabaa fi QBO, akkasumas, haala Ummata keenyaa, haala diinaa
(mootummaa TPLF/EPRDF), haala Godina Gaanfa Afriikaa fi kan Idil-Addunyaa irratti marii
fi xiinxala bal’aa gaggeessee murtiilee jajjaboo QBO daran jabeessanii fuula dura
tarkaanfachiisan dabarseera. Murtiilee dabran hojiitti hiikuuf kan gargaaran dirqamaa fi
qajeelfamoota adda addaa KHR-ABOf kennuudhaanis wal gahii isaa milkii fi injifannoodhaan
xumurate.
Addi Bilisummaa Oromoo Dhaaba bu’uura jabaa qabu kan duulaa fi shira diinota kaayyoo gara
garaa qabaniin irratti gaggeeffamaa turee fi jiru hunda injifatee irra aanuudhaan bu’aa-bahii
hedduu keessa qaxxaamuree fi moyxannoo qabsoo bara dheeraa horatee dha. Har’as gufuulee
hedduu diinootni Saba Oromoo fuul-dura isaa naqan hunda injifatuudhaan yeroo irraa yerootti
of humneessaa fi of jabeesaa qabsoo bilisummaa ummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf
gaggeessu finiinsuu irratti argama. Walgahiin GS kun jabinni jiru caalaatti jabeeffamee akka itti
fufuu fi laafina mul’atu irra aanuudhaan galma gahiinsa Kaayyoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo
shaffisiisuuf kan gargaaran murtiilee jajjaboo dhimma Jaarmayaa ABO irratti xiyyeeffatan
dabarsee jira. Kanneen keessaa dhimmi Kora Sabaa jabinaa fi shaffisaan irratti hojjetamee akka
xumuramu wal gahiin GS kun qajeelchee jira.
Imaammata diinummaa kan irraa maayyii murni TPLF/EPRDF isa irratti gaggeessu fashalsuu fi
irra aanuuf furmaatni tokkichi jiru Kallacha qabsoo isaa kan tahe Adda Bilisummaa Oromoo
wajjin tahuudhaan qabsoo bilisummaa bifa hundaan finiinsuu qofa tahuu kan hubate Ummatni
keenya, keessattuu dargaggoon (Qeerroon Bilisummaa Oromoo) Fincila Diddaa Gabrummaa
(FDG) baroota dheeraaf gaggeessaa ture Sadaasa bara 2015 irraa eegalee gara boqonnaa
haaraya Fincila Xumura Gabrummaa (FXG)tti jijjiiruudhaan warraaqsi gaggeessaa jiru, seenaa
QBO keessatti iddoo guddaa qaba. Walgahiin GS ABO kun sochii boonsaa fi seena-qabeessa
karooraa fi qindoomina diriire ofitti fudhatuun Ummatni keenya itti jiru kana gadi faginaan
xiinxale. Wareegama ulfaataa miseensotni ABO, Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Ummatni
keenya baasee fi baasaa jiru, akkasumas, injifannoolee sochii kanaan galmeeffamanis bal’inaan
gilgaale. Akkaataa sochiin kun itti daran jabaatuu fi akeekni isaa shaffisaan fiixaan bahuu
danda’u irrattis tooftaa fi tarsiimoo hordofamuu qabu KHRtti qajeelchuun akka cichoominaan
irratti hojjetamu murteesse.
ABOn akka dhaaba bilisummaa tokkootti bu’aa bahii adda addaa kan diinni kaayyoo dhabama
isaa hawwuun irratti duulaa turee fi ammas itti jiru irra aanuun muyxannoo qabsoo horaa
har’aan tana gahee qabsaawaa jiru dha. Adeemsa xaxamaa diinotiin saba Oromoo ABO
fuuldura afan hunda injifatuun yeroo irraa yerootti if jabeessaa fi if humneessaa qabsoo
bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa gulantaa itti aanutti tarkaanfachiisaa turee fi itti
jirutti, sirna isaa hordofuun Kora Sabaa godhachuun daran akka of gurmeessuu fi cimsu wal
gahiin GS-ABO 2016 tartiiba ittiin xumuramu murteessee jira.
P.O. Box 6973 Asmara, Eritrea Tel 2911 110236 Email: [email protected], www.oromoliberationfront.org
Mooraa QBO daran itichuu fi jabeessuun imaammata dhaabbataa ABOn yeroo hundaa irratti
hojjetu dha. Baroota as aanan kana yaaliin gama kanaan godhamu jajjabeessaa tahuu GS
hubatee jira. Humna namaa, beekumsaa fi qabeenya Ummata keenyaa wal faana
luuccessuudhaan diina keenya irratti tokkummaadhaan qabsaawuun bilisummaa Ummata
keenyaa akka shaffisiisu kan wallaalu hin jiru. Waan taheef hojiin gama kanaan itti jiramu akka
daran jabaatee itti fufu GS qajeelfama kennee jira.
Mootummaan TPLF/EPRDF gaaffii mirgaa ummatni Oromoo fi Ummatootni biroos gaafataniif
deebiin kennaa jiru kan diinummaa fi gaaffii karaa nagaa humnaan ukkaamsanii dhaamsuuf kan
akeekkate, farra nagaa fi sabatinsa naannichaa akka tahee fi hokkoraa fi jeequmsa naannichatti
kan babal’ise tahuun lakkuma buluun hundaaf ifa tahaa dhufee jira. Tarkaanfii diinummaa fi
gara jabinaa (faashiistummaa) fudhataa jiruunis akeeknii fi eenymmaan isaa inni dhugaa daran
ifatti mul’atee har’aan tana guutummaatti biyyattiin bulchiinsa waraanaa jala galtee jirti. Murni
TPLF/EPRDF waggoota as aanan lamaan, addatti ammoo waggaa tokkoo oliif labsii lolaa ifatti
ummata Oromoo fi Oromummaa irratti labseen imaammatni sanyi-duguuggaa (genocide)
waggoota 25 dabraniif golgaa dimokiraasii kijibaatiin Ummata keenya irratti gaggeessaa ture
hawaasa Addunyaa duratti caalaatti saaxilamee jira.
