جبهۃ تحـرير اورومـو - Oromo Liberation Front

ADDA BILISUMMAA OROMOO
‫جبهۃ تحـرير اورومـو‬
OROMO LIBERATION FRONT
Gaafa: Mudde 2016
Date:
‫تاريخ‬
Lakk.:No.:
Dhaamsa Waggaa Haaraa, 2017
Adda Bilisummaa Oromoo Irraa
Kabajamaa Ummata Oromoo, mirgi kee sarbamuu irraa alagaan roorrifamuu irraa jireenya
hadhaawaa gaggeessuuf dirqamte,
Miseensota ABO kaayyoo keessanitti cichuun QBO keessatti qooda lammummaa bahataa
jirtan;
Waraana Bilisummaa Oromoo diina kuffisaa kufaa jirtu,
Qeerroo Bilisummaa Oromoo, diina dhala namaaf naasuu hin qabne irratti finciluun mirga
ummata keessaniif falmaa irratti argamtan,
Akkasumas deggertootaa fi firoottan QBO
ABO Baga waggaa haaraa 2017 geessan jechuun maqaa GS-ABO fi miseensota ABO maraan
dhaamsa gammachuu isiniif dhiheessa. Waggaan haaraa kunis waggaa ummatni Oromoo
harqoota gabrummaa jalaa bahee bilisummaa isaa itti gonfatu, bara diinni ummatootaa itti
jilbeenfachiisamee kabajamuun mirgi ummatootaa itti mirkaneeffamu akka tahu hawwina.
Wayta wggaan haaraa seenu waggaa dabre keessa kan raawwatame, milkiilee argaman,
gufuulee fi rakkoolee mudatan of booda deebi’uun kan ilaallu irra caalaa hojjatuuf ittiin of
qopheessuufi. Bara 2016 keessa mooraan QBO maal akka fakkaatu, ummatni Oromoo haala
akkamii keessa akka turee fi dabarse, haalli impaayera Itophiyaa fi diinaa maal akka fakkaata
ture? gamaaggamatuun waggaa haaraa keessa kan hojjatamuu qabu irratti hammilee fi
murannoon itti seenuutti dabalee gufuulee mul’atan jabinaan dura dhaabbatuu dhaan irra
aanuuf gargaara.
Ummatni Oromoo jaarraa tokkoo fi walakkaa oliif harqoota gabrummaa irratti fe’ameen
miidhaan dorgomaa hin qabnee fi hacuccaan dhala namaaf hin malle irra gahaaera. Waggoota
dheeraa bittaaa alagaa jala ture kana keessattis mootummootnii jijjiiramanillee, akeekaa fi
galiin isaanii jijjiiramuu dhabuu irraa hacuuccaa fi saaminsi babal’atuu fi jabeeffamuu malee
isaa isanii xiqqaatanii hin mul’atne. Maqootnii sirnaa hawwatoo moggaafatanis summii
dammaan makame, waaroo akeeka qaban ittiin golgatan tahuu irra dabree ummatoota fayyaduu
hin dandeenye. Kan bara bittaa Wayyaanee/IHADG ammoo ittuu hammatee ummata Oromoo
diinatti moggaasee duula bifa gara garaa irratti geggeessuu irratti argama. Kana irraas
ummatni Oromoo haala kanaan dura mul’atee hin beekne keessatti akka jireenya gadadoo
keessatti kufu taasifameera.
P.O. Box 6973 Asmara, Eritrea Tel 2911 110236 Email: [email protected], www.oromoliberationfront.org
‫رقم‬
Har’as taanaan ummata Ormoo biyya isaa irratti qee’ee isaa irraa humnaan buqqisuu dhaan
lafa dhablee taasisuun akka mirgaatti fudhatamee bal’inaan gaggeeffamaa jira. Maqaa
misoomaa fi guddina shaffisaa argamsiifna jedhuun qotee bulaan Oromoo lafa isaa irraa
buqqaafamee ari’ama. Addatti ammoo magaalaalee Oromoo Finfinneetti marsanii jiranii fi itti
dhihoo jiran keessa kanneen jiraatan, manni irratti diigamee, obruun saamamee ari’amaa jiran.
Kana irraas, Oromoo lafa isaa irraa buqqaasuun kan badhaadhaa jiran alagoota maqaa
investmentiin alaa dhufanii fi Wayyaanota aangoo humnaan dhuunfatani dha. Oromiyaan bakka
Abbaan biyyaa itti hagabuu fi hiyyoomu alagaan ammoo keessatti duroomu taateetti.
Mootummaan Wayyaanee/IHADG murna hawaasa Oromoo keessaa addatti dargaggo Oromoo
irratti xiyyeeffatuun maqaa ABO fi goolessummaan, ajjechaa fi hidhaan waggaa dabarsine
keessa bal’inaan raawwatame gochaa gara jabinaa fi bineensummaa ti. Qaroo fi hubataa,
beekaa fi dammaqaa keessaa filanii ajjeesuu fi hidhuun, tarkaanfii Wayyaanee ummata Oromoo
qor-qalbii isaa cabsuun, hogganaa fi hayyuu dhabsiisuun bittaa isaa turfatuuf fudhataa jiru dha.
