Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ilmaan Oromoo Mooraa Mootummaa

Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa,
Bilisummaa fi Dimokraasiif(SDBBD)
National Youth Movement for
Freedom and Democracy (NYMFD)
Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ilmaan Oromoo Mooraa Mootummaa Wayyaanee
Sadarkaa Garaagaraa Keessatti Argaman Hundaaf Waamichaa Fincila Xumura
Gabrummaa(FXG) Gaggeeffama Jirutti Akka Makamaaniif Waamicha Xumuraa
Dhiheesse.
Gurraandhala 11,2016
Finfinnee
Warraaqsaa biyyoolessaa Oromiyaatti gaggeeffamaa jiruun mootummaan wayyaanee kufaatii guddaa fi
kasaaraa siyaasaa keessaa ba’uu hin dandeenye keessa gale keessa bahuuf tooftaalee dadhaboo armaan
gadii sochii uummataa danquu fi qabbaneessee bittaa umrii abbaa irrummaa fi Master Pilaanii Finfinnee
karoorfate hojii irra olchuun Irree Oromoo cabsee biyya itti fufinsaan bituuf akka karoorfate Qeerroon
bilisummaa Oromoo gareen xiinxaltoota Siyaasaa ibsan. Qabxiileen Wayyaaneen akka tooftaatti lafa
kaawwattee kunis:
 Dhaaba ergamtuu harka TPLF’n hundeeffamte keessatti aangawoota olaanoo kaleessa meeshaa
godhattee ittin uummata Oromoo ajjeesaa, saamaa, hidhaa fi biyya irraa arii’achaa turte yakkamtoota
mormii uummataan kufanii jiran aangoo irraa kaasuu fi adabuun waan aantummaa uummataa qabdu of
fakkeessuun yakkamtoota aangoo irraa kaasnee jirra jettee olola afaan fajjii ofuun sochii uummataa
dura dhaabbachuuf shira diinummaa karoorfachuun hojiitti hiikaa jiraachuun;
 Baatii darbee keessa karaa dhaaba ergamtuu Wayyaaneen media tti bahaa Master Pilaaniin
dhaabbateera jedhaa jechuun aangawoota OPDO dirquun ibsa kennisiisuun ni yaadatama. Master
Pilaanii Fenfinnee kan qopheessee Wayyaanee EPRDF/TPLF malee warrii ergama wayyaanee
rawwachisuu qofaaf tolfametti OPDO’n aangoo kan hin qabnee ta’uun ifaadha. Dhimma Master
Pilaanii Finfinnee irratti Mootummaa Federaalaa ibsa baasee haquu dhiisuun tuffii ergamtoota isaa
OPDOf qabuu fi uummata Oromoof qabu kan muldhisuu ta’uun beekamaadha. Master Pilaaniin
finfinnee caalaatti saffisaan hojii irra olaa jiraachuun shira wayyaanota kana ifatti uummataaf Saaxilaa
jiraachuu.
 Ilmaan Oromoo nagaa kanneen caasaa OPDO keessatti ogummaan ramadamanii sadarkaa garaagaraa
irratti argamanii fi jaalala Oromummaa qaban, kanneen yakka Oromiyaa fi uummata Oromoo irratti
rawwatamaa jiruu ni balaaleffatu jedhanii shakkaan caasaa hoggantoota yakkamtoota OPDO kanneen
fincila warraaqsaa biyyoolessa Oromiyaa fi diddaa uummatan kufee rukuchaa jiran waliin; caasaa
yakkamtoota mormii uummataan kufeetii jechuun hojii irraa arii’uu, taayitaa Ogummaa isaanii irraa
kaasuu, hidhuu fi biyya irraa arii’uun tarkaanfii diinummaa irratti fudhachuuf akka jiran hubatamuu.
 Riqicha uummatni Oromoo waggaa 24 ittin reebamaa, ajjeefamaa , mirga abbaa biyyummaa fi
dimookiraasii sarbamuun saamamaa ture ‘OPDO’ deebisanii ijaaruuf bakka yakkamtoota mormii
uummataan kufanii fi sabboontoota profeshinaalaa fi Siivilii Sarvisii ilmaan habashaa dhalootaan 50%
gadi dhiiga Oromoo of irraa qabanii fi kanneen saboota biro ta’anii Oromiyaa keessatti dhalatanii afaan
www.Qeerroo.org
[email protected]
Oromoo barreessuu fi dubbisuu danda’aniin OPDO haaraa hundeessuun bittaa umrii dheereeffachuuf
shira uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti xaxamaa jiru ta’uu hubannee jirra!!
Hoggansi Qeerroo Bilisummaa Oromoo gareen xiinxala siyaasaa fi qabsaa’onni sabboontootni
Oromoo, Sochii warraaqsaa qabsoo Bilisummaa Oromoo FXG cinatti haalaa adeemaa jiruu irratti
marii gabaabaa gochuun ilmaan Oromoo caasaa mootummaa wayyaanee OPDO sadarkaa
garaagaraa irratti argamaan hundaaf waamichaa ariifachiisaa fi isa xummuraa kallattiin dabarsee
jira.