Gumiin Sabaa ABO imaammata diinummaa fi loogii Sabummaa murni TPLF Ummatoota
hunda irratti fi addatti ammoo Saba Oromoo irratti qiyyaafatee bara aangoo isaa guutuu
gaggeessaa turee fi jiru (keessattuu ammoo maqaa labsii haala yeroo hatattamaa /State of
Emergency/ jedhuun humna waraana isaa itti duulchisee roorroo Ummata keenya irraan gahaa
jiru) sagalee jabaadhaan irra deebi’ee balaaleffata. Ummatni keenyas roorroo daangaa dabre
kana of irra faccisuuf tarkaanfii barbaachisu hunda fudhachuun mirga isaa tahuu GS gadi
jabeessee hubachiisa. Waan taheef murannoo ol aanaan sochiin jalaqame itti fufamee akka
xumura itti godhamu akka qindeeffamu murteessee jira.
Yeroo Ummatni keenya mootummaa TPLF/EPRDF.iin addatti baafamee ifatti labsiidhaan
humni waraana biyyaa jedhamu itti bobbaafamee qabeenyi isaa saamamaa, xiqqaa fi guddaan
hidhaatti guuramee gidirfamaa, biyya irraa arihatamaa fi akka bineensaatti ajjeefamaa jiru
kanatti kanneen miseensota OPDO, miseensota waraanaa, poolisaa, humna tikaa fi milishaa
diinaa tahuudhaan Ummata irratti yakka dalagaa jiran hatattamaan gochaa badii kana irraa
dhaabbatanii yeroon hiriira isaanii itti sirreeffatan amma tahuu waamicha ABOn deddeebisee
godhaafii tureef deebi akka kennan Gumiin Sabaa cimsee akeekkachiisa.
ABOn ummata Oromoof qofa osoo hin taane cunqurfamaa hundaaf cunqursaa alagaa jalaa
bahanii bilisa tahanii jiraatuu ni hawwa. Kana irraa kan ka’e ummatoota cunqurfamoo waliin
hariiroo qabsoo ummachuuf hojjatuu irraa of qusatee hin beeku. Akka kanaan ABO dabalatee
Jaarmayootni qabsoo Ummatoota cunqurfamoo afur kan waliin ijaaran Tumsi Ummatootaa
Bilisummaa fi Dimokraasii (TUBD) waan hundaan akka jajjabeeffamu GS KHR.tiif qajeelfama
kennee jira.
Rakkoon Siyaasaa, Dinagdee fi Hawaasummaa naannoo keenyaa furmaata waaraa argachuu
kan danda’u yoo humnootni fi Ummatootni abbootii dhimmaa hundi (stake holders) qabsoo
haqaa kan bilisummaa, nagaa, dimokiraasii fi guddinaaf godhamu irratti wal hubatanii fi wal
dura dhaabbachuu dhiisanii waliif tumsan qofa tahuu ABOn ni amana. Waan taheefis wal
hubannoo fi tumsa qabsoo akkasii argamsiisuuf irratti hojjetamuu akka qabu GS KHRf akeekee
jira.
Ummatni Oromoo bilisummaa afaan qawweetiin sarbame deebisee gonfachuuf qabsoo bara
dheeraaf mootummoota Itoophiyaa dhufanii dabran irratti gaggeessaa turee fi jiruun fedhii fi
gaaffii isaa irra deddeebi’ee addunyaatti agarsiisee jira. Haa tahu malee mootummootni gariin
haqa ummatni Oromoo qabu beekanii Oromoof tumsa barbaachisu gochuu mannaa mootummaa
farra ummatootaa kan gochaa sanyi-duguuggaa (genocide) raawwatu waahelfatuu itti fufuun
gaddisiisaa fi qaanfachiisaa tahuu GS-ABO jabeessee hubachiisa. Waan taheef, kanneen
mootummaa kufuuf daddaaqamaa jiru kanatti lubbuu horuun jiraachisuu barbaadan kan
halaalaa fi dhihoo hundi tumsa dippilomaasii fi tin’isa dinagdee godhaniif irraa dhaabuudhaan
gaaffiin ummatootaa deebii haqaa akka argatu gochuu irratti akka hojjetan, kanaafis dhiibbaa
barbaachisu akka godhan GS-ABO yaadachiisa. Hammeenya raawwatamuu fi tarkaanfii garajabinaa fudhatamaa jiru osoo arganii fi dhaga’anii akka hin arginii fi hin dhagahiniitti callisuun
seenaa duratti gaafachiisaa tahuus GS dabalee hubachiisa.
Maayyii irratti, miseensotnii fi deggertootni ABO waliigalatti, addatti ammoo WBOn dirree
falmaa, akkasumas, Qeerroon Bilisummaa Oromoo Kaayyoo QBO galmaan gahuuf tarree duraa
irratti hiriirtanii wareegama qaqqaalii baasaa jirtan diina Ummata keenyaa kan qabsoo keenyaan
afaan boollaa irra gahe kana hobbaafachiisuudhaan qabsoo Ummata keenyaa galii isaa
dhaqqabsiisuuf dirqama keessan dacha-dachaan akka ol kaastan GS yaamicha qabsoo
haaromsa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
GS-ABO
Muddee 27, 2016