Kanneen hawaasa biratti fudhatama qaban hidhaa fi doorsisaan jireenya dhorkatuunis tarkaanfii
diinaa beekamaa taheera. Baratanii hojii dhorkatamuun ykn hojii gadi aanaa hojjatuuf
dirqamuun hiree dargaggoo Oromoo taasifameera.
Gadadoon dorgomaa hin qabne kun hundi irra gahullee dargaggoon Ormoo ABO jalatti maqaa
Qeerroon gurmaa’uun falmaan itti jiru kaayyoo ABO bakkaan gahuu irraa humni hanqisuu
danda’u akka hin jirre mirkaneessa. Qeerroon Oromoo adda durummaa fi murannoon falmaa
waggoota kudhanii oliif addatti ammoo waggoota lameen as aanan keessa adeemsiseen ummata
isaatti abdii horeera. Hidhaa fi ajjeechaa, ari’insaa fi rakkoolee biroo irra gahaniif osoo hin
jilbeenfanne, wal gurmeessuu dhaan diddaan agarsiisaa jiru kan diina muddamsuu keessa
seensisaa jiruu fi bilisummaan ummata Oromoo kan hin hafne tahuu mirkaneesse dha.
“Wayyaanee jalatti hin bullu!” jedhee ummata kakaasuu fi hiriirsuunn gochaa addunyaan
raajjeffatee fi dinqisiifate kan raawwate Qeerroon Bilisummaa, waggaa haaraa seenaa jiru kana
keessattis FXG-tti xumura gochuun seenaa boonsaa akka galmeessu shakkiin hin jiru. Fiixa
bahiinsa akeeka kanaafis ABOn gama danda’ame hundaan kan cinaa jiru tahuu jala muree
hubachiisuu fedha. Miseensotni dhaabaa hundi, deggertootnii fi ummatni Oromoo marti sochii
ilmaan isaa itti jiran kana beekee waliin akka hiriiru ABOn hiree kanaan dabalataan
yaadachiisa.
ABO fi WBO dhabamsiisuuf duulli waraanaa fi diplomaasii wal irraa hin citne waggoota
dheeraaf irratti adeemsifamaa jira. Kan irratti duulamuufis Kaayyoon haqaa deggersa ummata
Oromoo qabu kun akka hin milkoofne taasisuuf jecha. Haa tahu malee duula fuula hundaa
keessaa fi alatti irratti gaggeeffamaa turee fi jiru ABOn injifatee jireenya isaa mirkaneeffatuu
qofa osoo hin taanee caalaattuu jabaatee fi humnaa’ee qabsoo bilisummaa finiinsuu itti fufee
akka jiru hubatamaa dha. Milkii kana argamsiisuu keessattis qoodni ummata keenyaa biyya
keessaa fi alaa, akkasumas miseensotaa fi deggertootaa olaanaa waan taheef ABOn galata
dhiheessaaf. Kana waliin itti fufiinsa qabsoo bilisummaa Oromoo iggiteessuu keessatti WBOn
qooda mul’ataa gumaachuu ummata keenyaa fi diina jalaa dhokataa miti. Wayta ammaas
WBOn magaalaa fi baadiyyaa bal’aa keessatti diinaa fi lukkeelee diinaa irratti tarkaanfii
fudhtuu irratti argama. Kan dhabamu ABO mirga ummata Oromoof falmaa jiru osoo hin taane
kanneen haqa ummatootaa irra ejjatuun saamisnaan deeggsanii fi mirga ummatootaa sarbuun
ukkaamsuu hawwan akka tahe haalli Oromiyaa keessattii fi bakkoota gara garaa Empayera
Itophiyaa keessatti waggaa dabre keessa mul’ataa turan shakkiin alatti dhugoomsan.
Waggaa dabre keessa ummatni keenya harqoota gabrummaa jalaa of baasuuf tarkaanfiin
fudhataa ture kan qabsaawotaa fi firrootan qabsoo gammachiise, diina ummata Oromoo hamilee
cabsee fi mataa gadi qabachiise dha. Hundaan olitti ammoo bilisummaan wareegamaan alatti
hin dhuftu! jechuun war eega fedheefuu qophii tahuu isaa ifatti labsatuu dhaan qabsoo
keessatti hirmaannaa isaa guddisuun qabsoo bilisummaa fuula dura tarkaanfachiisuu
danda’eera. Firaa fi diina adda baafatee bilchinaan tarkaanfiin fudhataa tureen shira diinaa
fashalseera. ABOn ummatni keenya waamicha ABO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoof
owwaatuun muratnoo ol aanaa agarsiise kana ni dinqisiifata. Kabajaa qabaaf. Qabsoo
bilisummaa wareegni qalii itti bahaa jiru kanas caalaatti finiinsuun bakkaan gahuuf kaayyoo
keenya irratti cichinee daran dachaa dachaa haa warraaqnu jedha. Tarkaanfii diinni fudhatuun
osoo hin rifanne waliin hiriiruun haa qabsoofnu. Qabsoo hadhaawaa keessatti hirmaannutu
bilisummaa mi’aawaan nu gaha.
