hagayya 29–fulbaana 25, 2016

AD O O LESSA 2 0 16
34567
MATA DUREEWWAN QOANNAA:
HAGAYYA 29 –FULBAANA 25, 2016
FAKKII QOLA ISAA IRRA JIRU:
BABALISTOOTA
DOMINIKAAN RIPPUUBLIKII
37,536
Qajeelchaan addaa tokko qarqara galaanaa
Laas Teerenasitti argamutti namicha kokonaatii
oomishutti Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee
misiraachicha himaa jira
QOANNAAWWAN
KITAABA QULQULLUU
69,892
NAMOOTA AYYAANA
YAADANNOO IRRATTI
ARGAMAN ( 2015)
120,103
ITTIIN BAAFATA
3
FEDHIIDHAAN OF DHIHEESSANIIRU
—Gaanaa
7
HAGAYYA 29–FULBAANA 4
Wantoota Utuu hin Tain,
Mootummicha Barbaadaa
Yesuus wantoota foonii utuu hin tain, ‘Mootummicha
akka barbaadnu’ nu barsiiseera. Kiyyoo jaalala qabeenyaa irraa of eeguu fi wantoota hafuuraa caalaatti
barbaachisoo taaniif dursa kennuuf jireenya keenya
salphisuu kan dandeenyu akkamitti? Yaada Yesuus
Lallaba isaa isa Gaaraa Irratti dubbatee fi Maatewos
6:25-34 irratti argamu haa ilaallu.
18 “Hin Sodaatin. Ani Sin Gargaara”
21
FULBAANA 12-18
26
FULBAANA 19-25
FULBAANA 5-11
‘Dammaqnee Eeguu’ kan Qabnu Maaliifi?
Kiristiyaanota waan taaneef, gorsa Yesuus bara dhumaa kanatti ‘dammaqinaan akka eegnu’ nuuf kenne
hojii irra oolchuu qabna. (Mat. 24:42) Kana gochuuf,
dhiibbaawwan gadhee dhufaatii Yesuus dammaqinaan
akka hin eegne nu gochuu dandaan irraa of eeguu
qabna. Wantoota akka nuti hin dammaqne godhan
irraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti akka tae
mata duree kana irratti ilaalla.
Barreeffamni kun hin
gurguramu. Hojii addunyaa maratti Kitaaba
Qulqulluu barsiisuuf
adeemsifamu keessaa
tokko dha; buusii qarshii
namoonni fedhiidhaan
kennaniin qophaaa.
Buusii gochuudhaaf
www.jw.org/om ilaali.
34567
Ibsi kan biraan yoo kenname malee,
caqasawwan barreeffama kana keessatti
argaman Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa
Haaraa Maatewos-Mulata fi Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo bara 1997tti maxxanfame
keessaa kan fudhatamani dha. Caqasichatti
aansee “NW” yoo jedhame, caqasichi kan fudhatame Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa
Haaraa afaan Ingiliffaa ammayyaatiin
qophaae irraa tauu isaa argisiisa.
Misiraachoo Gaarummaa
isa Guddaa Babalisaa
Mata dureewwan kana lamaan irratti karaawwan
gaarummaa Yihowaa isa guddaa irraa faayidaa itti
argachuu dandeenyu hedduu ilaalla. Akkasumas,
gaarummaa guddaa Yihowaan argisiise kana irraa
fayyadamuu kan dandaan akkamitti akka tae namootatti himuudhaan galata qophii kanaaf qabnu akkamitti argisiisuu akka dandeenyu ibsu.
13
Namoota Gaarummaa Waaqayyoo
isa Guddaa Galataan Fudhatan
31
GAAFFII DUBBISTOOTAA
July 2016
Vol. 137, No. 11 OROMO
The Watchtower (ISSN 0043-1087) Issue 11 July 2016 is published monthly with an
additional issue published in January, March, May, July, September, and November.
5 2016 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania. Printed in Germany.
5 Druck und Verlag: Wachtturm Bibel- und Traktat-Gesellschaft, Selters/Ts., V. i. S. d. P.
Manfred Steffensdorfer, Selters/Ts.
F E D H I I D HA AN
OF DHIHEESSANIIRU
Gaanaa
OBBOLOOTA biyya alaa deemuudhaan iddoo
babalistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisanitti tajaajilaa jiran beektaa? ‘Biyya
alaa deemanii akka tajaajilan wanti isaan kakaase maali?
Tajaajila akkanaatiif kan of qopheessan akkamitti? Ani
hoo irratti hirmaachuu nan dandaaa?’ jettee of gaafattee
beektaa? Mala gaarii gaaffiiwwan kanaaf deebii itti argannu keessaa inni tokko, obboloota kana gaafachuu
dha. Mee haa gaafannu.
WANTI ISAAN KAKAASE MAALI?
Biyya alaatti iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisu
deemtanii tajaajiluu akka yaaddan wanti isin kakaase
maali? Eemiin umuriin ishii walakkeessa waggoota 30nii
yeroo tau, Yuunaayitid Isteetis irraa dhufte. Akkana jetteetti: “Waggoota hedduudhaaf, biyya alaa deemee tajaajiluu yaadaan ture; haa tau malee, yoom iyyuu galma
kana irra gauu akkan hin dandeenye natti dhagaama
ture.” Ilaalcha ishii kana maaltu jijjiire? Akkana jetteetti:
“Bara 2004tti hiriyoonni gaaelaa Beeliiz keessa tajaajilan, akkan dhaqee isaan gaafadhuu fi qajeelchaa taee
isaanii wajjin jia tokkoof akkan tajaajilu na afeeran. Ak-
kuma jedhan kanan godhe sia tau, tajaajilattis gammadeera! Waggaa tokko booda immoo, qajeelchaa taee tajaajiluufan gara Gaanaa deeme.”
Istefaaniin, ishiin amma umuriin ishii dhuma waggoota
20nii tae, Yuunaayitid Isteetis irraa dhufte. Waggoota
muraasa dura haala keessa jirtu yeroo gamaaggamtu
akkana jettee yaadee: ‘Fayyaa gaariin qaba, itti gaafatamummaa maatiis hin qabu. Kanaafuu, wantan yeroo
ammaatti gochaa jiru caalaa Yihowaadhaaf wantoota
dabalataa gochuu nan dandaan ture.’ Amanamummaadhaan of gamaaggamuun ishii, gara Gaanaa deemtee
tajaajila ishii akka balifattu ishii kakaaseera. Hiriyoonni
gaaelaa Filiippii fi Ayidaa jedhamanii fi umurii gaeessummaa irra jiran immoo Deenmaarkii kan dhufan sia
tau, naannoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemanii
tajaajiluu yeroo hunda hawwu turan. Karaawwan hawwii isaanii kana itti dhugoomsuu dandaanis ni barbaadu turan. Filiippi, “Carraan isaa yeroo nuu banametti,
waanuma Yihowaan ‘Dhaqaa!’ nuun jedhe nutti fakkaatee ture” jedheera. Bara 2008tti gara Gaanaa deemanii
achitti waggaa sadii oliif tajaajilaniiru.
Eeriikii fi Eemii
3
Biyya alaa deemuu kee
dura, akkana jedhii of
gaafadhu:
˙ Ofii koos tae maatii
koo gargaaruu nan
dandaaa?—1 Tas. 2:9.
˙ Viizaa seera qabeessa
tae argachuu nan
dandaaa?
˙ Haala qilleensaa fi
aadaa naannoo sanaa
wajjin wal baruu nan
dandaaa?
˙ Fayyaa koo eeguuf
tarkaanfiiwwan tokko
tokko fudhadheeraa?
˙ Afaan biyya sanaa
barachuuf fedhiin
qabaa?
˙ Gumichaaf “madda
jajjabinaa guddaa” nan
taaa?—Qol. 4:11.
Haanzii fi Biruuk hiriyoota gaaelaa umurii waggoota 30nii keessa jiran sia tau,
Yuunaayitid Isteetis keessatti tajaajilu. Bara 2005tti obomboleettii guddaan
Kaatriinaa jedhamu erga kaee booda,
bakka balaan itti uumame deemanii gargaarsa godhaniiru. Yeroo booda immoo,
hojii ijaarsaa biyyoolessaa irratti hirmaachuuf gaafatanii kan turan taus, hin
waamamne. Haanzi waan yaadatu akkana jedhee dubbateera, “Achiis, walgaii
guddaa tokko irratti haasaa waaee Daawit Mootichaa isa mana qulqullummaa
ijaaruun yeroo isaaf hin heyyamamnetti
galma isaa jijjiiree dubbatu dhageenye.
Barumsi kun, namni tokko galma hafuuraa isaa jijjiiruun isaa dogoggora akka
hin taane akka hubannu nu gargaareera.” (1 Sen. 17:1-4, 11, 12; 22:5-11) Biruuk
itti dabaluudhaan, “Yihowaan balbala biraa akka rurrukunnu barbaada ture” jetteetti.
Hiriyoota isaanii warra biyya biraa deemanii tajaajilan irraa muuxannoowwan
nama gammachiisan erga dhagaanii
booda, Haanzii fi Biruuk biyya alaa deemuudhaan qajeelchaa taanii tajaajiluuf
kakaaniiru. Bara 2012tti gara Gaanaa
kan deeman sia tau, jia afuriif achitti tajaajiluudhaan gumii afaan mallattoo gargaaruu dandaaniiru. Yeroo booda gara
Yuunaayitid Isteetis deebiuun kan isaan
barbaachise taus, muuxannoon Gaanaa
keessatti tajaajiluudhaan argatan, fedhii
2
1
tajaajila Yihowaatiif dursa kennuuf qaban isaaniif cimseera. Yeroo sanaa jalqabee, hojii ijaarsaa waajjira damee Maayikrooneeshiyaa irratti hirmaachaa jiru.
GALMA ISAANII IRRA GAUUF
TARKAANFII FUDHACHUU
Iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisu
deemtanii tajaajiluuf kan qophooftan
akkamitti? Istefaaniin akkana jetteetti,
“Mata dureewwan Masaraa Eegumsaa
irratti baanii fi waaee iddoo gargaarsi
caalaatti barbaachisu deemanii tajaajiluu dubbatan irratti qorannaan godhe.1
Kana malees, biyya alaa deemee tajaajiluuf fedhii akkan qabu jaarsolii gumiitti, akkasumas ilaaltuu ol aanaa aanaa fi
haadha manaa isaatti nan hime. Hunda
caalaa immoo, waaee galma kootii yeroo
hunda kadhannaadhaan Yihowaatti nan
himan ture.” Yeroo kanatti Istefaaniin,
jireenya ishii salphaa gootee waan turteef, qarshii biyya alaa deemtee tajaajiluuf ishii barbaachisu kaaachuu dandeesseetti.
Haanzi akkana jedheera: “Iddoo Yihowaan deemaa nuun jedhe deemuu waan
barbaadnuuf, qajeelfama isaa argachuuf
1 Fakkeenyaaf, mata duree Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 2009 “Bakka Labsitoonni Mootummichaa Caalaatti Barbaachisan
Dhaqxee Tajaajiluu Dandeessaa?” jedhuu fi
Muddee 15, 2009 “Maqedooniyaatti Ceuu Ni
Dandeessaa?” jedhu ilaali.
3
4
5
1
Biruukii fi Haanzi
2
Aaronii fi Istefaanii
3
Ayidaa fi Filiippi
4
Adriiyaa fi Joorji
5
Kiristiinii fi Giidewon
kadhannaadhaan isa gaafanne. Kana malees, kadhannaa keenya irratti guyyaa murtaaaa karoora keenya
galmaan itti gauu barbaadnu caqasneerra.” Hiriyoonni
gaaelaa kun xalayaa isaanii waajjiroota damee afuritti
erganiiru. Waajjira damee Gaanaa irraa deebii baayee
nama jajjabeessu erga argatanii booda, jia lama turuuf yaaduudhaan achi deeman. Haanzi akkana jedheera, “Gumichaa wajjin waliin hojjechuun baayee waan nu
gammachiiseef, yeroo itti turru dheeressine.”
Hiriyoonni gaaelaa Joorjii fi Adriiyaa jedhamanii fi dhuma umurii waggoota 30nii keessa jiran immoo Kaanaadaa irraa kan dhufan yeroo tau, Yihowaan fedhii gaarii
qofa utuu hin tain, murtoo gaariis akka eebbisu hubataniiru. Kanaafuu, galma isaanii irra gauudhaaf tarkaanfii
cimaa fudhataniiru. Obboleettii iddoo gargaarsi caalaatti
barbaachisutti tajaajiluuf Gaanaa turtee wajjin kan wal
argan sia tau, gaaffii baayees ishii gaafataniiru. Kana
malees, waajjiroota damee Kaanaadaa fi Gaanaa jiranitti xalayaa barreessaniiru. Adriiyaan, “Akkasumas, ka-
raa jireenya keenya isa kanaan duraa caalaa itti salphisnu barbaadna turre” jetteetti. Murtoon isaanii kun, bara
2004tti gara Gaanaa deemanii akka tajaajilan isaan kakaaseera.
HAALAWWAN RAKKISOO MOUU
Yeroo achi jirtanitti haalawwan rakkisoo akkamiitu isin
mudate? Rakkoowwan kana hoo akkamitti dandamattan? Wanti Eemiidhaaf rakkoo guddaa tae inni jalqabaa
maatii ishii yaaduu ture. “Wanti hundi haalan duraan
beeku irraa adda ture” jetteetti. Maaltu ishii gargaare
ree? Akkana jetteetti: “Miseensonni maatii kootii anaaf
bilbilanii tajaajila koo hammam akka dinqisiifatan natti
himu turan; kun immoo, gara kana dhufuuf maaliif akkan
murteesse akkan hin irraanfanne na gargaareera. Booda
irratti anii fi maatiin koo viidiyoodhaan waliin haasauu
jalqabne. Wal arguu waan dandeenyuuf, na irraa baayee
fagaatanii akka jiran natti hin dhagaamu ture.” Eemiin,
obboleettii muuxannoo qabduu fi achi jiraattu hiriyaa godhachuun ishii, aadaa naannoo sanaa gadi fageenyaan
ADOOLESSA 2016
5
hubachuuf ishii gargaareera. Akkana jetteetti: “Hiriyaan
koo kun, naman itti amanamu turte; akkasumas sababiin
namoonni wanta tokko itti godhan yeroo naaf hin galle
hundatti, gargaarsaaf gara ishiin dhaqa ture. Gargaarsa
ishiin naa gooteen, wantan gochuu qabuu fi wantan irraa fagaachuu qabu baradheera. Kun immoo, tajaajila
koo gammachuudhaan raawwachuuf baayee na gargaareera.”
Joorjii fi Adriiyaan jalqaba gara Gaanaa yeroo deeman,
yeroo booda deebiuu akka dandaan yaadanii turan. Adriiyaan akkana jetteetti: “Maashinii uffanni itti miiccamutti utuu hin tain, baaldiitti fayyadamna turre. Nyaata
bilcheessuun isa kanaan duraa caalaa dachaa kudhan
yeroo nutti fudhata ture jechuun ni dandaama. Yeroo booda garuu, haalawwan rakkisoo turan sun muuxannoo haaraa nuuf taaniiru.” Biruuk akkana jetteetti:
“Gufuuwwan qajeelchitoota tauu keenyaan nu mudatan
jiraatanis, jireenya gammachiisaa jiraanna turre. Muuxannoowwan nama gammachiisan kun hundi gara sammuu keenyaatti yeroo dhufan, yaadannoowwan gaggaarii bakka guddaa kenninuuf nuuf tau.”
