Minnesota Department of Human Services umrii waggaa 3 itti Age 3 years Your Growing Child (Oromo) Daa’ima kee ka guddchaa jiru Waraaqaa Maatiif Fayyaduu Daa’imman akkaataa addaatti guddatu, jijjiiramu, akkasumas baratu. Fayyaa fi nagaya daa’ima keetii akka gaaritti malli itti eegdu hammi tokko akka armaa gadiiti. Waa’ee daa’ima keetii gaaffii ykn dhimma yoo qabaatte, kiliinika kee, kunuunsituu uummataa ykn konyaa mana barumsaa keetii waami. & Teen Ch ups eck Daa’imman umrii kanatti: Child Fayyaa: • Child and Teen Checkups (Xiinxala Daaimmanii fi Dargaggoo) dhaloota irraa eegalee hanga baatii 3 ni barbaachisa. Xiinxalli fayyaa dhaabbataan barbaachisaa dha. Waa’ee fluoride kiliinika kee gaafaddhu.Yaadaddhu: Osoo mana barumsaa hin eegalin xiinxallii daa’immanii ni barbaachisa. P E S D T Health Care for Kids • Al-tokko baayyee nyaatu, isa ittii aanutti immoo xiqqoo nyaatu. Guyyatti nyaata al 3 maatii wajjiin kenniif, akkasumas subaaxa gaarii guyyatti 1-2 kenniif. • Namoota biroodhaaf waanati qoppheessitu hunda nyaatu. Ati maal akka qoppheessituu fi yoom akka qoppheessitu murteessita. Daa’imni kee immoo ammam akka nyaatu (yoo kan nyaata ta’e) akka inni nurteessu godhi. • Ilkaan guyyaa guyyaadhaan burushiidhaan miiccachuu, akkasumas keessaa isaa kirriidhaan qulqulleessu. Ogeessa ilkaanii bira yeroodhaa yerootti dhaqu! Wa’ee ilkaan duuchuus, waa’ee quba xuuxuu fi waa’ee faayidaa “pacifier” gaaffaddu. • Halkan sa’aatii 10-11 ni ciisu guyyaa immoo al 1ni ciisu. Saa’aatii hirribaa eegiif. • Dukkana ykn hirriibaaf gara siree deemuu sodaachuun ni mala. Seenaa sireerratti itti himi ifaa galgalaa kan irriba fudhaciisuu danda’u baniif. Barachuu: Ijoolleen umrii kanatti: • Maqaa fi umrii isaanii ni barani yeroo hundaa ni haasa’u. Daai’ma kee wajjin haasa’uu fi geeba xabachuu yaali (ABC’s). • Kubbaa darbachuu jaallatu, waa walirra tuuluu, kakkatabuu akkasumas naanna mana keessatti hojii nama gargaaruu barbaadu. • Ol’utaaluu, kubbaa ykn geengoo miilla sadii qabdu oofuu ni jalqabuu. • Murtii mataa isaanii murteessuu jaallatu. Yoo dandeesse filannoo isaanii kanniif (uccuu kam akka offatan, kitaaba kam akka dubbisan, fi bakka kam akka dhaqan). Daa’ma kee jeji! • Haalaa-mala mataa isaanii horataa dhufan. Daa’imni kee amala addaa kan maraa isaa akka qabu beekiitii dhageeffadhu. Akkasumas, haala fedhii fi amala isaa irraa calaqqifamuuf ilaalcha kenni. Nageenya: • YEROO HUNDAA barcuma konkolaataa keessatti ijoolleen irra teessuu kan taa’umsa isa boodaa keessattii sirriitti taa’e fayyadamuu kee hubaddhu. • Yammuu daa’ima kee dhixxu bulluqina bishaan keetii 120°F oli hin dabarsin. Bulluqina bishaanichaa harka keetiin qabii ilaali. • Daa’iman kee yammuu bishaan bira jiru, bakka ol-jedhaarra yammuu jiru, bakka nyaata itti hojjetanitti ykn bakka horii yammuu jiru waliin turii laaliin. Minnesota Poison Information Odeeffannoo Summii Minnesota 1-800-222-1222 Minnesota Immunization Hotline Daandii Salphaa kan lilmee Minnesota 1-800-657-3970 Home Safety Checklist Tarree nageenya Manaa (651) 281-9857 • Naannoo daa’imni kee jirutti namni tokko tamboo hin xuuxne godhi. • Daa’ima kee irraa shaanxaa plaastikaa fi waan xixiqqoo akka saantimaa akkasumas nyaata goggogaa irraa fageessi. Daa’imni kee osoo midhaan afaanitti baatuu akka karaarra hin deemne, akka hin fiigne ykn konkolaataa keessaa akka hin lixe dhowwi. • Helmeetiifi Jaakeetii Lub-oolchituu offadhu. Fakkeenya gaarii ta’i. • Meeshaa isa aarri jirachuu himutti fayyadami; waggaattis al lama hojjechuu isaa toohadhu (keessattuu hennaa saa’aan biyyattii geeddaramu). • Ijoolleen waa baruu barbaadu. Qawwee keetii fi rasaasa kee bakka adda-addaatti itti qollofi. Kun Seera! • Daaimni kee of-danda’aa taa’aa waan jiruuf sirkaa figuu ni danda’a. Yeroo hundaa ija kee irraa hin fudhatiniiti ilaali. • Manni kee daa’immnaiif gaarii ta’uu isaa mirkaneessi! Dawaa, summii waan qara qaban meeshaa walirra tuulame irraa fageessi. Manni kee darajaa yoo qabaate balbala itti godhi. Tarree Nageenya manaa ilaai. Namoota irrina qaamaa qabaaniif beeksisa bifa gargaaratu isaaniif qophawee jira oduu kana argaachuuf lakkooysa kanani nu qunnami (651) 431-2629 ykn bilbiila ergaa (voice) dhisaa ykn lakkooysa kana (800) 657-3756 bilbiilataan qunnamuu dandeysaan. Namooni (TTY/TDD) dhimma itti ba’uu akkasuma’ammsa Minnesota (Minnesota Relay) kan lakkoobsa kana 711 ykn lakkooysa (800) 627-3529. Billbiila akkasuma lakkooysa iaan kanaan (877) 627-3848 qunnamitaan dhimma keesaa rawwachuu ni dandeysaan.
© Copyright 2025