Ibsa Ejjetnoo Miseensota ABO Konyaa Victoria ,Australia

Konyaa ABO
Vic,Australia
Ibsa Ejjetnoo Miseensota ABO Konyaa Victoria ,Australia
Onkoloolessa 11,2015
Seensa
Nuti miseensotni ABO Victoria,Australia dhimma Uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti walgahii
hatattammaa erga godhanneen booda, Gochaa Mootummaan Wayyaanee Uummata Oromoo fi
saboota cunqurfamoo kaan irratti taasisaa jiru fi Biyya keenya Oromiyaa keessatti badiinsa ol-aanaa
raawwataa jiru gad –jabeenyaan erga mari’annee booda gocha jibbiinsa sanyummaa Wayyaaneen
raawwataa jiru balaalefachuun waamichaa fi dhaamsa armaan gadii dabarfannee jirra!
1. Uummata Oromoo biyya keessa jiruuf,
Baroota dhufaa darbaa gabrummaa mootota Habashaa keessatti uummanni Oromoo hacuuccaa
akkaanii jala ture,haalli kun bara irraa baratti hammaachaa deemuu irraan Yeroo ammaa kana
gabrummaa Wayyaanee TPLF jalatti cunqursaan saba Oromoo fi saboota cunqurfamoo kaan irra
gahaa jiru haalaan hammaataa waan ta’eef,uummanni Oromoo lafa irraa buqa’uu,qabeenya
saamamuu fi biyyaa arihamuu,kaan mirga falmates hidhaa fi ajjeechaan isa mudachuun dararaan
sanyii namaa irra hin geenye irra gahaa waan jiruuf waan kana sagalee tokkoon “ NU GAHE”
Jedhchuun akka falmaa jabeessitan,kaatanii wal kakaasuun sagalee keessanii fi gootummaa Oromoo
aduunyaatti akka muldhiftan qabsaawoti ABO abdii isin irratti gataa waan dandeenyu cufaan irree
keessan jabeessuu fi humneessuu irratti ammo akka isin waliin dhaabbatnu waadaa keeenya isinii
haaromsina.
2. Uummata Oromoo biyya alaa jiruuf,
Fincila Barattoonni Oromoo, Qotee bulaan, Barsiistonni fi Daldaltoonni akkasuma Tikfate bulaan
Oromoo Oromiyaa keessatti geggeessaa jiru yaadaa fi qabeenyaan akkasuma ogummaa keenyaan
bira dhaabbannee falmuuf kan abdatan uummata Oromoo alaa fi qabsaawota biyyoota alaa adda
addaa irra faca’anii ykn tamsa’anii jiran waan ta’eef sagaleen uummata Oromoo biyya keessaa mirga
falmachaa jiruu taanee tokkummaa keenya tiksuun aduunya irratti rorroorifamaa jiraachuu keenya
akka saba biyya lafaatti iyyaatnu gaafatna.Gama biraanis qabeenya qabnu maraan dargaggootaa fi
uummata keenya fincilaa jiru cinaa dhaabbatnee sosso’uu fi WBO tumsuu irratti akka tokkummaan
kaanee Yeroo baburmmaatti hidda isaa curuun gabaabsinu haa ta’u.
3. Hayyootaa fi Maanguddoota biyya keessaa fi ala jiraniif
Hayyoonni Oromoo biyyoot alaa fi biyya Oromiyaa keessan jirtan marti Yeroo ammaan dura ture
keessatti gariin keessan qabsoo Oromoo tumsuu fi Oromummaa sadarkaa har’a gahee jiru irraan
ga’uu keesanitti qooda qabdan guddaa dha,gariin keessan ammo deggersa qabsoof osoo qabdanii
haalli fi humni akkasumas yeroon isin hanqisee kanneen barruun hin hiixatiin yoona geessan hundi
haala badiinsa uummanii Oromoo fi Oromiyaan irra jirtu gadi fageenyaan ilaaluun sochii warraaqsa
bilisummaa fi walbummaaf ilmaan Oromoo qixa maraa deemsisaa jiran cinaa akka
dhaabbattan,dhalaandalaa fi gumgummii hawaasa keessa deemuun qabsoo irraa fagaattanii baroota
lakkoofsifachuu irra akka hayyuu fi beekaa saba tokkootti yaadaa fi qalbii keessan tasgabbeessuun
uummata keenya biyya keessaa mirga falmataa jiru deggeruuf qabsoo bilisummaa Oromoo fi WBO
tumsuu irraa qooda dacha dacha fudhachuun akka seenaa galmeessitan kabajaan isinitti gaafatna.