TAJAAJILA NAMA KIISU
Warri kaanis bifa tajaajilaa kana akka filatan kan jajjabeessitan maaliifi? Istefaaniin akkana jetteetti: “Naannoo namoonni waaee dhugaa barachuuf hawwii guddaa qabanii fi guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu si
faana qoachuuf fedhii qaban jiran keessatti lallabuun
baayee nama gammachiisa. Murtoon ani iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemee tajaajiluuf godhe, murtoo gaarii ani jireenya koo keessatti godhe keessaa isa
guddaa dha!” Bara 2014tti Istefaaniin Aaronitti heerumte; yeroo ammaatti immoo waajjira damee Gaanaa keessatti tajaajilaa jiru.
Qajeelchituun Kiristiin jedhamtu ishiin Jarmanii dhuftee
fi jalqaba waggoota 30nii keessatti argamtu, “Muuxannoo baayee gaarii tae dha” jetteetti. Kiristiin, gara Gaanaa deemuu ishii dura Booliiviyaa keessatti tajaajilaa turte. Itti dabaluudhaan akkana jetteetti: “Maatii koo irraa
baayee fagaadhee waanan jiruuf, yeroo hundan Yihowaa
gargaarsa gaafadha. Isa kanaan duraa caalaa naaf dhugoomeera. Kana malees, tokkummaa dinqisiisaa saba
Yihowaa gidduu jiru arguu dandaeera. Tajaajilli kun jireenya koo fooyyesseera.” Kiristiin dhiheenya kana Giidewonitti kan heerumte sia tau, Gaanaa keessatti tajaajiluu isaanii itti fufaniiru.
Filiippii fi Ayidaan barattoonni Kitaaba Qulqulluu isaanii guddina akka argisiisan gargaaruuf maal akka godhan nutti himu. Akkana jedhaniiru: “Qoannaawwan Ki-
6
MASARAA EEGUMSAA
taaba Qulqulluu 15 ykn isaa ol geggeessaa turre; haa
tau malee, barattoota keenya gadi fageenyaan barsiisuu
akka dandeenyuuf gara 10tti hirisnee turre.” Barattoonni kun faayidaa argataniiruu? Filiippi akkana jedheera:
“Dargaggeessa Maayikil jedhamu qoachiisaan ture. Guyyaa guyyaatti qoachuu waan dandauu fi akka gaariitti
waan qophaauuf, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu
jia tokko keessatti xumurre. Achiis Maayikil babalisaa hin
cuuphamne tae. Guyyuma jalqaba tajaajila baetti, ‘Barattoota Kitaaba Qulqulluu koo naa wajjin qoachiisuu ni
dandeessaa?’ jedhee na gaafate. Dinqisiifannaadhaanan
isa ilaale. Maayikil namoota sadii qoannaa akka jalqabsiisee fi qoachiisuu irratti nama isa gargaaru akka barbaadu dubbate.” Namoonni Kitaaba Qulqulluu qoatan
illee nama qoachiisan qabaachuun isaanii, barsiisonni
dabalataa akka barbaachisan argisiisa!
Eemiin hammam gargaarsi caalaatti akka barbaachisu
daftee akka hubatte yeroo ibsitu akkana jetteetti: “Akkuma Gaanaa geenyeen, mandara xinnoo tokko keessatti
lallabuu fi namoota gurri isaanii dhagauu hin dandeenye barbaaduu jalqabne. Mandara xinnoo sana keessatti
qofa illee, nama dhagauu hin dandeenye tokko utuu hin
tain nama saddeet arganne!” Yeroo booda Eemiin Eeriikitti kan heerumte sia tau, lamaan isaanii iyyuu qajeelchitoota addaa taanii waliin tajaajilaa jiru. Babalistoota
gurri isaanii dhagauu hin dandeenye 300 ol taan keessaa tokko tokkoo fi namoota fedhii qaban gargaaruuf,
gumii afaan mallattootiin geggeeffamu keessatti tajaajilaa jiru. Joorjii fi Adriiyaan Gaanaa keessatti tajaajiluun
isaanii, misiyoonota taanii tajaajiluun maal akka gaafatu
ofuma isaaniitii akka ilaalan carraa isaaniif baneera. Kanaaf, Mana Barumsaa Giilaad kutaa 126ffaa irratti akka
hirmaatan yeroo afeeraman gammachuu guddaatu itti
dhagaame! Yeroo ammaatti immoo, misiyoonota taanii
Moozaambiik keessatti tajaajilaa jiru.
JAALALLI ISAAN KAKAASEERA
Obboloonni baayeen biyya biraa irraa dhufan, obboloota biyya sanaa wajjin hojii makaraa irratti jabaatanii hojjechaa akka jiran arguun baayee nama gammachiisa. (Yoh. 4:35) Torban torbaniin, Gaanaa keessatti
giddu galeessaan namoota gara 120 taantu cuuphama. Akkuma obboloota 17n gargaarsa gochuuf gara
Gaanaa deemanii, labsitoonni kumaan lakkaaamanii fi
addunyaa maratti argamanis, jaalala Yihowaadhaaf qabaniin kakaanii “fedhiidhaan of dhiheessaniiru.” Obboloonni kun, iddoo labsitoonni Mootummichaa caalaatti
barbaachisan deemanii tajaajilaa jiru. Tajaajiltoonni fedhiidhaan hojjetan akkanaa, garaa Yihowaa akka ciibsan
beekamaa dha.—Far. 110:3; Fak. 27:11.
Wantoota Utuu hin Tain,
Mootummicha Barbaadaa
“Hundumaa dura Mootummicha barbaadaa; wantoonni kun
isiniif ni dabalamu.”—LUQ. 12:31.
WANTI nama barbaachisu muraasa, wanti namni barbaadu garuu lakkoofsa hin qabu. Namoonni hedduun garaa garummaa wanta isaan
barbaachisuu fi wanta barbaadan gidduu jiru waan hubatan hin fakkaatu. Garaa garummaan wantoota kanaa maali dha? ‘Wanti si barbaachisu,’ jireenyi kee kan irratti hundaae waan taeef, wanta qabaachuu qabdu dha. Nyaanni, uffannii fi manni wantoota buuuraa
jireenyaaf barbaachisani dha. ‘Wanti barbaaddu’ immoo, wanta qabaachuu barbaaddu taus, jireenya guyyaa guyyaatiif kan hin barbaachisne dha.
2 Wanti namoonni barbaadan iddoo isaan jiraatan irratti hundaauudhaan garaa garummaa qabaachuu dandaa. Biyyoota guddachaa jiranitti, namoonni hedduun moobaayilii, doqdoqqee ykn lafa xinnoo
bitachuuf qarshii gaaa argachuu barbaadu. Namoonni biyyoota badhaadhan keessa jiran immoo, saanduqa uffataa bareedaa tae, mana
1. Wanta nu barbaachisuu fi wanta barbaadnu gidduu garaa garummaa akkamiitu jira?
2. Wantoonni namoonni barbaadan tokko tokko maal fai?
FAARFANNAA: 40, 44
MAAL SITTI FAKKAATA?
Wanta nu barbaachisuu fi
wanta barbaadnu gidduu garaa garummaa akkamiitu jira?
Fedhii qabeenya dabalataa
argachuuf qabnu toachuun
kan nu irra jiru maaliifi?
Yihowaan wanta guyyaa guyyaatti si barbaachisu akka siif
guutu kan si amansiise maali
dha?
7
guddaa ykn konkolaataa gatiin isaa guddaa tae
bitachuu barbaadu. Gama lamaaniin iyyuu balaan jira; wantoonni kun kan nu barbaachisan
taanis tauu baatanis ykn bituuf humna qabaannus qabaachuu baannus, kiyyoo jaalala qabeenyaatiin, akkasumas kiyyoo wantoota dabalataa
argachuuf hawwuutiin qabamuu dandeenya.
JAALALA QABEENYAA IRRAA OF EEGAA
Jaalala qabeenyaa jechuun maal jedhuu dha?
Wantoota hafuuraa irratti utuu hin tain, wantoota foonii irratti xiyyeeffachuu jechuu dha. Namni tokko jaalala qabeenyaa akka qabaatu wantoonni godhan fedhii isaa, wantoota inni dursa
kennuuf, akkasumas wantoota inni irratti xiyyeeffatu dha. Jaalalli qabeenyaa, qabeenya hedduu argachuuf hawwii akka qabaannu godha.
Namni jaalala qabeenyaa qabu tokko qarshii hedduu qabaachuu dhiisuu ykn wantoota miaa taan
bituu dhiisuu dandaa. Namoonni hiyyeeyyii taan
illee, jaalala qabeenyaatiin qabamuu fi Mootummicha dursuu dhiisuu dandau.—Ibr. 13:5.
4 Seexanni sirna daldalaa addunyaa isaatti fayyadamee, gammachuu qabaachuuf, kan nu barbaachisu caalaa qabeenya argachuu akka qabnu
nu amansiisuu barbaada. Seexanni, ‘hawwii ijaatti’ fayyadamee nama gowwoomsuu irratti dandeettii guddaa qaba. (1 Yoh. 2:15-17; Uma. 3:6;
Fak. 27:20) Addunyaan kun qabeenyaa wajjin
haala wal qabateen, wanta barbaachisus wanta hin barbaachisnes nuuf dhiheessa; wantoota
kana keessaa tokko tokko immoo baayee kan
nama gammachiisan fakkaatu. Wanta tokko waan
si barbaachisuuf utuu hin tain, beeksisa irratti
ykn suuqiitti argitee waan sitti toleef qofa bittee
beektaa? Wanta bitte sana malee jiraachuu akka
dandeessu yeroo booda hubatteettaa? Wantoonni barbaachisoo hin taane akkanaa jireenya keenya wal xaxaa godhu, akkasumas baaa nutti tau.
Wantoonni kun kiyyoo nutti tauu fi yaada keenya hihhiruudhaan, Kitaaba Qulqulluu dubbi3
3. Jaalalli qabeenyaa maali dha?
4. Seexanni ‘hawwii ijaatti’ kan fayyadamu akkamitti?
8
MASARAA EEGUMSAA
suu, walgaiidhaaf qophaauu fi irratti argamuu
akkasumas tajaajila irratti yeroo hunda hirmaachuu akka hin dandeenye nu dhowwuu dandau.
Yohaannis ergamaan, “Addunyaanii fi hawwiin
isaa darbaa jiru” jedhee akka akeekkachiise yaadadhu.
5 Seexanni Yihowaadhaaf utuu hin tain, qabeenyaaf akka bitamnu barbaada. (Mat. 6:24) Wantoota hedduu argachuu irratti qofa kan xiyyeeffannu yoo tae, jireenyi keenya hiika hin qabaatu.
Abdii kutachuu fi rakkina qarshii keessa galuu
dandeenya. Caalaatti immoo, amantii Yihowaa
fi Mootummaa isaa irratti qabnu nu dhabsiisuu dandaa. (1 Xim. 6:9, 10; Mul. 3:17) Haalli
kun, fakkeenya Yesuus waaee nama sanyii facaasuu dubbatee wajjin wal fakkaata. Ergaan Mootummichaa yeroo “qoree gidduutti facaafametti
. . . hawwiin wantoota kaanii garaa isaanii seenee
dubbicha ni hudha; innis firii kan hin godhanne
taa.”—Mar. 4:14, 18, 19.
6 Barreessaa Ermiyaas raajichaa kan ture Baarukiin haa ilaallu. Yeroo badiisni Yerusaalem inni
raajiidhaan dubbatame dhihaatee turetti, Baaruk
“wanta guddaa argachuu,” jechuunis qabeenya
isa faayidaa bara baraa hin argamsiisne hawwee
ture. Haa tau malee, wanta Yihowaan “Lubbuu
kee akka oolfattu nan godha” jechuudhaan waadaa isaaf gale qofa abdiidhaan eeggachuu qaba
ture. (Er. 45:1-5) Waaqayyo nama magaalaa baduuf jettu sana keessa jiraatu kamiif iyyuu qabeenya isaa akka hin oolchine beekamaa dha. (Er.
20:5) Gara dhuma sirna kanaatti dhihaachaa
waan jirruuf, yeroon kun yeroo qabeenya dabalataa itti kuufannu miti. Qabeenyi keenya hammam iyyuu bakka guddaa kan kenninuuf yoo tae
ykn gatiin isaa guddaa yoo tae, rakkina guddaa
irraa akka oolu eeguu hin qabnu.—Fak. 11:4; Mat.
24:21, 22; Luq. 12:15.
7 Yesuus yaadni keenya utuu hin hihhiramin,
5. Namoota wantoota hedduu argachuuf dhamaan
maaltu mudachuu dandaa?
6. Baaruk irraa maal baranna?
7. Kanatti aansinee waaee maalii ilaalla? Maaliif?
jaalalli qabeenyaa utuu nu hin moin ykn dhiphinatti utuu hin galin wantoota jireenyaaf nu barbaachisan akkamitti argachuu akka dandeenyu
gorsa gaarii nuu kenneera. Gorsa kana kan kenne
Lallaba isaa isa gaaraa irratti dha. (Mat. 6:1921) Mee yaada Maatewos 6:25-34 irratti argamu
dubbisuudhaan irratti haa mariannu. Kana gochuun keenya, wantoota utuu hin tain ‘Mootummicha barbaaduu’ akka qabnu nu amansiisa.
—Luq. 12:31.
YIHOWAAN WANTA KARAA FOONII NU
BARBAACHISU NUU GUUTA
8 Maatewos 6:25 dubbisi. Yesuus dhaggeeffattoonni isaa ‘waaee jireenya isaanii yaaddauu
akka dhiisan’ yeroo itti himetti, ‘dhiphachuu
keessan dhiisaa’ jechuu isaa ture. Dhaggeeffattoonni sun wantoota isaan yaaddessuu hin qabne
irratti yaaddaaa turan. Yesuus kana akka dhiisan
barbaada ture; sababa itti kana jedhes qaba.
Waaee wantoota buuura taanii illee utuu hin barbaachisin yaaddauun ykn dhiphachuun, namni
tokko yaadni isaa hihhiramee wantoota hafuuraa
jireenyaaf caalaatti barbaachisan akka dhiisu godha. Yesuus barattoota isaatiif baayee waan yaaduuf, lallaba isaa irratti waaee hawwii balaa qabu
kanaa sia afur dabalee isaan akeekkachiiseera.
—Mat. 6:27, 28, 31, 34.
9 Yesuus waan nyaannu ykn waan dhugnu ykn
waan uffannu ilaalchisee akka hin yaaddofne
kan nu gorse maaliifi? Wantoonni kun wantoota buuuraa jireenyaaf nu barbaachisan mitii?
Akka taan beekamaa dha! Wantoota kana argachuu yoo dadhabne yaaddauun keenya hin oolu.