Ummatni Oromoo yeroo ammaa kana duula saaminsaa itti banameen lafa dhabsiifamaa fi qe’ee
isaa irraa buqqaafamaa jira. Mootummaan Waayyaanee Master plan kaafame jechaa ture harka
lafa jalaan hojii irra oolchuuf karoorfateera. Kanaaf gochaa diinaa Oromummaa balleessuu
irratti xiyyeeffate kana hubbatnee gurmuu keenya caalaatti jabeeffatuun qabsoo finiinsuun dura
haa dhaabbannu.
Har’a ilmaan Oromoo kuma kudhanoota danuun lakkaa’aman mana hidhaa Wayyaanee
beekamuu fi hin beekamne keessatti gidirfamaa, tumamaa, miidhaan qaamaa fi samuu irraan
geessifamaa jira. Lammiilee mirga ifii fi ummata isaaniif dubbatuu fi falmuu irraa diinni irratti
roorrisaa jiru kanneeniif ABOn kabajaa qabaaf. Karaa isaaf danda’ame hundaan kan bira
dhaabbatu tahuu hubachiisaa, ummatni keenya biyya keessaa fi hawaasni Oromoo ala jiru marti
obboleeyyan isaa haqaaf dhaabbatuu irraa giddirfamaa jiran kanneeniif dirmatnaa barbaachisu
akka godhu hiree kanaan yaadachiisa.
Har’a ummatni keenya biyya isaa keessatti mirgaa fi nagaa dhabuu irraa gara biyyoota ollaatti
baqataa akka jiru dhokataa miti. Baqa irrattis dheebuu fi beelaan kan gammoojjii keessatti
dhuman, galaana qaxxaamuruu irratti kan lubbuu isaanii dhaban kumootaan lakkaa’amu. Kan
milkaa’anii biyyoota ollaatti bahanis mootummaan Wayyaanee humna tikaa fi poolisaa
biyyoota ollaa bitatuu fi sossobatuun biyyatti akka deebifaman taasisuun caalaatti miidhaa
irraan gahaa akka jiru beekamaa dha. Mootummaan Wayyaanee kana hunda kan raawwataa
turee fi jiru ummatni Oromoo mootummaa isaa jala hiriiruu diduu irraa ti. Umamtni keenya
ABO fi Qeerroo bilisummaa daran jabeeffatuun mirga isaa qabsoo isaan harka galfatuuf
socho’uu malee filmaata biraa akka hin qabne hubatamee sochiin kanaaf godhamuu dachaa
dachaa akka tahuu ABO gadi jabeessee hubachiisaa. Ummatni keenya alaas sochii kana daran
jabeessuuf kan duraanii caalatti waan qabu maraan akka waliin dhaabbatuu waamicha
lammummaa dhiheessinaaf.
Mootummaa Wayyaane kan jiraataa jiru gargaarsa mootummoota gara garaa irraa argatuun
malee deggersaa fi fedhii ummatootaan akka hin taane ifaa dha. Maddi galii fi jireenyaa kun
akka gogu ykn qooru gochuun ammoo dirqama miseensotaa fi kan nagaa jaallattootaa ti. Kana
hubachuun miseensotni dhaabaa biyyoota alaa adda addaa keessa jiraatan hundi madda galii
diinaa kana qoorsuu irratti kan isaaniif danda’amu hunda akka hojjatan dhaama. Kana waliin
rakkoo baqattummaa lammiilee mudataa jiruuf sababni rakkoo siyaasaa bittoota Itophiyaan
uumame tahuu beeksisuu fi miidhaa gosa adda addaa baqataa Ormoo irra gahaa jiru
dhageesisuu irratti akka hojjatan hubachiisa.
Dhuma irratti mootummaan Wayyaanee kan hanga har’aa jiraate deggersa maallaqaa fi tumsa
diplomaasii mootummootaa irraa argatuun akka tahe ni beekama. Kanaaf ABOn ammas irra
deebi’ee gargaarsi Wayyaaneef godhamu ummatoota ittiin cunqursuu fi ukkaamsuu irra kan
oolfamu tahuu mootummootnii fi haawasni addunyaa hubatanii, gargaarsa godhaafii jiran akka
dhaabanii fi mootummaa abbaa irree deggeruudhaan miidhaa ummatoota irra gahaa jiru
bubbulchuuf tattaafatuu irra, furmaata waaraa argamsiisuu irratti akka bobba’an irra deebi’ee
waamicha isaa dabarsaaf.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Mudde 2016