Ayyaana Irreechaa Bara 2015 Ilaalchisisee Ibsa Gabaabaa Qeerroo

Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa,
Bilisummaa fi Dimokraasiif(SDBBD)
National Youth Movement for
Freedom and Democracy (NYMFD)
Ayyaana Irreechaa Bara 2015 Ilaalchisisee Ibsa Gabaabaa
Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.
Fulbaana 24,2015, Finfinnee
Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ayyaana Irreechaa Birraa kan baranaa 2015 Hora Arsadiitti
kabajamuuf jiru, Onkololessaa 3/2015 ykn A.L.Habashaatti Fulbaana 23/01/2008 kan kabajamu
ta’uu hubachiisuun , Uummata Oromoo hundaan baga jalbultii ayyaana Irreecha bara kanaa
nagaan geessan, Barri kun Bara milkii,bara, kan hidhamee kan itti hiikamuu, gammachuu,bara
qe’ee ofii irraa buqqa’uun dhaabatu,bara irreen Oromoo itti jabaatu, Bara gaaffiin mirga abbaa
biyyummaa deebii itti argatu, Bara ‘’Master Plan Finfinnee’’ guutummatti haqamuu ,Bara
injifannoo fi Bilisummaa nuuf haa ta’u !!
Ayaanni Irreecha guyyaa Oromoon Malkaa/Tulluutti ba’ee Waaqa isa uume waan argateef kan
galateeffatuu fi waan fulduratti barbaaduu fi hawwuuf itti kadhatudha. Irreechi Ayyaana
Oromoon ittin beekamu,mallattoo Oromummaa fi Eenyummaa isaa ibsu, Calaqqee Aadaa fi
duudhaa keenyaa qofa utuu hin ta’iin dhaalmayaa hambaa seenaa uummata keenyaa kan qabsoo
wareegama qaaliin as qaqqabedha. Goototni Oromoo uummatni Oromoo eenyummaan, aadaan,
duudhaan,Afaanii fi biyyi Oromiyaa akka hin sarbameef jechuun dhiigaa isaanii itti cophsuun,
lafee isaanii itti cabsuun ayyaanni seena qabeessii kun akka uummatichaaf jiraatu taasisan bara
baraan ni yaadatamu,
Ayyaanni irreecha barana 2015 sadarkaa Idil-Addunyaa UNESCO’tti galmaa’aa jiru kun bu’aa
gootota ilmaan Oromoo; Oromoo fi Oromiyaa akkasumas leecelloo Oromiyaa saamicha,
faca’insaa fi gita bittaa gabrummaa jalaa baasuuf jedhanii wareegamaa qaalii kanfalaa turanii fi
hardha illee Oromiyaa bilisoomsuuf wareegama wal irraa hin citne kanfalaa jiraniti. Kabaja
ayyaana Irreecha uummatni Oromoo qabsoodhaan ayyaaneffachaa ture, har’as human waraanaa
fi human tikaa guddaan irratti bobbaafamee daandii irratti sakkatta’insa seeraan alaa, reebichaa,
hidhatti ukkanfamuu fi dararama guddaa keessa qaxxamuree bara baraan gootummaa isaa
argisiisaa, kabaja guddaa fi jaalala guddaa Sirna Ayyaanaa Irreechaa bara baraan dhuftu irratti
argamuun kan argisiisaa turee fi har’a illee jiruu ta’uu beekamadha. Har’a akkuma qabsoon
mirga isaa kabachiifachuuf uummatichi dachaan wareegama baasaa adeemu, Sirni kabaja
www.Qeerroo.org
[email protected]
aayyaana Irreechaa Uummaticha miliiyoona hedduun hirmachisaa dhufuu fi jaalala guddaa fi
kabaja uummatni Oromoo seenaa, aadaa, afaan, eenyummaa fi Oromummaa isaaf qabu irraa
ka’uun sadarkaan Idil-Addunyaatti beekamtii arggachuu danda’uun isaa gammachuu keenyaa
gammachuu dargaggootaa Oromoo fi uummata Oromoo guddichaa ta’uu gadi jabeessinee ni
hubachiisuun sirna kabaja Ayyaana Irreecha Birraa Hora Arsadiitti kabajamuuf jiru ilaalchisuun
qeerroon Bilisummaa Oromoo ibsa qabxii 8 of keessa qabu dabarse.
1. Uummatni Oromoo Godinaalee Oromiyaa hundarratti argamtaan Ayyaana irreechaa bara
kanaa irratti dammaqinsa waliif gochuun jumlaan akka irratti hirmaachuun, sirna
ayyaanaa Irreechaa injifannoo qabsoo Oromoon argameen sadarkaa Idil-addunyaa
UNESCO’tti galmaa’aa jiruu irratti argamuun bu’aa gootota keenyaa waliin haa
hirmaannu!!