Yesuusis kana beeka ture. Wanta guyyaa guyyaadhaan namoota barbaachisu akka gaariitti
beeka ture. Kana malees, duuka buutonni isaa
jaarraawwan hedduu booda “guyyoota dhumaa
yeroon addaa baayee rakkisaa tae” itti dhufu
keessa jiraatan haalawwan rakkisaa keessa akka
8, 9. (a) Wantoota nu barbaachisan ilaalchisee garmalee yaaddauu kan hin qabne maaliifi? (b) Yesuus waaee
namootaa fi wanta isaan barbaachisu ilaalchisee maal
beeka ture?
darban beeka ture. (2 Xim. 3:1) Haalawwan rakkisaan kun hojii dhabuu, kufaatii dinagdee, hanqina nyaataa fi deega guddaa namoota baayee
irra gau kan dabalatani dha. Haa tau malee, Yesuus ‘jireenyi nyaata irra, qaamnis uffata irra
akka caalu’ hubatee ture.
10 Yesuus lallaba isaa irratti dhaggeeffattoonni
isaa, “Nyaata haraaf nu barbaachisu nuu kenni”
jechuudhaan wantoota karaa foonii isaan barbaachisan Abbaa isaanii isa samii kadhachuu
akka dandaan itti himeera. (Mat. 6:11) Yeroo
booda immoo, “Nyaata guyyichaaf nu barbaachisu, guyyaa guyyaadhaan nuu kenni” jedhanii
akka kadhatan itti himeera. (Luq. 11:3) Gorsi kun
garuu, wanti karaa foonii nu barbaachisu ilaalcha
keenya toachuu akka qabu kan argisiisu miti. Yesuus kadhannaa akka fakkeenyaatti barsiise kana
irratti, Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu kadhachuudhaaf dursa kenneera. (Mat. 6:10; Luq.
11:2) Achiis Yesuus, dhaggeeffattoota isaa tasgabbeessuuf jecha, seenaa Yihowaan wanta uumamawwan isaa barbaachisu guutuudhaan galmeessise caqaseera.
11 Maatewos 6:26 dubbisi. ‘Simbirroota samii
xiyyeeffannaadhaan ilaaluu’ qabna. Uumamawwan baayee xixinnoo taan kun firii, sanyii, ilbiisota ykn raammoo nyaatu. Ulfaatina qaama
isaanii wajjin wal bira qabamee yeroo ilaalamu
namoota caalaa baayee nyaatu. Taus, nyaata argachuuf jecha lafa qotanii sanyii hin facaasan. Yihowaan wanta isaan barbaachisu hunda isaaniif
guuta. (Far. 147:9) Dhugaa dha, nyaata afaan
isaanii irra hin kaauuf! Deemanii nyaata barbaaduu kan qaban taus, iddoo isaan dhaqan nyaanni guuteera.
12 Yesuus, Abbaan isaa inni samii simbirrootaaf nyaata erga kennee, namootaaf akka kennu
10. Yesuus duuka buutonni isaa akkamitti akka kadhatan yeroo barsiisetti, wanti jireenya isaanii keessatti dursi kennamuufii qabu maal akka tae dubbate?
11, 12. Akkaataa Yihowaan simbirroota samiitiif kunuunsa itti godhu irraa maal baranna? (Fakkii jalqaba irra
jiru ilaali.)
ADOOLESSA 2016
9
Jireenya Keessan Salphisuu
kan Dandeessan Akkamitti?
1. Wanta dhuguma isin barbaachisu
adda baafadhaa
2. Baasii hin barbaachisne hirisaa
3. Baajeta hojii irra oolu qopheeffadhaa1
4. Wantoota itti hin fayyadamne gataa
5. Idaa isin irra jiru hunda kaffalaa
6. Hojii keessan hirisaa
7. Tajaajila keessan balifachuuf galma
baafadhaa
Caalaatti Mootummicha irratti
xiyyeeffachuuf jireenya kee
salphisuu ni dandeessaa?
(Keeyyata 20 ilaali)
matumaa shakkii hin qabu ture.[1] (1 Phe. 5:6, 7)
Yihowaan nyaata afaan irra nu hin kaau; garuu
carraaqqii midhaan biqilchuuf ykn qarshii wanta
yeroo hunda nu barbaachisu ittiin bitannu argachuuf goonu nuu eebbisuu dandaa. Wanta nu
barbaachisu nuu guutuuf, warri kaan waan qaban
akka nuu kennan isaan kakaasuu dandaa. Yesuus
waaee simbirroota samiitiif daoo argamsiisuu
dubbachuu baatus, Yihowaan uumamaan dandeettii fi wantoota mana isaanii ijaaruuf isaan
gargaaran isaaniif kenneera. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan iddoo jireenyaa maatii keenyaaf tau akka argannu nu gargaara.
13 Yesuus, “Maarree isin [simbirroota samii]
irra hin caaltanii?” jedhee dhaggeeffattoota isaa
gaafate. Yesuus kana kan dubbate lubbuu isaa ilmaan namootaatiif dabarsee kennuuf akka jedhu
yaadatti qabatee akka tae hin shakkisiisu. (Luq.
12:6, 7 wajjin wal bira qabii ilaali.) Aarsaan furii
13. Simbirroota samii akka caallu wanti mirkaneessu
maali dha?
10
MASARAA EEGUMSAA
1 Dammaqaa Adoolessa 2010, (Amaariffa)
ful. 8 irraa saanduqa mata duree “Karaa Itti
Baajeta Baasuun Dandaamu” jedhu ilaali.
Kiristoos simbirroota samii dabalatee, lubbu qabeeyyii kan biraa kamiif iyyuu hin kennamne.
Kanaa mannaa, Yesuus jireenya xumura hin qabne akka argannuuf nuuf due.—Mat. 20:28.
14 Maatewos 6:27 dubbisi. Yesuus, namni tokko yaaddaee umurii isaa irratti dhundhuma tokko illee dabaluu akka hin dandeenye kan dubbate maaliifi? Waaee wantoota guyyaa guyyaatti nu
barbaachisanii utuu hin barbaachisin yaaddauun
umurii keenya waan hin dheeressineefi. Yaaddoon cimaan umurii keenya gabaabsuu iyyuu ni
dandaa.
15 Maatewos 6:28-30 dubbisi. Namni, keessattuu yeroo sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaatu, jechuunis tajaajila irratti ykn walgaiiwwan irratti yeroo hirmaatu uffata gaarii uffachuu
14. Namni dhiphatu tokko maal gochuu hin dandau?
15, 16. (a) Akkaataa Yihowaan abaaboowwan bakkee
itti kunuunsu irraa maal baranna? (Fakkii jalqaba irra
jiru ilaali.) (b) Gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabna?
Maaliif?
hin barbaadne jiraa? Taus, ‘wanta uffannuuf
yaaddauu’ qabnaa? Yeroo kanattis Yesuus wanta
Yihowaan uume irratti akka xiyyeeffannu godhe. Gama kanaan, bifa “abaaboowwan bakkee” qaban irraa waan baayee barachuu dandeenya. Yesuus abaaboowwan garaa garaa bifa adda
addaa qabanii fi babbareedoo taan sammuutti
qabatee tauu hin oolu. Uumamawwan kun jirbii
fouun, uffata hodhuun ykn dhauun isaan hin
barbaachisu. Taus bifni isaanii baayee bareeda!
“Solomoon inni ulfina hamma sana qabu illee,
isaan keessaa hamma ishii tokkoo illee hin miidhagne!”
16 Ergaa Yesuus dabarsuu barbaade hubadhaa;
akkana jedhe: “Waaqayyo biqiltoota bakkee
. . . akkanatti uffisa erga taee, isin namoota amantii xinnoo qabdan nana, isinitti immoo kana caalaa hin uffisuu ree?” Akka akkana godhu beekamaa dha! Barattoonni Yesuus garuu hamma
tokko amantiin isaanii hirateera. (Mat. 8:26;
14:31; 16:8; 17:20) Yihowaa irratti amantii cimaa
qabaachuun isaan barbaachisa ture. Nuti hoo?
Fedhii fi dandeettii Yihowaan wanta nu barbaachisu nuu guutuuf qabu irratti amantiin qabnu
hammam cimaa dha?
17 Maatewos 6:31, 32 dubbisi. ‘Saboota kaan’
warra Abbaa keenya isa samii jaalala qabeessa
taee fi namoota jireenya isaanii keessatti Mootummaa isaatiif dursa kennan kunuunsu irratti
amantii dhugaa hin qabne fakkaachuu hin qabnu. ‘Wantoota saboonni kaan argachuuf hawwii
guddaa qaban’ walitti qabachuuf carraaquun, walitti dhufeenya nuti Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessa. Wanta nu irraa barbaadamu yoo
goone, jechuunis jireenya keenya keessatti wantoota hafuuraatiif dursa yoo kennine garuu, Yihowaan wanta gaarii nuu gochuu irraa duubatti
akka hin jenne mirkanaaoo tauu dandeenya.
‘Waaqayyoof kan bulle’ tauun keenya, “nyaataa
fi uffata” ykn “waan ittiin jiraatanii fi mana”
17. Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu maaltu balleessuu dandaa?
ADOOLESSA 2016
11
qabaachuu keenyatti akka gammadnu gochuu
qaba.—1 Xim. 6:6-8; mil.
MOOTUMMAA WAAQAYYOOTIIF
DURSA NI KENNITUU?
18 Maatewos 6:33 dubbisi. Barattoonni Kiristoos jireenya isaanii keessatti yeroo hunda Mootummichaaf dursa kennuu qabu. Yoo akkas goone, akkuma Yesuus jedhe ‘wantoonni kun hundi
nuuf ni dabalamu.’ Yesuus kana kan jedhe maaliifi? “Abbaan keessan inni samii wantoonni kun
hundi [wantoonni jireenyaaf barbaachisan] akka
isin barbaachisan beeka” jechuudhaan lakkoofsa
kana dura jiru irratti dubbateera. Yihowaan nyaata, uffataa fi mana ilaalchisee dhuunfaatti wanti
nu barbaachisu maal akka tae utuu nuti hin beekin iyyuu salphaatti hubachuu ni dandaa. (Filp.
4:19) Yeroo itti aanutti uffanni keenya inni kam
akka moofau beeka. Wanta nyaataaf nu barbaachisu, akkasumas iddoo jireenyaa gaaa maatii
keenyaaf tau beeka. Yihowaan wanta dhuguma
nu barbaachisu beeka.
19 Maatewos 6:34 dubbisi. Yesuus sia lammaffaadhaaf, “Hin yaaddainaa” akka jedhe hubadhaa. Yesuus, Yihowaan akka nu gargaaru
guutummaatti amanuudhaan, waaee borii akka
hin yaaddofne barbaada. Namni tokko wanta
gara fuulduraatti tau ilaalchisee garmalee kan
yaaddau yoo tae, Waaqayyotti utuu hin tain,
ofitti amanamuu jalqaba; kun immoo walitti dhufeenya inni Yihowaa wajjin qabu jalaa miidhuu
dandaa.—Fak. 3:5, 6; Filp. 4:6, 7.
MOOTUMMICHA DURSAA, ISA HAFE
YIHOWAAN ITTI GUUTA
naa galmawwan hafuuraa hordofuu qabna. Fakkeenyaaf, gumii babalistoonni Mootummichaa
caalaatti itti barbaachisan deemtee tajaajiluu
ni dandeessaa? Qajeelchaa tauu ni dandeessaa? Qajeelchaa taatee tajaajilaa kan jirtu yoo
tae immoo, Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa irratti hirmaachuu yaaddee
beektaa? Darbee darbee gara Betel ykn gara
waajjiroota hiikkaa deddeebiuudhaan gargaarsa gochuu ni dandeessaa? Kutaa Diizaayinii fi
Ijaarsaa keessatti fedhiidhaan gargaarsa gochuudhaan, darbee darbee ijaarsawwan Galma Mootummaa irratti hirmaachuu ni dandeessaa? Sochiiwwan Mootummichaa irratti caalaatti akka
hirmaattutti, jireenya kee salphisuuf maal gochuu akka dandeessu yaadi. Saanduqa “Jireenya
Keessan Salphisuu kan Dandeessan Akkamitti?”
jedhu irratti kadhannaadhaan erga yaaddee booda, tarkaanfiiwwan barbaachisaa galma kee irra
gauuf si gargaaran fudhadhu.
21 Yesuus wantoota utuu hin tain, Mootummicha akka barbaadnu nu barsiisuun isaa sirrii dha.
Kana gochuudhaan, wantoota karaa foonii nu
barbaachisaniif yaaddauu dhiisuu dandeenya. Yihowaatti yoo amanamne, akkasumas hawwiin
keenya akka nu toatu heyyamuu yoo dhiisne ykn
bituu kan dandeenyu taus wanta addunyaan dhiheessu hunda bituu yoo dhiisne Yihowaatti dhihaachuu ni dandeenya. Yeroo ammaatti jireenya
keenya salphisuun keenya, ‘jireenya dhugaa yeroo dhihootti dhufu jabeessinee qabachuuf ’ nu
gargaara.—1 Xim. 6:19.
21. Yihowaatti akka dhihaattu wanti si gargaaru maali dha?
Jaalala qabeenyaatiif jecha Mootummicha
dursuu dhiisuun gowwummaa dha. Kanaa man20
18. Waaee keenya ilaalchisee Yihowaan maal beeka?
Achii hoo maal nuuf godha?
19. Wanta gara fuulduraatti tauu dandau ilaalchisee
yaaddauu kan hin qabne maaliifi?
20. (a) Tajaajila Yihowaa wajjin haala wal qabateen galma akkamii baafachuu dandeessa? (b) Jireenya kee salphisuuf maal gochuu dandeessa?
12
MASARAA EEGUMSAA
IBSA DABALATAA:
[1] (keeyyata 12) Yeroo tokko tokko Yihowaan Kristiyaanni tokko nyaata gaaa dhabee akka rakkatu kan heyyamu maaliif akka
tae hubachuuf, “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa Fulbaana 15, 2014, ful. 22 irra jiru ilaali.
‘Dammaqnee Eeguu’
kan Qabnu Maaliifi?
‘Gooftaan keessan guyyaa isa kamitti akka dhufu hin beektan.’—MAT.
SAAATIIN sagantichi itti jalqabamu guutuuf yeroo jedhu, teessoo keenya qabannee muuziqaa sagantichi ittiin jalqabamu dhaggeeffachuuf
yeroon akka gae hubanna. Yeroon kun yeroo callisnee taauudhaan
muuziqaa gaarii gareen muuziqaa waldaa Masaraa Eegumsaa qopheesse itti dhaggeeffannuu fi keessumaa immoo yeroo haasaawwan dhihaachuuf jedhaniif sammuu fi garaa keenya itti qopheessinu dha. Haa tau
malee, yeroo kanatti namoonni tokko tokko sagantichi jalqabuu isaa
utuu hin qalbeeffatin hafanii yaadni isaanii yoo hihhirame, asiif achi
yoo jedhan ykn hiriyoota isaanii wajjin haasaaa kan jiran yoo tae hoo?