4. Barattootaa fi Dargaggoota Oromoo(Qeerroo Bilisummaa) biyya jiran hundaaf,
Barattootii fi dargaggooti(Qeerroon Bilisummaa) Oromoo baroota dheeraa bakka jirtanitti
bilisummaa fi mirga uummata Oromoof falmuuf jedhcha wareega isin baafatan lakkaawamee hin
dhumu, uummata Oromoo kakkaasuu fi qabsoo irraa akka qooda fudhatu taasisuu akkasumas aadaa
fi afaan Oromoo guddisanii sadarkaa kanaan gahuu keessan keessatti seenaan galmee guddaan isin
yaadata. ABO fi WBO keessatti qooda fudhachuun sochii warraaqsaa biyya keessatti taasisaa jirtanii
fi naamusa warraaqsaa gahaan of ijaartanii mirga saba Oromoo karaa nagaa falmaa jiraachuu
keessan seenaa Oromoo keessatti bakka guddaatti kan yaadatamu dha. Wareegamuun hidhamuu fi
dararamuun akkaan osoo isin irra gahaa jiruu soda tokko malee bobaa diinaa jala osoo jirtanii
kaayyoo Bilisummaa Oromoo bakkaan gahuuf jedha qabsawaa waan jirtanitti firii horoof
jedhcha,nuti miseensotiin ABO konyaa Victoria Australia dandeettii fi qabeenya qabnu maraan isin
tumsuuf murtii fi eejjetnoo keenya fudhatne waan ta’eef bakka jirtanitti warraaqsa finiinsuu irratti
akka jabaattan imaanaa jaallummaa dhaammtan.
5. Gootota Oromoo WBOf
WBOn bakka jirtutti waggoota dheeraaf haala hadhaawaa meeqa keessa qaxxaamurtee nuffii fi
hifaata tokkoon malee qabsoo sabaa gaggeessaa jiraachuun uummanni Oromoo akka sirratti abdatu
ta’ee jira,gootummaa abbootiin keenya qabanii fi firii wareegama isaanii waan taatee jirtuuf sabi
Oromoo fi qabsaawoti Oromoo onnee irraa jalalaa fi mararfatnaa siif qabu jechaan himuu hin
dandeenyu,Yeroo ammaa kanatti haalleen akkaan rakkisoo fi guduunfaa ta’e maraaf osoo hin
jilbeeffatiin qabsoo taasisaa jirtaniif kabajaa itti horree akka Injifatnoon kaayyoon walabummaa
bakka gahuuf nuti miseensotiin ABO Vic deggersaa fi tiniinsa WBOf qabnu daran daran jabeessinee
bira dhaabbachuuf murtoo keenya haaromsine.
6. Baqattoota Oromoo Biyyoota olla jiraniif.
Rakkoo fi gidiraa mootummaan Wayyaanee irraan gahe irraa biyya abbaa isaanii gadhiisanii
baqattummaan biyyoota olla Oromiyaa fi aduunyaa keessatti faca’uun rakkachaa jiran baqatooti
Oromoo bakka jirtanitti tokkummaa keessan tikfachuun lukkeelee diinaa of irraa tiksaa tokkummaa
qabsaawummaa fi Oromummaa qabaattanii sochii warraaqsa dargaggoonni Oromoo biyya keessaa
deemsisaa jiranii fi WBOn dirree lolaa irraa falmaa godhu cinaa akka dhaabbatan waamicha keenya
goona. Oromoon gosaa fi amantii osoo hin jedhiin tokkummaan mirga falmachuu irratti seenaa
gaarii fi miidhagaa kaawwatee, ija biyya lafaa biratti galmee beekamaa qaba,waanni kun akka
ergamtoota diinaan boorawee tokkommaa hin diigneef jecha jabeessitanii of irraa eegaa tokkummaa
fi Oromummaa akka jabeessitan waamciha keenya taaifna.