1. Dhaabni Riqichaa jabaa mootummaa wayyaanee EPRDF/TPLF ‘f kan ta’ee ‘OPDO’n harka
mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF’n naannoo Tigiraayi aanaa Adeetiitti hundeeffamte
TPLF/EPRDF’n kan hoogganumuu fi bakka bu’aa uummata Oromoo waan hin taaneef
hatattamaan diigamuu qaba. Ilmaan Oromoo utuu hin beekiinis ta’ee beektanii haalli jiruuf
jireenyaa dhaaba kana keessatti miseensa hanga hoggansa sadarkaa Oromiyaa hanga bulchiinsa
gandaatti argamtaan guutummaatti miseensummaa dhaaba kanaa dhaabuun yeroon gara Sochii
warraaqsaa FXGtti makamuun uummata keessan dhiifama gaafachuun mirga keessanii fi mirga
uummata keessanii kabachiisuuf waamichaa lammummaa isa dhumaa isiniif dhiyaate akka
simattan jabeessinee isiniif dabarsina!!
2. Yakkamaan yakkamaa adabuu hin danda’uu; Yakka waraanaa Oromiyaa keessatti loltuu Agaazii,
humna ittisaa raayyaa waraanaa fi poolisii federaalaa bobbaasuun kan uummata Oromoo irratti
yakka duguuginsa sanyii “genocide” labsuun rawwachaa jiru mootummaa federaalaa fi ergamaa
mootummaa federaalaa OPDO ta’uun uummata Oromoo mitii uummata addunyaa hundaaf iyyuu
ifaadha. Yakka ulfaataa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruuf itti gaafatamaan mootummaa
federaalaa fi ergamtuu mootummaa federaalaa OPDO dha. Kanaafuu aangawootni sirna
EPRDF/TPLF/OPDOn guutummaatti aangoo gadhiisuun seeraatti dhiyaachuu akka qabaan
hubachiisuu; Ilmaan Oromoo nagaan sirnicha keessa jirtan bakka jirtan hundarratti warraaqsaa
FXG finiinaa jiruu jabeessuun mirga uummata keenyaa kabachiisuu fi walbummaa Oromiyaa
afaan irra ga’ee jiruu akka dhugoomsinuuf yeroon qabsoof birmannaa gootan amma ta’uu isin
hubachiifna.
3. Poolisootni Oromiyaa, milishoonnii Oromiyaa fi Ilmaan Oromoo waraana mootummaa
wayyaanee sadarkaa garaagaraa keessatti argamtaan meeshaa waraanaa isin harka jiruu akka hin
hiikkanne, yeroo amma kanatti qajeelfama mootummaa EPRDF/TPLF/OPDO irraa isiniif darbuu
akka hin fudhanne, sochii warraaqsaa fi hiriiraa uummata Oromoo dura akka hin dhaabbanne,
saamichaa qabeenyaa fi yakkamtoota sochii warraaqsaa daheeffachuun sammichaa fi mirga ilma
namaa sarbuuf kanneen socho’an qofa ittisuu irratti fuulleeffachuun uummata irraa dhalattan cina
akka dhaabbattan waamichaa lammii keessanii gadi jabeessuun waamichaa dhumaa isiif
dhabarsina!!, Rasaasa uummata Oromoo maatii keessan irratti dhukaafamaa jiru dhaabbattanii hin
dhaggeeffatiina, duubdeebii akka kennitaan waamicha goona!!
4. ‘’Sunsummaan jijjiruun Ittoo hin Mi’eessuu’’sMammaksa uummata Oromooti. Yakkamtoota
Sirna OPDO keessatti yakka ulfaataa mootummaa wayyaanee EPRDF/TPLF waliin ta’uun
Uummata Oromoo irratti waraana labsaa turan; mootummaan wayyaanee hogganoota OPDO
mormii uummataan kufan itti garagalee aangoo irraa rukuchuun uummata Oromoof bu’aa tokko
illee hin qabu; Mootummaan wayyaanee bu’aa mataa isaa tiksuuf yakkamtoota yakkamtootan
jijjiree bittaa umrii isaa dheereffachuuf malee akkuma olitti tuquuf ‘’Yaalle ‘’Yakkamaan
Yakkamaa’’ sireessuus ta’ee adabuu hin danda’u!!, Aangawootni OPDO fi mootummaa naannoo
Oromiyaa akkuma jedhamaa jiruu yoo ifaan ifatti kan adabamanii fi aangoo irraa kaafaman ta’ee,
wanti nu gaddisiisuu hin jiruu, uummata Oromoof gaaffii isaa deebisuu akka hin taane
hubachiisuun aangawootni aangoo irraa kaafamanii fi mootummaan wayyaanee hooggantootni
www.Qeerroo.org
[email protected]
sirna EPRDF/TPLF yakka waraanaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiruuf itti gaafatama
seeraa fi seenaa keessa bahuu kan hin dandeenye ta’uu ni hubachiifna!!
5. Addatti ogeessotni ilmaan Oromoo ‘professional’ sirna EPRDF/TPLF/OPDO keessatti miseensa
taatanii fi ogummaa keessaniin tajaajilaa jirtan yakkaa fi dabaa guddaa, tuffii sirni EPRDF/TPLF
kun isiniif qabu hubadhaa, Uummatni Oromoo wareegama qaalii kanfaluun mirga isaa
kabachiifachuuf tarkaanfii isa dhumaa irra ga’ee wayita jirutti itti gaafatamaa seeraa fi seenaa
jalaa of baasuun sodaa malee wal gurmeessuun gara warraaqsaa uummatatti makamuun sirna
kana dura akka dhaabbattan waamichaa dhumaa isiniif dabarsina
Injifannoon uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo !!
Guraandhala 11/2016
www.Qeerroo.org
[email protected]