Haala isaa irraa hubachuun akka dandaamutti, namoonni kun dammaqoo waan hin taaneef, saaatiin meeqa akka tae hin beekan; akkasumas
wanta naannoo isaaniitti raawwatamaa jiru, jechuunis dura taaaan
waltajjii irra bauu isaa, muuziqaan taphachaa kan jiru tauu isaa fi
dhaggeeffattoonni teessoo isaanii qabachuu isaanii hin beekan. Dhiheenyatti yeroon kana caalaa bakka guddaa qabu waan dhufuuf, yeroo
kanaaf immoo qophaauu waan qabnuuf, haalli kun barumsa guddaa
nuu taa . Yeroon kun yeroo isa kami?
2 Yesuus Kiristoos waaee “dhuma sirna kanaa” yeroo dubbatu,
24:42.
FAARFANNAA: 136, 54
WANTOONNI ARMAAN
GADII UTUMA JIRANII
DAMMAQNEE EEGUU KAN
DANDEENYU AKKAMITTI?
dhiibbaa Seexanaa
hafuura addunyaa
dadhabina keenya
1. Saaatii isaa fi wanta naannoo keenyatti raawwatamaa jiru hubachuun barbaachisaa kan tae maaliif akka tae fakkeenyaan ibsi. (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
2. Yesuus barattoonni isaa ‘dammaqanii akka eegan’ kan itti hime maaliifi?
13
“Guyyaan murteeffame sun yoom akka tae waan
hin beekneef, yeroo hunda dammaqaa eegaa” jechuudhaan duuka buutota isaa gorseera. Sana
booda Yesus irra deddeebiee, “Dammaqaa eegaa”
jechuudhaan isaan gorseera. (Mat. 24:3; Maarqos 13:32-37 dubbisi.) Maatewosis wanta dhimma kanaa wajjin wal fakkaatu ilaalchisee yeroo
barreessu, Yesuus duuka buutonni isaa dammaqoo taanii akka jiraatan isaan akeekkachiisuuf akkana jechuu isaa barreesseera: “Kanaaf, Gooftaan
keessan guyyaa isa kamitti akka dhufu waan hin
beekneef dammaqaa eegaa. . . . Ilmi namaa saaatii isin ni dhufa jettanii hin yaadnetti waan dhufuuf qophaaoo taaa.” Yesuus ammas itti dabalee,
“Egaa isinis, guyyichas tae saaaticha waan hin
beekneef dammaqaa eegaa” jedhe.—Mat. 24:4244; 25:13.
3 Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef,
akeekkachiisa Yesuusiif xiyyeeffannaa guddaa
kennina. Kan jiraannu gara xumuraa “bara isa
dhumaa” keessa akka taee fi “rakkinni guddaan” dhiheenyatti akka jalqabu beekna! (Dan.
12:4; Mat. 24:21) Addunyaa maratti waraanota gaddisiisoo, mancaina amalaa fi seera dhabummaa dabalaa deemu, barumsawwan amantii
nama burjaajessan, hanqina nyaataa, dhukkuboota daddarbanii fi kirkira lafaa argaa jirra.
Dhugaa Baatonni Yihowaa bakka hundatti, hojii
lallabaa ajaaibsiisaa tae raawwachaa akka jiran
beekna. (Mat. 24:7, 11, 12, 14; Luq. 21:11) Dhufaatiin Gooftaa nuuf hiika maalii akka qabaatuu fi
kaayyoo Waaqayyoo akkamitti galmaan akka gau
ilaaluuf hawwiidhaan eegganna.—Mar. 13:26, 27.
GUYYICHI DHIHAATEERA
Sagantaan walgaii hundi yeroo murtaaaa itti
jalqabu akka qabu beekna. Haa tau malee, rakkinni guddaan waggaa kamitti akka jalqabu bee4
3. Akeekkachiisa Yesuusiif xiyyeeffannaa kan kenninu
maaliifi?
4. (a) Yeroo ammaatti Yesuus Armaagedoon yoom akka
jalqabu beeka jennee amanuu kan dandeenyu maaliifi?
(b) Rakkinni guddaan yoom akka jalqabu beekuu baannus, waaee maalii mirkanaaoo tauu dandeenya?
14
MASARAA EEGUMSAA
kuu hin dandeenyu; guyyaa fi saaatii isaa beekuun immoo waan gonkumaa hin yaadamne dha.
Yesuus yeroo lafa irra turetti akkana jedheera:
“Waaee guyyaa sanaa fi saaatii sanaa, Abbaa qofa
malee kan beeku tokko illee hin jiru; maleekonni
samiis taan Ilmi hin beekan.” (Mat. 24:36) Haa
tau malee, Kiristoos addunyaa Seexanaa irratti waraana banuuf aangoon isaaf kennameera.
(Mul. 19:11-16) Kanaafuu, amma Yesuus Armaagedoon yoom akka jalqabamu beeka jennee yaaduuf sababii gaaa qabna. Nuti garuu hin beeknu.
Hamma rakkinni sun dhufutti dammaqinaan eeguun keenya baayee barbaachisaa dha. Yihowaan
garuu yeroon sun yoom akka tae sirriitti beeka.
Yeroo isa sirrii dhumni itti dhufu murteesseera. Yeroon sun guyyaa guyyaadhaan gara jalqaba isaatti fiigaa jira; jalqabni isaas “hin turu.”
(Anbaaqom 2:1-3 dubbisi.) Kana akkamitti mirkanaaoo tauu dandeenya?
5 Raajiiwwan Yihowaan dubbate yeroo hunda yeruma jedhame sanatti raawwatamu! Yeroo Israaeloota Gibxii keessaa itti baase ilaalchisee yeroo isaa sirriitti kan eege akkamitti akka
tae ilaalaa. Museen waaee Niisaan 14, Dh.K.D.
bara 1513 yeroo dubbatu, “Dhuma waggaa dhibba afurii fi soddomaa sanatti, guyyaadhuma sana
macci Waaqayyoo hundinuu biyya Gibxii keessaa
in ba’an” jedheera. (Bau. 12:40-42) Waggoonni
“dhibba afurii fi soddomni’ sun, yeroo kakuun Yihowaan Abrahaamii wajjin gale hojii irra ooletti,
jechuunis Dh.K.D. bara 1943tti jalqaban. (Gal. 3:
17, 18) Yeroo muraasa booda, Yihowaan Abrahaamiin akkana jedhe: “Sanyiin kee biyya kan isaanii
hin ta’in keessatti galaa ta’uuf achittis garbummaatti hojjechuudhaaf waggaa dhibba afur cunqurfamuuf akka jiran dhugaa isaa beeki!” (Uma.
15:13; HoE. 7:6) Haala isaa irraa hubachuun akka
dandaamutti, ‘waggoonni dhibba arfan’ dhiphinaan guutaman sun Dh.K.D. bara 1913tti, jechuunis yeroo Ismaael yommuu Yisihaq harma guetti
5. Raajiiwwan Yihowaan dubbate yeroo hunda yeruma
jedhame sanatti akka raawwataman fakkeenya argisiisu
dubbadhu.
isatti qoosetti jalqaban; kan xumuraman immoo
yeroo Israaeloonni Dh.K.D. bara 1513tti biyya
Gibxiitii baanitti dha. (Uma. 21:8-10, NW; Gal. 4:
22-29) Eeyyee, Yihowaan yeroo sabni isaa itti furaman isa sirrii jaarraawwan afur dursee dubbateera!
6 Iyaasuun inni warra Gibxii baan keessaa tokko ture, akkana jechuudhaan Israaeloota hunda
yaadachiiseera: “Isin abdii Waaqayyo gooftaan
keessan isiniif kenne hundumaa keessaa tokko illee akka hin hafne garaa keessan hundumaan,
yaada keessan hundumaanis gaarii gootanii beektu; abdiin inni kenne hundinuu raawwatamaniiru,
isaan keessaa tokko illee lafa bu’ee hin hafne.”
(Iya. 23:2, 14) Waadaan Yihowaan rakkina guddaa irraa nu oolchuuf gales akka raawwatamu
mirkanaaoo tauu dandeenya. Haa tau malee, badiisa sirna kanaa jalaa ooluu yoo barbaadne dammaqinaan eeguu qabna.
DAMMAQOO TAUUN FAYYINAAF
BARBAACHISAA DHA
Dammaqoo tauun barbaachisaa tauu isaa,
seenaawwan durii irraa barachuu ni dandeenya.
Yeroo sanatti magaalaawwan guguddaan kan akka
Yerusaalem jiran, dallaawwan dhedheeraadhaan
marfamanii turan. Dallaawwan sun weerartoota ni ittisu; akkasumas iddoowwan eegumsaa ol
kaoo taanii fi naannoo sana toachuuf gargaaran
akka jiraatan godhu turan. Eegdonni, halkanii fi
guyyaa dallaa irraa fi karra irra dhaabatu turan.
Balaan gauuf jedhu yoo jiraate, jiraattota magaalattii dammaqsuu qabu turan. (Isa. 62:6) Eegdonni dammaqoo tauun isaanii fi bakka eegumsaa
isaaniitti argamuun isaanii, dhimma duaa fi jireenyaa ture.—His. 33:6.
8 Barreessaan seenaa Yihudii tae Joseefas,
Dh.K.B. bara 70tti loltoonni Roomaa dallaa Ma7
6. Yihowaan saba isaa akka oolchu mirkanaaoo tauu
kan dandeenyu maaliifi?
7, 8. (a) Eegduun bara durii hojiin isaa maal ture? Kun
hoo maal nu barsiisa? (b) Eegduun tokko utuu hojii irra jiruu yoo rafe maaltu uumamuu akka dandau fakkeenyaan
ibsi.
saraa Antooniyaa jedhamu isa dallaa Yerusaalemiin walqabatee jiru toannaa isaanii jala akka
oolfatan ibseera. Kun kan tae, eegdonni rafanii
waan turaniif ture! Loltoonni Roomaa karaa sanaan mana qulqullummaa weeraranii ibidda kan
itti qabsiisan sia tau, kun immoo dhuma irratti
rakkinni guddaan Yerusaalemii fi saba Yihudaa
irra sanaan dura gaee hin beekne akka gau godheera.
9 Yeroo haraatti, mootummoonni hedduun loltootaa fi malawwan eegumsaa teknooloojii ammayyaatiin fayyadamuudhaan daangaawwan biyya isaanii eegsisu. Daangaa isaanii cabsee kan
galu akka hin jiraanne, akkasumas diinonni isaan
sodaachisan nagaa uummata isaanii akka hin
jeeqne eegu. Haa tau malee, “eegdonni” kun,
haalawwan sodaachisaa mootummoota ilmaan
namootaa ykn namoota dhuunfaa irraa dhufan
qofa arguu dandau. Mootummaa Waaqayyoo isa
Yesuus bulchu, sochii inni godhu, akkasumas
gaee inni saboota hundumaa irratti murteessuudhaan raawwatus hin beekan. (Isa. 9:6, 7; 56:10;
Dan. 2:44) Gama biraatiin immoo, karaa hafuuraa dammaqoo taanee yoo jiraanne, guyyaan sun
yoom iyyuu yoo dhufe qophaaoo taana.—Far.
130:6.
YAADNI KEESSAN HIHHIRAMEE
DAMMAQINAAN EEGUU
HIN DHIISINAA
Waaee eegduu bakka eegumsa isaatti halkan
guutuu dammaqinaan dabarse tokkoo yaadaa.
Eegumsa isaa xumuruuf xinnuma yeroo isa hafu,
baayee dadhabee rafa. Haaluma wal fakkaatuun,
nuyis dhuma sirna kanaatti dhihaachaa yeroo
deemnu, dammaqinaan eeguun caalaatti rakkisaa nutti taaa dhufa. Dammaqinaan eeguu yoo
dadhabne haalli isaa baayee kan nama gaddisiisu taa! Dhiibbaawwan gadhee of eeggachuu
10
9. Yeroo haraatti namoonni baayeen maal hin beekan?
10, 11. (a) Waaee maalii of eeggachuu qabna? Maaliif?
(b) Diyaabiloos, namoonni raajiiwwan Kitaaba Qulqulluutiif dantaa akka hin qabaanne gochuu isaa kan si amansiise maali dha?
ADOOLESSA 2016
15
Karaa hafuuraa dammaqaa
taatee jiraachuuf, waan
dandeessu hunda
gochaa jirtaa?
(Keeyyata 11-16 ilaali)
baannaan dammaqnee akka hin eegne nu gochuu
dandaan sadii haa ilaallu.
11 Diyaabiloos, namoonni dhimmoota hafuuraatiif dantaa akka dhaban gochaa jira. Yesuus
duuu isaa yeroo muraasa dura, waaee ‘bulchaa
addunyaa kanaa’ sia sadii barattoota isaa akeekkachiise. (Yoh. 12:31; 14:30; 16:11) Yesuus, Seexanni namoonni miira ariitii akka hin qabaannee
fi raajiin Waaqayyo dubbate akka hin raawwatamne waan barbaaduuf sammuu namootaa dukkana
keessa jiraachisuu akka barbaadu beeka. (Sef.
1:14) Seexanni bulchiinsa amantii sobaa addunyaatti fayyadamee sammuu namootaa jaamsa.
Marii namoota wajjin gootan irraa maal hubattan? Diyaabiloos badiisa sirna kanaa isa dhufaa
jiru ilaalchisee fi yeroo ammaatti Kiristoos Mootummaa Waaqayyoo irratti bulchaa kan jiru tauu
isaa ilaalchisee, “sammuu warra hin amannee
jaamseera” mitii ree? (2 Qor. 4:3-6) Namoonni,
“Fedhii hin qabu” kan isiniin jedhan sia meeqa?
Wanta addunyaa kana eeggatu isaanitti himuuf
yeroo yaallu, baayeen isaanii dantaa hin qaban.
12 Dantaa dhabuun ykn gorsi jalaan namootaa,
dammaqxanii akka hin eegne akka isin godhu hin
heyyaminaa. Isin, dammaqxanii eeguun keessan
12. Diyaabiloos akka nu gowwoomsu heyyamuu kan hin
qabne maaliifi?
16
MASARAA EEGUMSAA
barbaachisaa kan tae maaliif akka tae beektu.
Phaawulos, “Guyyaan Yihowaa akkuma hattuun
halkaniin dhufutti akka dhufu isinumti iyyuu
akka gaariitti beektu” jechuudhaan Kiristiyaanota kaaniif barreesseera. (1 Tasalonqee 5:1-6
dubbisi.) Yesuus, “Ilmi namaa saaatii isin ni dhufa jettanii hin yaadnetti waan dhufuuf qophaaoo
taaa eegaa” jechuudhaan nu akeekkachiiseera.
(Luq. 12:39, 40) Dhiheenyatti Seexanni namoota
hedduu gowwoomsuudhaan yaada sobaa “Nagaa
dha, tasgabbii dhas!” jedhu akka amanan godha.
Wanti addunyaa irra jiru hundi gaarii dha jedhanii akka yaadan godha. Waaee keenya hoo maal
jechuutu dandaama? ‘Dammaqinaan jiraachuu,
akkasumas dandeettii hubannaa keenyaa eeggachuu’ yoo barbaadne, guyyaan murtii sun ‘akka
hattuu itti barieetti akka nu irra gau’ gochuu hin
qabnu. Dubbii Waaqayyoo isa barreeffame guyyaa guyyaadhaan dubbisuu fi wanta Yihowaan
nuun jedhu irratti xiinxaluu kan qabnu kanaafi.