2. Ammas ayyaanni Irreechaa bakka Oromoon itti waaqaa isaa galateeffatu, kadhatuu fi
Oromoon itti wal argee waliin irreeffachuun Aadaa, duudhaa, eenyummaa, Oromummaa,
Sabboonummaa isaa itti jabeeffatuu fi tikfatu ta’uu ni hubachiifna.
3. Uummaatni Oromoo bara Baraan Ayyaanaa Irreechaa irratti hidhamaa, reebamaa, uffatni
aadaa irraa baafamee salphifamaa fi daraarama ulfaataa keessatti kan waaqeffachaa ture
ta’uun ni beekama, Akkuma amala isaa Mootummaan EPRDF/TPLF human
waraanaa/poolisii Federaalaa daandii irraa dhaabuun uummata keenyaa dararuu waan
maluuf, Uummatni keenyaa Godinaalee fi Magaaloota Oromiyaa irraa gara Irreechaatti
sochootaan gamtaadhaan walduukaa akka sochootanii fi diinaa shiraan daandii irratti
sabboontota dararuu barbaadutti dabarsitanii akka wal hin laannee dursitanii qophii akka
gootaan waamicha keenya dabarsina.
4. Diinni Uummata Oromoo mootummaan EPRDF/TPLF maqaa Master Planii Finfinnee
jedhuun Oromiyaa diiguu, Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun, jiruu fi
jireenyaan dararuu , Shira Master Plan finfinnee kanaan Afaan, Aadaa, duudhaa keenyaa
fi teessuuma Oromiyaa balleessuuf karoorfatee ifatti bara kana hojiitti hiikuuf waan
dhaadachaa jiruuf, Uummatni Keenya tokkummaadhaan Oromiyaa diigumsaa irraa
hambisuuf kadhannaa waaqaa akka gaggeessu dhaammachuun; Master Plan finfinnee,
diigumsii manneen Uummataa, reebichi, hidhaan, Ajjeechaan nurraa haa dhaabbatu
jennee dhaamsa dabarsina!!
5. Ayyaana kana irratti Qeerroon Dargaggootni Oromoo bakka jirtan hundatti
tokkummaa,jaalalaa fi kabajaa uummataa keenyaa fi gootota keenyaa Wareegamaa qaalii
kanfaluun asiin nu ga’an argisiisuun Uummataa keenyaaf eeggichaa naamusaa;
daamimmaniif, dubartootaa fi manguddootaafi akkasumaas uummata keenyaa waliigalaaf
akka goonu dhaamsaa Oromummaa fi dirqama dhalootaa waliif dabarsina.
6. Qeerroon dargaggootni Oromoo haamilee uummata keenyaa fi qabsoo bilisummaa bara
dheeraa Oromoon uummatni keenyaa irratti wareegamaa jiruuf kabaja fi jaalalaa qabnu
mudhisuun uummataa keenyaa haamilchuu fi gootummaa gootota keenyaa faarsuuf kan
dhiifnee sirbinuu fi Oromiyaa faarfannuu fi gootota Oromoo leellifannu ta’uu ni
hubachiifna!
7. UUmmatni Oromoo biyya keessatti mootummaa hin qabu, Media Mootummaas hin qabu,
poolisii isa eeguu fi nageenyaa fi mirga isaa kabachiisu hin qabu, uummatni keenyaa wal
malee homaa waan hin qabneef bakka jirtaan hundatti jaalala,tokkummaa fi kabaja
Oromummaa waliif akka qabaattanii nagaan baatanii nagaan qe’ee keessanitti akka
deebitaniif akka wal tiksitaniif waamichaa keenyaa dabarsuun; Medialeen Walabaa
Oromoo jalbultii ayyaana Irreechaa irraa eegaluun akkuma haalaan beeksisuu irratti
www.Qeerroo.org
[email protected]
argamtaan sirna kabaja aayyaanaa guddicha Oromoo kanaa fi midhaawwaan Oromoo irra
qaqqaban jala bu’uun Waraabuun Addunyaa biyya lafatti akka tamsaastan waamicha
goona.
8. Ayyaanii Irreecha birraa kun Sadarkaa godinaaleetti illee waan itti Fufuuf muuxannoo
Hora arsadiitti argattan irraa kabaja Ayyaana Irreechaa Godinaalee irrattis bifa ho’aa fi
Qindaa’aan akka kabajamuu waltaanee gamtaan kan irratti hojjennu ta’uu dhaamsa
keenyaa dabarsina!! Jechuun ibsa isaa qabxii 8 dabarsuun, Irra deebinee Ayyaanni
Irreechaa kun kan nagaa, gammachuuf badhaadhinaa, bara milkii fi njifannoo, bara
qabsoon bilisummaa Oromoo itti galma geessuu fi Oromoon Bilisoomee Oromiyaan
Walaboomtu nuuf haa’uu jechuun ibsa kenne jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo!!
Fulbaana 24/2015
www.Qeerroo.org
[email protected]