7. Oromoota Moggaasa Qondaalummaa Wayyaanee Fudhachuun Beekaa lammii
miidhaa jirtaniif.
Yeroof ittiin bulinnaaf jecha uummata keessan miidhuun kanneen moggaasa diinaa fudhattanii saba
Oromoo miidhaa jirtan,baroota dheeraaf uummanni keenya isinii obese jira,amma yeroon isaa Yeroo
himimmaan haadha hiyyeessaa Oromoo fi Oromiyaa falmataa jiru waan ta’eef deggersa Wayyaaneef
qabdan hatattamaan dhaabdanii saba Oromootti qaamaa qalbiin akka araaramtan isin
akeekachiifna.Kanneen gurgurtaa lafaa ykn dachii Oromiyaa keessaas harka qabdaniif maqaa Master
Plan Finfinneen diinaaf tumsitanii uummata keenya lafa irraa buqisaa jirtan akka harka keessan
keessaa fudhattan gaafatna. Kana malees Oromooti biyya alaa irraa maqaa diaspora jedhuun biyya
galanii uummata keenya qe’ee irraa buqisuu keessatti qooda fudhachuun Wayyaaneef tumsa
taatanii uummata Oromoo miidhaa jirtan yakka guddaa dalaguu keessatti waan harka galfataa
jirtaniif daddaffiin akka irraa of qusattan jenna!
8. Miseensota ABO Hundaaf!
Jaallan miseensotiin ABO biyyoota adda addaa fi biyya keessa jiraattan,akeeka qabsoo bilisummaa
Oromoo bakkaan gahuuf jedhcha wareega guddaa baasaa akka jirtan galmeen seenaa ni beeka.
Kaayyoo walabummaa Oromoo galiin gahuuf jecha biyyoota jirtan mara keessatti qooda qabsoof
kennaa jirtanii fi uumata ijaaraa jirtan guddaa dha,haalli hadhaawaa keessaa alaan ABO irratti duulu
mara dura dhaabbattanii duree qabsoo Oromoo kan ta’e jaarmiyaa jaallatamaa fi kabajamaa ta’e
ABO gootummaan tiksitanii jirtu,wareega jaallan qabsoo irratti kitimaa ta’anii tolatti osoo hin gatiin
ABO tikfachuu fi kunuunfachuun hogganummaa kennitanii hanga har’aatti qabsoo dhaloota
qabqqabsiisuun firii itti horaa jirtan guddaa dha. Kanaaf jecha amma illee kaayyoo ABO bakkaan
geenyee ba’aa qabsoo bilisummaan furuuf dirqama nurra jiru bakka jirrrutti dacha dachaan bahuuf
qophee ta’uu akka qabnu imaanaa jaallummaa isinitti dhaammatna. Uummaa keenya biyya keessaa
roorroo jibbee diddaa gaggeessaa jiruu fi dargaggoota Oromoo duree ABOn sochii taasisaa
jiran,akkasumas WBO dirree irraa beelaa dheebuun diina waliin falmaa gaggeessaa jiru cinaa
dhaabbachuun,jabeeffachuun qooda qabsaawotaati, biyyoota alaa fi keessa jirru keessatti hawaasa
keenya ijaaruun akka isaan qabsoo irraa qooda fudhatan taasisuun dirqama qabsaawotaati ,kanaaf
haawaasa keenya jabinaan ijaaruu fi sochii warraaqsaaf taasifnu hifaata tokko malee dacha dacha
goonee qabsaawuuf yeroon isaa amma waan ta’eef bakka jirtaniitti akka ciminaan hojjettan galfata
jaallummaa dhaammatna. Biyya keessatti Yeroo ammaa kana maqaa Master Plan jedhuun
Wayyaaneen dachii Oromiyaa gurguraa jirtu dura dhaabbachuuf jecha sagalee uummata keenyaa
taanee hawaasa keenya kakaasuun falmaa taasisuuf qoodi keenya akka jabaatu jenna. Gochaa
farrummaa Wayyaaneen uummata keenya irratti raawwataa jirtu aduunyaa beeksisuuf akka
hawaasa Oromoo mara waliin akka harka wal qabannee daran kakkaanu dhaamsa keenya dabarsina.
Miseensota Konyaa ABO Vic,Australia.
Onkolooleesa 11,2015