13 Hafuurri addunyaa kanaa karaa hafuuraatiin akka rafnu godha. Namoonni baayeen dhimmawwan dhuunfaatiin qabamanii waan jiraniif, ‘Warra wantoota hafuuraa dheebotan’ miti.
13. Hafuurri addunyaa ilmaan namootaa irratti dhiibbaa
gochaa kan jiru akkamitti? Dhiibbaa gadhee kana irraa
fagaachuu kan dandeenyu hoo akkamitti?
(Mat. 5:3) Wantoota biyya lafaa ‘hawwii foonii fi
hawwii ijaa’ jajjabeessaniin xiyyeeffannaan isaanii harkifameera. (1 Yoh. 2:16) Kana malees, bohaartiiwwan addunyaa namoonni ‘wanta isaan
gammachiisu akka jaallatan’ godhaniiru; qorumsi
kunis yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemeera.
(2 Xim. 3:4) Phaawulos, ‘fedhii foonii isaanii [isa
karaa hafuuraa akka rafan godhu] raawwachuuf
dursanii karoora akka hin baafanne’ Kiristiyaanotatti kan hime kanaaf ture.—Rom. 13:11-14.
14 Hafuura addunyaa utuu hin tain, hafuurri
Waaqayyoo jireenya keenya irratti dhiibbaa akka
godhu barbaadna. Yihowaan hafuura isaatiin fayyadamee haalawwan nu fuuldura jiran akka hubannu nu gargaareera.[1] (1 Qor. 2:12) Haa tau
malee, namni tokko karaa hafuuraa akka rafu gochuun waan adda tae hin gaafatu; wantoonni bakka guddaa hin qabne sochiiwwan hafuuraa keenya akka toatan yoo heyyamne kana gochuu ni
dandau. (Luqaas 21:34, 35 dubbisi.) Namoonni
kaan dammaqinaan eeguu keenyatti nutti qoosu
taa; kun garuu miira ariifannaa dhabuuf sababii
hin tau. (2 Phe. 3:3-7) Kanaa mannaa, walgaiiwwan gumii hafuurri Waaqayyoo itti argamu irratti Kiristiyaanota kaan wajjin yeroo hunda wal
gauu qabna.
15 Cubbuu kan dhaalle tauun keenya, dammaqoo taanee jiraachuun akka nutti ulfaatu gochuu
dandaa. Yesuus, ilmaan namootaa cubbuu dhaalan dadhabina isaaniitiif salphaatti moamuu akka
dandaan beeka ture. Galgala ajjeefamuu isaa dura
turetti maaltu akka tae haa ilaallu. Yesuus, amanamaa taee itti fufuu akka dandauuf, Abbaan
isaa inni samii jabina akka isaaf kennu kadhateera. Yesuus yeroo inni kadhatutti isaan ‘dammaqanii akka eegan’ Pheexiroos, Yaaqoobii fi
Yohaannisitti himee ture. Isaan garuu fuuldura
isaaniitii haalli rakkisaan akka isaan eeggatu hin
14. Luqaas 21:34, 35 irratti akeekkachiisa akkamii arganna?
15. Pheexiroos, Yaaqoobii fi Yohaannis maaltu isaan mudate? Haalli kun nuunis mudachuu kan dandau akkamitti?
hubanne. Gooftaa isaanii dammaqinaan eeguu
mannaa, hirriba isaan rakkiseef moamanii rafan.
Yesuus garuu baayee dadhabee kan ture taus,
gara Abbaa isaatti kadhannaa cimaa dhiheessuudhaan guutummaatti dammaqee ture. Hiriyoonni isaa kunis kanuma gochuu qabu turan.—Mar.
14:32-41.
16 Karaa hafuuraa ‘dammaqinaan eeguuf ’ fedhii gaarii qabaachuu qofti gaaa miti. Yesuus
haalli bakka Getesemaanee jedhamutti tae raawwatamuu isaa guyyoota muraasa dura, Yihowaatti kadhannaa cimaa akka dhiheessan barattootuma isaa kanatti himee ture. (Luqaas 21:36
dubbisi.) Kanaafuu, karaa hafuuraa dammaqinaan eeguu yoo barbaadne, nutis kadhannaadhaan dammaqoo tauu qabna—1 Phe. 4:7.
YEROO HUNDA DAMMAQINAAN EEGAA
Yesuus guyyaan dhumaa ‘saaatii nuti ni dhufa
jennee hin yaadnetti’ akka dhufu waan dubbateef,
yeroon kun yeroo karaa hafuuraa itti rafnu, yeroo
gammachuu Seexannii fi addunyaan isaa nu afeeran, akkasumas wantoota foon keenya hawwu itti
hordofnu miti. (Mat. 24:44) Waaqayyoo fi Kiristoos, dhiheenyatti maal akka nuuf qopheessanii fi
akkamitti dammaqoo taanee eeguu akka dandeenyu Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuudhaan nutti himu. Haala karaa hafuuraa irra jirruuf, walitti
dhufeenya Yihowaa wajjin qabnuuf, akkasumas
dhimmoota Mootummichaa wajjin wal qabataniif
xiyyeeffannaa kennuu qabna. Wanta gara fuulduraatti dhufuuf qophaaoo tauu akka dandeenyutti, yeroo keessa jirruu fi wantoota raawwatamaa
jiran hubachuu qabna. (Mul. 22:20) Kun dhimma
duaa fi jireenyaa ti!
17
16. Akkuma Luqaas 21:36 irratti ibsame, Yesuus ‘dammaqinaan akka eegnu’ kan nu barsiise akkamitti?
17. Wanta dhiheenyatti dhufuuf of qopheessuu kan dandeenyu akkamitti?
IBSA DABALATAA:
[1] (keeyyata 14) Kitaaba Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa
Jira! jedhamu boqonnaa 21 ilaali.
ADOOLESSA 2016
17
“Hin Sodaatin.
Ani Sin
Gargaara”
HALKAN walakkaa daandii irra deemaa akka jirtutti yaadi. Achiis wanti tokko si hordofaa akka jiru hubatte. Yeroo ati dhaabattu, inni si hordofaa jirus ni
dhaabata. Saffisa kee yeroo dabaltu immoo, saffisa
isaa dabala. Achiis fiigdee, mana hiriyaa keetii naannoo sanatti argamutti baqatta. Hiriyaan kee sun balbala sii banee yommuu si simatu tasgabbiin waan sitti dhagaamuuf ‘uffee’ jetta.
Tarii haalli akkanaa kallattiidhaan si mudatee
hin beeku taa; garuu yaaddoo kan biraan jireenya
kee keessatti si mudatu akka ati sodaattu gochuu
dandaa . Fakkeenyaaf, dogoggora dhiisuu barbaadduu fi irra deddeebitee raawwachaa jirtu tokkoo wajjin walaansoo gochaa jirtaa? Yeroo dheeraadhaaf
hojii malee jiraachaa jirtaa? Hojii argachuuf carraaqqii gootus hojii argachuu hin dandeenyee? Dullumaa fi rakkina fayyaa gara fuulduraatti si mudachuu dandau ilaalchisee yaaddaaa jirtaa? Yookiin
immoo wanti si dhiphisu kan biraan jiraa?
Rakkinni si mudatu maal iyyuu yoo tae , qaama
yaaddoo kee itti himattuu fi yeroo barbaachisutti si
gargaaruu dandau qabaachuu hin barbaadduu? Michuu dhihoo akkanaa qabdaa? Eeyyee, qabda! Isaayaas 41:8-13 irratti Yihowaan Abrahaam isa amanamaa tureef michuu akka tae ibsameera; siifis
michuu akkanaa ti. Lakkoofsa 10 fi 13 irratti Yihowaan tajaajiltoota isaatiin akkana jedheera: “Egaa
ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin na’in! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin
18
MASARAA EEGUMSAA
qaba. Ani Waaqayyo gooftaa kee isa harka kee mirgaa qabee ‘Hin sodaatin! Ani sin gargaara’o’ siin jedhuu dha.”
“OL SIN QABA”
Yaadni kun si hin jajjabeessuu? Wanta Yihowaan
waadaa siif gale kana yaadaan ilaali. Caqasni kun Yihowaa wajjin harka wal qabdee akka deemtu akka
hin ibsine hubadhu; kana yaaduun iyyuu baayee namatti tola. Taus, Yihowaa wajjin harka wal qabdee
deemta yoo tae , harka isaa mirgaatu harka kee bitaa
qaba. Haa tau malee, Yihowaan haala dhiphisaa jireenya kee keessatti si mudatu jalaa si baasuuf, ‘irree qajeelummaa isaa isa mirgaa’ diriirsee “harka kee
mirgaa” qaba. Yeroo kana godhuttis, “Hin sodaatin!
Ani sin gargaara’o” jedhee si jajjabeessa.
Yihowaa Abbaa jaalala qabeessaa fi Michuu yeroo
dhiphinaatti si gargaaru akka taetti ilaaltaa? Inni
waaee kee ni yaada, nageenyi kee isa yaaddessa, akkasumas si gargaaruuf qophaaaa dha. Yihowaan
baayee waan si jaallatuuf, rakkinni yeroo si irra gau
tasgabbiin akka sitti dhagaamu barbaada. Inni dhuguma iyyuu “rakkina keessatti gargaaraa” dha.—Far.
46:1.
DOGOGGORA KANAAN DURA
RAAWWANNEEF OF CEEPHAUU
Namoonni tokko tokko amala isaanii kanaan duraatiin kan kae baayee of komatu; akkasumas Waaqayyo kan isaaniif dhiisu tauu isaa ni shakku. Haalli kee kanaa wajjin wal fakkaata yoo tae , waaee
Iyoob isa amanamaa “yakka bara ijoollummaa” isaa
dubbatee yaadi. (Iyo. 13:26) Daawit faarfatichis
miirri wal fakkaatu waan itti dhagaameef, “Cubbuu
ijoollummaa koo fi irra-daddarbaa koo hin yaadatin” jedhee Yihowaa kadhateera. (Far. 25:7) Mudaa
waan qabnuuf hundi keenya iyyuu ‘cubbuu hojjenneerra; ulfina Waaqayyoos calaqqisiisuu hin dandeenye.’—Rom. 3:23.
Yaadni Isaayaas boqonnaa 41 irra jiru, jalqaba kan
barreeffame saba Waaqayyoo warra duriitiif ture.
Cubbuun isaanii cimaa waan tureef, Yihowaan Baabiloniin akka boojiaman isaanitti murteessee ture.
(Isa. 39:6, 7) Haa tau malee, yeroo kanatti iyyuu
Waaqayyo namoota qalbii jijjiirratanii gara isaatti deebian yeroo itti oolchu hawwiidhaan eeggata
ture! (Isa. 41:8, 9; 49:8) Yihowaan yeroo haraattis
namoota isa biratti fudhatama argachuu barbaadaniif garaan isaa balaa dha.—Far. 51:1.
Muuxannoo Taakuyaa1 haa ilaallu; Taakuyaan,
poornoogiraafii ilaaluu fi qaama hormaataa ofii
susukkuumuudhaan gammaduun amala isatti taee
ture. Amalli kun yeroo baayee itti deddeebiee isa
rakkisa ture. Maaltu isatti dhagaama ture? “Guutummaatti gatii akkan hin qabne natti dhagaama
ture; Yihowaan dhiifama akka naa godhu yeroon isa
kadhadhu garuu, bakkan kufee na kaasa ture.” Yihowaan kana kan godhe akkamitti? Gumii Taakuyaa
keessa jaarsoliin jiran, yeroo amalli kun itti deebiu
hundatti akka isaan haasofsiisu isatti himanii turan.
Taakuyaan, “Isaan haasofsiisuun salphaa hin turre;
yeroon isaan haasofsiisu hundatti garuu jajjabinan
argadha ture” jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera.
Achiis jaarsoliin kun, ilaaltuun ol aanaa aanaa Taakuyaa akka haasofsiisuuf haala mijeessan. Ilaaltuun
ol aanaa aanaa kunis akkana jedheen: “Kanan as
dhufe akkuma tasaa miti. Jaarsoliin asitti akkan argamu waan barbaadaniifi. Daawwannaan kun akka
siif godhamu si filataniiru.” Taakuyaan, “Cubbuu
kanan hojjedhe taus, Yihowaan karaa jaarsolii gargaarsa naaf godheera” jedheera. Taakuyaan guddina
gochuudhaan qajeelchaa yeroo hundaa taee tajaajiluu kan dandae sia tau, yeroo ammaatti immoo
waajjira damee tokko keessatti tajaajilaa jira. Waaqayyo akkuma obboleessa kana gargaare, siinis iddoo ati kuftee si kaasa.
1 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.
WANTOOTA JIREENYAAF BARBAACHISAN
ARGACHUU ILAALCHISEE YAADDAUU
Hojii dhabuun namoota hedduu yaaddessa. Namoonni tokko tokko hojii isaanii kan dhaaban sia
tau, hojii kan biraa argachuun immoo itti ulfaateera. Nama qacaru hunda biratti fudhatama utuu
dhabdee maaltu akka sitti dhagaamu yaadi. Haalli
akkanaa namoonni tokko tokko kabaja ofiif qaban
akka dhaban godha. Yihowaan kan si gargaaru akkamitti ree? Takkaatti hojii gaarii akka argattu gochuu
dhiisuu dandaa; haa tau malee, wanta Daawit Mootichi akkana jechuudhaan dubbate akka yaadattu
gochuudhaan si gargaaruu dandaa: “Dargaggummaa argeera, dulluma biras ga’eera; garuu namni qajeelaan utuu gatamuu, ijoolleen isaas waan nyaatan
dhabanii utuu kadhatanii ani takkaa argee hin beeku.” (Far. 37:25) Eeyyee, Yihowaa biratti gatii guddaa qabda; wanta isa tajaajiluu kee itti fufuuf si barbaachisu akka argattu ‘irree qajeelummaa isaa isa
mirgaatiin’ si gargaaruu dandaa .
Saaraan ishiin Kolombiyaa jiraattu, humna Yihowaan oolchuuf qabu jireenya ishii keessatti argiteetti. Dhaabbata beekamaa tokko keessatti, hojii
ulfaataa qarshii hedduu ishiidhaaf argamsiisu hojjetti turte. Taus, Yihowaadhaaf caalaatti hojjechuu
Yoo hojii dhabde Yihowaan si gargaaruu
kan dandau akkamitti?
barbaadde; kanaaf, hojii ishii dhaabdee qajeelchituu
taate. Haa tau malee, hojii guyyaa walakkaa salphaatti argachuu hin dandeenye. Aayiskireemii gurguruu kan jalqabde taus, yeroo booda qarshiin
waan jalaa dhumeef suuqii ishii cufte. Saaraan,
“Waggoonni dheeraan sadii darbaniiru; taus Yihowaan haa galatoomuutii obsaan dandaeera” jetteetti. Garaa garummaa jireenya qananii fi wanta jireenyaaf barbaachisu argachuu gidduu jiru, akkasumas
waaee borii yaaddauu akka hin qabne hubatteetti.
(Mat. 6:33, 34) Yeroo booda, namni kanaan dura
ishii qacare ishii waamee hojii ishii duraaniitti akka
deebitu ishii gaafate. Ishiinis, guyyaa walakkaa kan
hojjettu yoo taee fi sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaachuuf yeroo kan argattu yoo tae qofa afeerraa
kana akka fudhattu itti himte. Saaraan akka kanaan
duraa qarshii hedduu kan hin arganne taus, qajeelchituu taatee itti fufuu dandeesseetti. Yeroo kana
hundatti ‘harka Yihowaa isa jaalala qabeessa akka
argite’ dubbatteetti.
YAADDOO DULLUMAA DABALAA DEEMU
Yaaddoo guddaan kan biraan immoo dulluma
dha. Namoonni hedduun umurii sooruma itti baan
irra yeroo gaan, kana booda itti tolee jiraachuuf qarshii gaaa kan argatan tauun isaa isaan yaaddessa.
Kana malees, rakkinni fayyaa yommuu caalaatti dul-
Hoosee fi Rooz, Toonii fi Weendii wajjin
loomanitti isaan mudachuu dandau isaan yaaddessa. “Bara dullumaatti ana hin gatin, yeroo humni
koo dhumus ana hin dhiisin” jedhee Yihowaa kan kadhate Daawit tauu hin oolu.—Far. 71:9, 18.
Tajaajiltoonni Yihowaa umurii dullumaatti tasgabbii argachuu kan dandaan akkamitti ree? Waaqayyo wanta isaan barbaachisu akka isaaniif guutu
isatti amanamuu isaanii itti fufuu qabu. Waggoota
hedduudhaaf jireenya qananii jiraachaa kan turan
yoo tae , jireenya isaanii salphisuu fi wanta qabanitti gammaduu akka qaban beekamaa dha. “Cooma sangaa” nyaachuu mannaa “raafuu” nyaachuun
isaan gammachiisuu fi tarii immoo fayyaa isaaniitiif
iyyuu caalaatti gaarii tauu dandaa! (Fak. 15:17) Yihowaa gammachiisuu irratti yoo xiyyeeffatte, yeroo
dullumaatti wanta si barbaachisu siif guuta.
Haala Hoosee fi Rooz warra tajaajila yeroo guutuudhaan waggaa 65 Yihowaa tajaajilanii ilaali. Waggoota hedduudhaaf, abbaa Rooz isa saaatii 24f xiyyeeffannaa barbaadu kunuunsaa turan. Hooseen
immoo sababa kaansariitiin walaansi baqaqsanii hodhuu, akkasumas yaaliin keemooteeraappii isaaf godhameera. Yihowaan hiriyoota gaaelaa amanamoo
kanaaf irree isaa mirgaa diriirseeraa? Eeyyee, garuu
akkamitti? Hiriyoota gaaelaa gumii isaanii Toonii fi
Weendii jedhamanii fi mana isaaniif kennanitti fayyadamee isaan gargaareera. Toonii fi Weendiin qajeelchitoota yeroo guutuutiif mana kana kaffaltii
malee kennuu barbaadu turan. Tooniin yeroo barumsa sadarkaa lammaffaa barachaa turetti Hoosee
fi Rooz yeroo hundumaa tajaajila irratti yommuu
hirmaatan karaa foddaa mana barumsaatiin ilaalaa ture. Hinaaffaa isaan irratti argeef baayee kan
isaan jaallate tauu isaa irra iyyuu, dhiibbaa guddaa
isa irratti godheera. Toonii fi Weendiin, hiriyoonni
gaaelaa kun jireenya isaanii guutummaatti Yihowaadhaaf akka kennan yommuu argan ofitti isaan
fudhachuuf kakaan. Toonii fi Weendiin waggoota
kudha shanan darbaniif, Hoosee fi Rooz warra yeroo
ammaatti walakkeessa waggoota 80nii keessatti argaman gargaaraniiru. Maanguddoonni kun gargaarsa hiriyoonni gaaelaa kun isaaniif godhan akka kennaa Yihowaatti ilaalu.
Waaqayyo sittis ‘irree qajeelummaa isaa isa mirgaa’ qabaa jira. Ati hoo Waaqa isa, “Hin sodaatin!
Ani sin gargaara’o” jechuudhaan waadaa siif galetti
harka ni diriirsitaa?
Namoota Gaarummaa Waaqayyoo
isa Guddaa Galataan Fudhatan
“Hundi keenya . . . gaarummaa guddaa irratti dabalataan
gaarummaa guddaa arganneerra.”—YOH. 1:16.
ABBAAN maasii wayinii tokko ganama bariidhaan kaee hojjettoota
maasii isaa irratti hojjetan barbaaduuf bakka gabaa deeme. Namoonni inni argates mindaa isaaniif kaffalamu irratti walii galanii hojii isaanii jalqaban. Haa tau malee, abbaan maasii kun hojjettoota dabalataa
waan barbaadeef, namoota dabalataa qacaruu fi warra waaree booda
dhufaniif illee gatii sirrii kaffaluudhaaf guyyaa guutuu iddoo gabaatti
deddeebie. Yommuu galgalaaus, mindaa isaaniif kaffaluuf hojjettoota hunda walitti qabe; achiis, warra saaatii hedduudhaafis tae saaatii
tokkoof qofa hojjetaniif kaffaltii wal qixxee kenne. Namoonni jalqaba
irratti qacaramanis yommuu kana hubatan guungumuu jalqaban. Abbaan maasii wayinii sunis akkana jedhee deebiseef: ‘Mindaa ani kaffale irratti walii hin gallee? Hojjettoota koo hundaaf wantan barbaade
kennuuf mirga hin qabuu? Arjaa waanan taeef hinaaftanii?’—Mat. 20:
1-15, mil.
2 Fakkeenyi Yesuus dubbate kun amala Yihowaa yeroo baayee Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame, jechuunis ‘gaarummaa isaa isa
guddaa’ nu yaadachiisa.[1] (2 Qorontos 6:1 dubbisi.) Hojjettoonni
FAARFANNAA: 1, 13
MAAL JETTEE DEEBISTA?
Karaa guddaan Yihowaan
ilmaan namootaatti gaarummaa isaa isa guddaa itti
argisiise maali dha?
Cubbuudhaan utuu hin tain,
gaarummaa guddaadhaan
akka geggeeffamnu argisiisuu
kan dandeenyu akkamitti?
Gaarummaa Yihowaa isa
guddaadhaan kan kae eebbawwan akkamii arganna?
1, 2. (a) Fakkeenya Yesuus abbaa maasii wayinii ilaalchisee dubbate ibsi.
(b) Seenaan kun arjummaa fi gaarummaa guddaa kan argisiisu akkamitti?
21
saaatii tokkoof qofa hojjetan mindaa guutuu argachuu hin qaban turan; abbaan maasii wayinii
sun garuu gaarummaa baayee guddaa tae isaanitti argisiiseera. Hayyuun tokko “gaarummaa
guddaa” isa yeroo baayee hiikkaawwan Kitaaba
Qulqulluu hedduu keessatti “ayyaana” jedhamee
hiikame ilaalchisee akkana jedhanii barreessaniiru: “Jechi kun, kennaa tolaa guddaa taee fi nama
kennamuufii hin qabneef ykn isaaf hin malleef
kennamu dha.”
KENNAA YIHOWAAN ARJUMMAADHAAN KENNE
Kitaabonni Qulqulluun, waaee ‘gaarummaa
Waaqayyoo isa guddaa tola kennamuu’ ni dubbatu. (Efe. 3:7) Yihowaan kennaa ‘tola kennamu’
kana kan nu badhaase maaliifi? Kan nu badhaase
hoo akkamitti? Utuu ulaagaalee Yihowaan nu irraa barbaadu guutummaatti ni guunna taee, gaarummaan isaa kun nuuf mala ture. Kana gochuu garuu hin dandeenyu. Solomoon Mootichi
inni ogeessi, “Namni qajeelaan yeroo hundumaa
wanta gaarii hojjetu, cubbuus kan hin hojjenne
lafa irra hin jiru” jedhee barreesseera. (Lal. 7:
20) Phaawulos ergamaanis, “Hundi isaanii cubbuu hojjetaniiru, ulfina Waaqayyoos calaqqisiisuu hin dandaan,” jedheera; itti dabalees “Miindaan cubbuu dua dha” jedheera. (Rom. 3:23; 6:
23a) Kan nuuf malu kana dha.
4 Haa tau malee, Yihowaan gaarummaa isaa isa
guddaa gita hin qabneen jaalala isaa ilmaan namootaa cubbamoo taanitti argisiiseera. Nuuf jedhee akka duuuf “Ilma isaa isa tokkicha” gara
lafaatti erguudhaan, kennaa hunda caalu nuu
kenneera. (Yoh. 3:16) Kanaafuu Phaawulos Yesusiin ilaalchisee, “Amma ulfinaa fi kabaja gonfatee
argina; kunis kan tae, gaarummaa Waaqayyoo isa
guddaatiin kan kae tokkoon tokkoon namaatiif
dua akka dhandhamatuufi” jedhee barreesseera.
(Ibr. 2:9) Eeyyee, “kennaan Waaqayyo kennu,
. . . karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus jireenya bara baraa ti.”—Rom. 6:23b.
3
3, 4. Yihowaan ilmaan namootaa hundatti gaarummaa
isaa isa guddaa kan argisiise maaliifi? Kana kan godhe
hoo akkamitti?
22
MASARAA EEGUMSAA
Namoonni cubbuu fi dua hunda keenya waliin gaaa jiru kan dhaalan akkamitti? Kitaabni
Qulqulluun, ‘Cubbuu nama tokkootiin [Addaamiin] kan kae duuti sanyii Addaam irratti akka
mootiitti akka moe’ ibsa. (Rom. 5:12, 14, 17) Kan
nama gammachiisu garuu, cubbuudhaan moamuu ykn bitamuu dhiisuuf filachuu ni dandeenya. Aarsaa furii Kiristoos irratti amantii qabaachuudhaan, gaarummaa Yihowaa isa guddaa
jalatti buluu dandeenya. Garuu akkamitti? “Bakka cubbuu hedduun turetti, gaarummaa guddaanis caalaatti baayate. Kun kan tae maaliifi? Akkuma cubbuun duaa wajjin moe, gaarummaa
guddaan inni karaa Yesuus Kiristoos Gooftaa
keenyaa jireenya bara baraatti geessu karaa qajeelummaa akka mouufi.”—Rom. 5:20, 21.
6 Cubbamoota yoo taane iyyuu, cubbuun jireenya keenya akka toatu gochuu hin qabnu. Cubbuu yeroo hojjennu, Yihowaan dhiifama akka
nuuf godhu gaafanna. Phaawulos, “Isin seera jala utuu hin tain, gaarummaa guddaa jala
waan jirtaniif, cubbuun isin irratti gooftaa tauu
hin qabu” jechuudhaan Kiristiyaanota akeekkachiiseera. (Rom. 6:14) Kanaafuu, gaarummaa
guddaadhaan geggeeffamuu dandeenyeerra. Kun
buaan isaa maali dha? Phaawulos akkana jechuudhaan ibseera: “Gaarummaan Waaqayyoo . . .
wanta fedhii Waaqayyoo wajjin wal faallessuu fi
hawwii addunyaa irraa akka fagaannu, sirna ammaa keessatti sirriitti akka yaadnu, qajeelummaadhaan, akkasumas namoota Waaqayyoof bulan
taanee akka jiraannu nu leenjisa.”—Tit. 2:11, 12.
5
GAARUMMAA GUDDAA “KARAA
GARAA GARAA MULATE”
Pheexiroos ergamaan akkana jedhee barreesseera: “Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa karaa
garaa garaa mulateef bulchitoota gaarii waan
7
5, 6. (a) Cubbuudhaan geggeeffamuun, (b) Gaarummaa guddaadhaan geggeeffamuun, buaan isaa maali
dha?
7, 8. Gaarummaan Yihowaa inni guddaan “karaa garaa
garaa mulate” jechuun maal jechuu dha? (Fakkiiwwan
jalqaba irra jiran ilaali.)
taataniif, kennaa argattan hamma fudhattan sanaan walii keessan tajaajiluuf itti fayyadamaa.”
(1 Phe. 4:10) Kana jechuun maal jechuu dha? Qorumsi akkamii iyyuu jireenya keenya keessatti
yoo nu mudate, Yihowaan akka damdamannu nu
gargaaruu dandaa jechuu dha. (1 Phe. 1:6) Yeroo
hundumaa qorumsa nu mudatu hunda irratti
gaarummaa Waaqayyoo ni argina.
8 Dhuguma iyyuu, gaarummaan Yihowaa inni
guddaan karaa garaa garaa mulateera. Yohaannis
ergamaan, “Hundi keenya guutummaa isaa irraa,
gaarummaa guddaa irratti dabalataan gaarummaa guddaa arganneerra” jedhee barreesseera.
(Yoh. 1:16) Gaarummaan Yihowaa inni karaa garaa garaatiin mulatu, eebbawwan hedduu akka
argannu godha. Eebbawwan kana keessaa tokko
tokko maal fai?
9 Cubbuu keenyaaf dhiifama argachuu. Qalbii
yoo geeddarannee fi hawwii cubbuutti geessu loluuf walaansoo cimaa yoo goone, gaarummaa Yihowaa isa guddaatiin dhiifama cubbuu argachuu
dandeenya. (1 Yohaannis 1:8, 9 dubbisi.) Gara
laafinni Waaqayyoo galata akka isaaf galchinuu fi
akka isa jajannu nu kakaasuu qaba. Phaawulos Kiristiyaanota akkuma isaa dibamoo taaniin
akkana jedheera: “Waaqayyo aangoo dukkanaa
jalaa nu oolchee gara mootummaa Ilma isaa
isa jaallatamaatti nu ceesise; inni karaa furii
Ilma isaa gadhiifamnee cubbuu keenyaaf dhiifama akka argannu godheera.” (Qol. 1:13, 14) Cubbuu keenyaaf dhiifama argachuun keenya, eebbawwan gaggaarii hedduu argachuuf karaa nuu
bana.
10 Waaqayyoo wajjin nagaa qabaachuu. Cubbamoota waan taaneef, erga dhalannee kaasee diinota Waaqayyoo turre. Phaawulos, ‘Utuu diinota taanee jirruu karaa dua Ilma isaa Waaqayyotti
araaramne’ jechuudhaan kana mirkaneesseera.
9. Gaarummaa Yihowaa isa guddaa irraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? Galata keenya argisiisuu
kan dandeenyu hoo akkamitti?
10. Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaadhaan kan kae
maal arganne?
(Rom. 5:10) Araarri kun Yihowaa wajjin nagaa
qabaachuuf nu dandeessiseera. Phaawulos mirga
kana gaarummaa Yihowaa isa guddaa wajjin wal
qabsiisuudhaan akkana jedheera: “Amma [nuyi
obboloonni Kiristoos warri dibamoon] amantiidhaan qajeelota jedhamnee waan waamamneef,
karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos Waaqayyoo wajjin nagaadhaan haa jiraannu; kana malees, karaa Yesuus amantii gaarummaa guddaa
kana irratti qabnuun iddoo amma dhaabanne kanatti dhihaachuu dandeenyeerra.” (Rom. 5:1, 2)
Kun eebba guddaa mitii?
11 Gara qajeelinaatti deebiuu. Hundi keenya iyyuu uumamaan qajeelota miti. Taus, Daaniel
raajichi bara dhumaatti warri “ogummaa” qaban,
jechuunis dibamtoonni lafa irra jiran ‘namoota
baayee gara qajeelinaatti akka deebisan’ raajii
dubbateera. (Daaniel 12:3 dubbisi.) Hojii lallabuu fi barsiisuutiin ‘hoolonni kan biraan’ miliyoonaan lakkaaaman, Yihowaa duratti qajeeloo
akka taan godhaniiru. (Yoh. 10:16) Haa tau malee, kun tauu kan dandae gaarummaa Yihowaa isa guddaadhaan qofa dha. Phaawulos akkana jedhee ibseera: “Gaarummaa Waaqayyoo isa
guddaa furii isa Kiristoos Yesuus kaffaletti fayyadamee argisiiseen bilisa baanii, qajeelota jedhamanii waamamuun isaanii kennaa tola argame dha.”—Rom. 3:23, 24.
12 Kadhannaadhaan gara teessoo Waaqayyootti
dhihaachuu. Yihowaan gaarummaa isaa isa guddaadhaan kakaee, kadhannaadhaan gara teessoo isaa isa samiitti dhihaachuu akka dandeenyu
godheera. Phaawulos teessoo Yihowaa “teessoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa” jechuudhaan kan waame sia tau, “sodaa tokko malee”
akka itti dhihaannu nu afeereera. (Ibr. 4:16b) Yihowaan karaa ilma isaa isa ‘amantii isa irratti
qabnuun bilisa taanee dubbachuu fi amanannaadhaan Waaqayyotti dhihaachuu dandeenyee’
11. Dibamtoonni, “hoolota kan biraa” gara qajeelinaatti
kan fidan akkamitti?
12. Kadhannaan gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa
wajjin kan wal qabatu akkamitti?
ADOOLESSA 2016
23
mirga kana nuuf kenneera. (Efe. 3:12) Dhuguma
iyyuu kadhannaadhaan sodaa malee Yihowaatti
dhihaachuu dandauun keenya, karaa dinqisiisaa
gaarummaan isaa inni guddaan ittiin mulate dha.
13 Yeroo barbaachisutti gargaarsa argachuu.
Phaawulos, “yeroo gargaarsi nu barbaachisutti
gara laafinaa fi gaarummaa guddaa akka argannuuf ” utuu hin sodaatin kadhannaadhaan Yihowaatti akka dhihaannu nu jajjabeesseera. (Ibr.
4:16a) Yeroo qorumsi ykn rakkinni nu mudatu kamitti iyyuu, gara laafinaan gargaarsa akka
nuu godhuuf kadhannaadhaan gara Yihowaatti
boouu ni dandeenya. Kan nuuf hin malle taus,
yeroo baayee Kiristiyaanota hidhata keenya tainitti fayyadamee deebii nuu kenna; “Kanaafis
amanannee, ‘Gooftaan isa na gargaaruu dha, ani
hin sodaadhu; namni maal na gochuu danda’a
ree?’” jenna.—Ibr. 13:6.
14 Garaa keenyaaf jajjabina argachuu. Eebbi gud13. “Yeroo gargaarsi nu barbaachisutti” gaarummaan
inni guddaan nu gargaaruu kan dandau akkamitti?
14. Gaarummaan Yihowaa inni guddaan garaa keenya
kan fayyadu akkamitti?
daan karaa gaarummaa Yihowaa isa guddaa argannu kan biraan jajjabina dha. (Far. 51:17) Phaawulos, Kiristiyaanota Tasalonqee warra rakkinni
hedduun isaan irra gaeef akkana jedhee barreesseera: “Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos mataan isaa, akkasumas Waaqayyo Abbaan keenya
inni nu jaallatee fi gaarummaa guddaadhaan jajjabina bara baraa fi abdii gaarii nuu kenne, garaa
keessan haa jajjabeessan.” (2 Tas. 2:16, 17) Gaarummaa isaa isa arjummaa irratti hundaaeen
kan kae, kunuunsa Yihowaa isa jaalala irratti
hundaae argachuun keenya baayee nama jajjabeessa!
15 Abdii jireenya bara baraa qabaachuu. Cubbamoota waan taaneef, ofii keenyaan abdii hin qabnu turre. (Faarfannaa 49:7, 8 dubbisi.) Yihowaan garuu abdii dinqisiisaa tae nuuf kenneera.
Yesuus, “Fedhiin Abbaa koo namni Ilma beekee
isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuufi” jechuudhaan duuka buutota isaatiif
waadaa galeera. (Yoh. 6:40) Eeyyee, abdiin jiree15. Gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan abdii akkamii nuuf argamsiisa?
Karaawwan gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan ittiin mulatu:
Mirga misiraachicha
dhagauuf arganne
Eebba kadhannaan
argamsiisu
Yeroo barbaachisutti
gargaarsa argachuu
(Keeyyata 11 ilaali)
(Keeyyata 12 ilaali)
(Keeyyata 13 ilaali)
nya bara baraa kennaa dinqisiisaa gaarummaa
Waaqayyoo isa guddaadhaan argisiifamu dha.
Phaawulos inni kana hubate, ‘gaarummaan Waaqayyoo inni akaakuu namoota hundaatiif fayyina argamsiisu akka mulifame’ dubbateera.—Tit.
2:11.
GAARUMMAA WAAQAYYOO ISA GUDDAADHAAN
QABATTANII CUBBUU HIN RAAWWATINAA
Gaarummaan Yihowaa inni guddaan eebbawwan hedduu kan nuuf argamsiisu taus, amala
hunda irra akka nuuf darbu yaaduu hin qabnu.
Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa gidduu, namoonni ‘gaarummaa Waaqayyootiin qabatanii addaggummaa raawwatan’ jiru turan. (Yih. 4) Kiristiyaanonni amanamoo hin taane kun cubbuu
hojjechuu fi Yihowaan dhiifama akka isaaniif godhu gaafachuu akka dandaan itti dhagaama ture.
Kan nama gaddisiisu immoo, amala isaanii gadhee kana irratti akka hirmaatan obboloota kaan
ni jajjabeessu turan. Haras taanaan, namni kana
godhu “hafuura Waaqayyoo isa gaarummaa guddaa kennu” aarsa.—Ibr. 10:29.
17 Yeroo haraatti, Seexanni Kiristiyaanonni
tokko tokko araara Waaqayyoo akka argatanii fi
cubbuu hojjechuu akka dandaan akka yaadan
gochuudhaan isaan dogoggorsaa jira. Haa tau
malee, Yihowaan cubbamoota qalbii geddarataniif dhiifama kan godhu taus, hawwii cubbuu
keessa keenya jiru ciminaan akka lollu nu irraa
eega. Pheexiros hafuuraan kakaee akkana jedhee
akka barreessu godheera: “Kanaaf yaa obboloota
jaallatamo, isin kana dursitanii waan beektaniif,
dogoggora namoonni hamoo taan hojjetaniin
gowwoomfamtanii isaanii wajjin akka hin fudhatamne, akkasumas ejjennoo cimaan isin qabdan
akka hin laafne of eeggadhaa. Kanaa mannaa,
gaarummaa guddaa, beekumsa Gooftaa keenyaa
16
fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin guddachuu keessan itti fufaa.”—2 Phe. 3:17, 18.
GAARUMMAA INNI GUDDAAN ITTI
GAAFATAMUMMAA FIDA
18 Namoota gaarummaa Yihowaa galataan fudhannu waan taaneef, kennaawwan qabnutti fayyadamnee isaaf kabaja kennuu fi namoota kaan
fayyaduu qabna. Karaawwan kamiin? Phaawulos
akkana jechuudhaan deebii nuuf kenna: “Kanaaf,
akka gaarummaa guddaa nuuf kennameetti kennaa adda addaa waan qabnuuf, . . . kennaan keenya tajaajiluu yoo tae, tajaajiluu keenya itti haa
fufnu; inni barsiisuus barsiisuu isaa itti haa fufu;
inni jajjabeessus jajjabeessuu isaa itti haa fufu;
. . . inni namaaf garaa laafus kana gammachuudhaan haa godhu.” (Rom. 12:6-8) Gaarummaan
inni guddaan Yihowaan nutti argisiise, tajaajila
irratti hirmaachuuf, namoota kaan Kitaaba Qulqulluu barsiisuuf, Kiristiyaanota hidhata keenya
taan jajjabeessuu fi nama nu miidhu kamiif iyyuu
dhiifama gochuuf itti gaafatamummaan akka nu
irra jiraatu godha.
19 Namoota jaalala Waaqayyo arjummaadhaan
nutti argisiise irraa faayidaa argannu waan taaneef, “misiraachoo gaarummaa Waaqayyoo isa
guddaa guutummaatti dhugaa bauuf ” hamma
dandeenye gochuuf kakauu qabna. (HoE. 20:24)
Mata dureen itti aanu itti gaafatamummaa kana
gadi fageenyaan ibsa.
18. Gaarummaa Yihowaa isa guddaadhaan kan kae itti
gaafatamummaa akkamiitu nu irra jira?
19. Mata duree itti aanu irratti itti gaafatamummaa keenya isa kam qorra?
16. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa tokko tokko gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa irratti cubbuu kan hojjetan akkamitti?
17. Pheexiros gorsa cimaa akkamii kenne?
IBSA DABALATAA:
[1] (keeyyata 2) Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Maatewos-Mulata irraa mata duree “Gaarummaa guddaa” jedhu “Jibsoo Jechoota Kitaaba Qulqulluu” jala ilaali.
ADOOLESSA 2016
25
Misiraachoo Gaarummaa isa
Guddaa Babalisaa
‘Misiraachoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa
guutummaatti dhugaa baaa.’—HOE. 20:24.
FAARFANNAA: 10, 25
MAAL JETTEE DEEBISTA?
Gaarummaan Yihowaa inni
guddaan maal gochuuf nu
kakaasuu qaba?
“Misiraachoon Mootummaa”
gaarummaa Waaqayyoo isa
guddaa kan mulisu akkamitti?
Yihowaan addunyaa haaraa
keessatti gaarummaa isaa
isa guddaa kan argisiisu
akkamitti?
26
PHAAWULOS ergamaan, “Gaarummaa guddaan [Waaqayyo] natti
argisiises, faayidaa kan hin qabne hin turre” jechuuf sababa gaaa
qaba ture. (1 Qorontos 15:9, 10 dubbisi.) Phaawulos Kiristiyaanota ariachaa waan tureef, araarri Waaqayyoo inni guddaan wanta ofii
isaatiin argate ykn wanta isaaf malu akka hin taane beeka ture.
2 Phaawulos duuu isaa yeroo muraasa dura akkana jechuudhaan
Ximotewosiif barreesseera: “Inni, ani amanamaa akkan taetti na
lakkaaee tajaajilaaf waan na muudeef, Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus isa humna naa kenne nan galateeffadha.” (1 Xim. 1:12-14) Tajaajilli sun maal ture? Phaawulos, tajaajilli kun maal akka dabalatu
akkana jechuudhaan jaarsolii gumii Efesoon keessa turanitti himeera: “Fiigicha koo yoon xumuree fi misiraachoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa guutummaatti dhugaa bauuf tajaajila ani Gooftaa Yesuus irraa fudhadhe yoon raawwadhe, lubbuu koo akka waan
faayidaa anaaf qabuutti hin ilaalu.”—HoE. 20:24.
1, 2. Phaawulos ergamaan gaarummaa Waaqayyoo isa guddaadhaaf akka galateeffatu kan argisiise akkamitti?
Phaawulos, “misiraachoo” gaarummaa Yihowaa isa guddaa mulisu kam lallabe? Kiristiyaanota Efesooniin akkana jedhee ture: ‘Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa irraa faayidaa
akka argattan isin gargaaruuf itti gaafatamummaan natti kennamuu isaa dhageessaniittu.’
(Efe. 3:1, 2) Phaawulos namoonni Yihudoota
hin taane namoota bulchiinsa Mootummaa Masihiichaa keessatti Kiristoosii wajjin bulchuuf
carraa argatan keessaa tokko akka taaniif misiraachicha itti himuuf ergamee ture. (Efesoon
3:5-8 dubbisi.) Phaawulos tajaajila isaa yommuu raawwatutti hinaaffaa qabaachuudhaan,
Kiristiyaanota bara keenyatti argamaniif fakkeenya taeera; akkasumas, gaarummaan Waaqayyo isatti argisiise “faayidaa kan hin qabne”
akka hin turre argisiiseera.
3
GAARUMMAAN WAAQAYYOO INNI
GUDDAAN HOJIIDHAAF SI KAKAASAA?
Sabni Yihowaa guyyoota dhumaa kanatti,
‘saba hundumaatti akka dhugaa bauuf misiraachoo Mootummichaa guutummaa lafaa irratti’ akka lallaban ajajamaniiru. (Mat. 24:14)
Eebbawwan nuti bulchiinsa Mootummichaa jalatti argannu kan argaman karaa gaarummaa
Yihowaa isa karaa Kiristoos mulateen waan
taeef, ergaan nuti lallabnu “misiraachoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa” dha. (Efe. 1:
3) Akkuma Phaawulos hinaaffaadhaan tajaajila
irratti hirmaachuudhaan gaarummaa Yihowaa
isa guddaadhaaf galata qabnu argisiisaa jirraa?
—Roomaa 1:14-16 dubbisi.
5 Cubbamoota taanus gaarummaa Yihowaa
isa guddaa irraa karaawwan hedduu faayidaa argachaa kan jirru akkamitti akka tae mata duree
darbe irratti baranneerra. Kanaafuu, Yihowaan
jaalala isaa namootatti argisiisaa kan jiruu fi jaa4
3. Phaawulosiif tajaajila adda tae akkamiitu kenname?
(Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
4, 5. ‘Misiraachoon mootummichaa’ misiraachoo “gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa” wajjin tokko dha kan
jennu maaliifi?
lala kana irraa faayidaa argachuu kan dandaan
akkamitti akka tae namoota beeksisuuf hamma
dandeenye carraaquu qabna. Karaawwan gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan ittiin mulatee fi namoonni kaan akka dinqisiifatan gargaaruu qabnu maal fai?
MISIRAACHOO AARSAA
FURICHAA BABALISAA
Addunyaa gadhiisii tae kana keessatti cubbuun barsiifta taeera; kanaaf, namoonni hedduun furamuun akka isaan barbaachisu hin beekan. Kana malees, namoonni jireenyi gadhiisiin
gammachuu dhugaa akka hin argamsiisne hubatan baayachaa dhufaniiru. Namoonni hedduun Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin mariachuu isaanii dura, cubbuun maal akka tae,
akkamitti akka nu tuquu fi garbummaa cubbuu
jalaa bilisa bauuf maal gochuun akka nu barbaachisu hin beekan turan. Namoonni garaa qajeelaa qaban, Yihowaan jaalala isaatiin, akkasumas gaarummaa isaa isa guddaadhaan kakaee,
cubbuu fi buaa isaa kan tae dua irraa nu furuuf
ilma isaa akka nuu erge barachuu isaaniitiin bilisummaa argataniiru.—1 Yoh. 4:9, 10.
7 Phaawulos ergamaan ilma Yihowaa isa jaallatamaa ilaalchisee akkana jedhee barreesseera:
“Akka badhaadhina gaarummaa isaa [Yihowaa]
isa guddaatti karaa dhiiga Ilma isaa furicha kaffaluu isaatiin, bilisa baaneerra, eeyyee cubbuun keenya nuuf dhiifameera.” (Efe. 1:7) Aarsaan furii Kiristoos jaalala guddaa Waaqayyo
nuuf qabu mirkaneessa; akkasumas, gaarummaan Isaa inni guddaan hammam baayee akka
tae argisiisa. Dhiiga Yesuus isa dhangalae irratti amantii yoo qabaanne cubbuun keenya akka
nuuf dhiifamuu fi qalbiin keenya qulqulluu akka
tau beekuun keenya baayee nama jajjabeessa!
(Ibr. 9:14) Dhuguma iyyuu misiraachoo kana
namoota kaanitti himuu qabna.
6
6, 7. Yeroo waaee furichaa namootatti himnu, misiraachoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa babalisaa kan
jirru akkamitti?
ADOOLESSA 2016
27
NAMOONNI WAAQAYYOO WAJJIN
WALITTI DHUFEENYA AKKA
QABAATAN GARGAARAA
8 Uumaa isaanii wajjin walitti dhufeenya qabaachuu akka dandaan namootatti beeksisuuf
itti gaafatamummaa qabna. Waaqayyo, namoonni aarsaa Yesuusitti amanuu isaanii dura
akka diinaatti isaan ilaala. Yohaannis ergamaan
akkana jedhee barreesseera: “Ilmatti kan amanu jireenya bara baraa qaba; Ilmaaf kan hin ajajamne garuu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irra
jiraata malee jireenya hin argu.” (Yoh. 3:36)
Kan nama gammachiisu garuu, aarsaan Kiristoos Waaqayyotti araaramuun akka dandaamu
godheera. Phaawulos akkana jedheera: “Isin
dur hamaa yaaduu keessaniin, hojjechuu keessaniinis orma, diina Waaqayyoos taatanii turtan. Amma garuu Waaqayyo dua namummaa
ilma isaatiin isin araarse.”—Qol. 1:21, 22.
9 Kiristoos obboloota isaa dibamoo lafa irra
jiraniif, isa Phaawulos “tajaajila araarsuu” jedhee waame kenneera. Phaawulos, Kiristiyaanota dibamoo jaarraa jalqabaatti turaniif waaee
kanaa yeroo ibsu akkana jedhee barreesseera:
“Wanti hundi Waaqayyo isa karaa Kiristoos ofitti nu araarsee fi tajaajila araarsuu nuu kenne irraa dhufe; kanaanis Waaqayyo cubbuu isaanii utuu isaanitti hin lakkaain, karaa Kiristoos
addunyaa ofitti araarsaa ture; ergaa araarsuu
kanas imaanaadhaan nutti kenneera. Kanaaf,
akka waan Waaqayyo karaa keenya kadhatutti,
nuti ambaasaaddaroota bakka Kiristoos buani
dha. Nuti bakka buoota Kiristoos waan taaneef, ‘Waaqayyotti araaramaa’ jennee kadhanna.”—2 Qor. 5:18-20.
10 ‘Hoolonni kan biraan’ tajaajila kana irratti
obboloota dibamoo gargaaruu isaanii akka mir-
8. Ilmaan namootaa cubbamoo taan Waaqayyotti araaramuun kan isaan barbaachise maaliifi?
9, 10. (a) Kiristoos obboloota isaa dibamoo taaniif itti
gaafatamummaa akkamii kenne? (b) ‘Hoolonni kan biraan’ obboloota dibamoo kan gargaaran akkamitti?
28
MASARAA EEGUMSAA
ga guddaatti ilaalu. (Yoh. 10:16) Jila Kiristoos
taanii waan tajaajilaniif, Yihowaa wajjin dhuunfaatti walitti dhufeenya akka qabaatan gargaaruudhaan dhugaa hafuuraa namoota barsiisuu
irratti akka gaariitti hirmaachaa jiru. Kun hojii
barbaachisaa misiraachoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa lallabuuf hojjetamu keessaa tokko dha.
WAAQAYYO KADHANNAA KAN DHAGAU
TAUU ISAA MISIRAACHOO HIMAA
Namoonni hedduun Waaqayyo kadhannaa
isaanii akka dhagau waan amananiif utuu hin
tain, miirri gaariin akka itti dhagaamuuf kadhatu. Kanaafuu, Yihowaan ‘isa kadhata namaa
dhagau’ akka tae beekuu qabu. Daawit faarfatichi akkana jedhee barreesseera: “Yaa isa kadhata namaa dhageessuu! Namni foon uffate hundinuu cubbuu isaa wajjin gara kee in dhufa.
Irra-daddarbaan keenya humna nu caaleera, ati
garuu yakka keenya nuuf in dhiifta.”—Far. 65:
2, 3.
12 Yesuus barattoota isaatiin, “Wanta akkamii
iyyuu maqaa kootiin yoo kadhattan ani nan
raawwadha” jedhee ture. (Yoh.14:14) “Wanta
akkamii iyyuu” kan jedhame, wanta fedhii Yihowaa wajjin walsimu akka tae ifa dha. Yohaannis
akkana jechuudhaan nuuf mirkaneessa: “Wanti
kadhannu maal iyyuu yoo tae, akka fedhii isaatti yoo kadhanne inni nu dhagaa.” (1 Yoh. 5:
14) Kadhannaan, sammuun keenya tasgabbii
akka argatu gochuu caalaa, karaa gaarii “teessoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatti” ittiin
dhihaannu tauu isaa warra kaan barsiisuun gaarii dha. (Ibr. 4:16) Namoonni karaa sirrii taeen,
qaama sirrii tae, wanta sirrii tae akka kadhatan
isaan barsiisuudhaan, Yihowaatti akka dhihaatanii fi yeroo dhiphinaatti jajjabina akka argatan gargaaruu dandeenya.—Far. 4:1; 145:18.
11
11, 12. Namoonni Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu
akka dandaan barachuun isaanii misiraachoo kan tae
maaliifi?
GAARUMMAA ISA GUDDAA SIRNA
HAARAA KEESSATTI ARGAMU
Gaarummaan Yihowaa inni guddaan kan
mulatu sirna hamaa yeroo ammaa jiru kana
keessatti qofa miti. Mirga guddaa Waaqayyo
warra 144,000 Kiristoosii wajjin Mootummaa
isaa isa samii irratti bulchaniif kenne ilaalchisee
Phaawulos ergamaan akkana jedhee barreesseera: “Waaqayyo gara laafinni isaa guddaa tauu
isaatiin kan kae, jaalala isaa isa guddaadhaan
waan nu jaallateef, inni yeroo cubbuu keenyaan
kan duune turretti illee Kiristoosii wajjin nu jiraachise; isinis gaarummaa isaa isa guddaadhaan fayyitan. Kana malees, Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa waan qabnuuf Kiristoosii
wajjin nu kaasee, isumaa wajjin iddoowwan samii keessa nu teessise; kana kan godhes, arjummaa isaatiin sirna dhufu keessatti baayina gaarummaa isaa isa guddaa hunda irra caalu nu
warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabnutti argisiisuuf jedhee ti.”—Efe. 2:4-7.
14 Dibamtoonni samii keessatti Kiristoosii
wajjin bulchuuf teessoo irra yommuu taaan,
wantoota dinqisiisoo Yihowaan isaaniif yaade
tilmaamuun hin dandaamu. (Luq. 22:28-30;
Filp. 3:20, 21; 1 Yoh. 3:2) Yihowaan, keessumaa
isaanitti “baayina gaarummaa isaa isa guddaa
hunda irra caalu” argisiisa. Misirroo Kiristoos,
jechuunis “Yerusaalem Haaraa” tau. (Mul. 3:
12; 17:14; 21:2, 9, 10) Namoonni ajajamoo taan
baaa cubbuu fi dua jalaa bilisa baanii mudaa
kan hin qabne akka taaniif, Yesuusii wajjin hojii “saboota fayyisuu” irratti hirmaachaa jiru.
—Mulata 22:1, 2, 17 dubbisi.
15 Efesoon 2:7, Waaqayyo “sirna dhufu keessatti” gaarummaa isaa isa guddaa akka mulisu
13
13, 14. (a) Dibamtoonni gara fuulduraatti mirgawwan
ajaaibsiisoo akkamii argatu? (b) Dibamtoonni ilmaan namootaatiif hojii gaarii akkamii raawwatu?
15, 16. Yihowaan gara fuulduraatti gaarummaa isaa isa
guddaa ‘hoolota kan biraatti’ kan argisiisu akkamitti?
dubbata. Sirna haaraa gara fuulduraatti Yihowaan fidu keessatti ‘baayinni gaarummaa
isaa isa guddaa hunda irra caalu’ lafa irratti
akka dagaagu hin shakkisiisu. (Luq. 18:29, 30)
Karaa guddaa gaarummaan Yihowaa inni dinqisiisaan ittiin mulatu keessaa tokko, yeroo ilmaan namootaa “awwaala” keessaa itti baan
akka tae hin shakkisiisu. (Iyo. 14:13-15; Yoh. 5:
28, 29) Dhiironnii fi dubartoonni amanamoon
aarsaan Kiristoos hojii irra ooluu isaa dura
duan, akkasumas ‘hoolonni kan biraan’ guyyoota dhumaa kanatti amanamummaa isaanii
eeganii duan, duaa kaanii Yihowaa tajaajiluu
isaanii itti fufu.
16 Namoonni miliyoonaan lakkaaamanii fi
utuu Waaqayyoon hin beekin duanis duaa ni
kau. Yeroo kanatti, ol aantummaa Yihowaatiif
bitamuuf carraa argatu. Yohaannis akkana jedhee barreesseera: “Warri duan, warri xixinnaanii fi warri guguddaan, teessoo sana dura
dhaabatanii nan arge; maraawwan kitaabotaas
ni banaman. Haa tau malee maraan kitaabaa
kan biraan ni baname, innis kitaaba jireenyaa ti.
Warri duanis maraa kitaabaa sana keessatti
akka barreeffametti akka hojii hojii isaaniitti
murtiin isaaniif kenname. Galaanni, warra duanii isa keessa jiran ni kenne; duutii fi Awwaallis
warra duanii isaan keessa jiran ni kennan, isaanis dhuunfaatti akka hojii hojii isaaniitti murtiin
isaaniif kenname.” (Mul. 20:12, 13) Namoonni
duaa kaan dhugaawwan buuuraa Waaqayyoo
Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman hojii irra
oolchuu kan dandaan akkamitti akka tae barachuu akka qaban beekamaa dha. Dabalataanis,
qajeelfamoota haaraa faayidaa qabanii fi “maraa kitaabaa” isa ulaagaalee Yihowaan sirna
haaraa keessatti nu irraa barbaadu tarreessu
keessatti argaman hojii irra oolchuu qabu. Qabiyyeen Kitaaba kanaa, karaa Yihowaan gaarummaa isaa isa guddaa ittiin nutti argisiisu
keessaa isa tokko dha.
ADOOLESSA 2016
29
Misiraachoo gaarummaa
Waaqayyoo isa guddaa
hinaaffaadhaan babalisaa
(Keeyyata 17-19 ilaali)
MISIRAACHICHA BABALISUU
KEESSAN ITTI FUFAA
Yeroo dhumni dhihaachaa jiru kanatti, yeroo kam iyyuu caalaa misiraachoo Mootummichaa lallabuu qabna! (Mar. 13:10) Misiraachichi
gaarummaa Yihowaa isa guddaa akka argisiisu hin shakkisiisu. Hojii lallabaa irratti yeroo
hirmaannu kana yaadachuu qabna. Yeroo lallabnutti galmi keenya Yihowaa kabajuu dha.
Eebbawwan Yihowaan addunyaa haaraa keessatti fiduuf waadaa seene, karaa gaarummaan
isaa inni dinqisiisaan itti mulatu tauu isaa namootatti himuudhaan kana gochuu dandeenya.
18 Yeroo warra kaaniif lallabnutti, Bulchiinsa
Kiristoos jalatti ilmaan namootaa guutummaatti furicha irraa faayidaa akka argatanii fi suuta
suuta cubbuu irraa walaba akka taan ibsuufii
17
17. Hojii lallabaa irratti yeroo hirmaannu maal yaadachuu
qabna?
18, 19. Gaarummaa Yihowaa isa guddaadhaaf kabaja
akka qabnu kan argisiisnu akkamitti?
30
MASARAA EEGUMSAA
dandeenya. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha:
‘Uumamni mataan isaas garbummaa tortoruu
jalaa bilisa baee, bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa argata.’ (Rom. 8:21)
Kun tauu kan dandau gaarummaa Yihowaa isa
guddaadhaan qofa dha.
19 Waadaa gammachiisaa Mulata 21:4, 5 irratti argamu namoota nu dhagaan hundatti himuuf mirga arganneerra. Caqasichi akkana jedha: “[Waaqayyo] imimmaan hundumaa
ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiru; gaddis tae iyyi yookiin cinqiin
kana booda hin jiru. Wantoonni duraa sun
darbaniiru.” Achiis Yihowaan inni teessoo irra
taaee jiru, “Kunoo, ani wantoota hundumaa
haaraa nan godha” jedhe. Itti dabalees, “Jechoonni kun amanamoo fi dhugaa waan taaniif
barreessi” jedhe. Misiraachoo kana hinaaffaadhaan namoota kaanitti yeroo himnu, gaarummaa Yihowaa isa guddaadhaaf kabaja akka qabnu argisiisna!
GAAFFII DUBBISTOOTAA
Yaadni Hisqiel boqonnaa 37 irra jiruu fi waaee ulee lamaan
walitti qabsiisuu dubbatu hiika maalii qaba?
ˇ Yihowaan ergaa abdii guddaa qabu, jechuunis sabni Israael Biyyattii Abdachiifamtetti erga deebianii booda tokko akka taan
Hisqielitti himee ture. Haaluma wal fakkaatuun ergaan kun, jalqaba guyyoota dhumaa irraa eegalee sabni Waaqayyoo tokko akka
taan ni dubbata.
Yihowaan, raajiin isaa Hisqiel uleewwan lamaan irratti akka barreessu itti himee ture. Ulee isa tokko irratti, “Yihudaadhaa fi ijoollee Israael warra isaa wajjin walii galan,” ulee isaa biraa irratti immoo, “Ulee Efreem isa kan Yoseefii fi kan ijoollee Israael warra isaa
wajjin walii galan hundumaa” jedhee barreessuu qaba ture. Uleewwan lamaan kun, harka Hisqiel keessatti ‘ulee tokko’ tauuf jedhu.
—His. 37:15-17.
ULEE LAMAAN WALITTI QABSIISUU
BARA DURII
BARA KEENYA
Ulee Yihudaadhaaf kenname
Mootummaa Yihudaa
gosoota lamaanii
Dibamtoota
1919 irraa eegalee
Dh.K.D. bara 537tti
walitti qabsiifame
Sabni waaqayyoo
“tuuta tokko” taanii akka
tajaajilaniif suuta suuta
deebianii gurmaaan,
akkasumas tokko taan
yeroo bakka buutonni
mootummoota lamaanii
mana qulqullummaa deebisanii
ijaaruuf itti deebian
Mootummaa Israael
gosoota kurnanii
Hoolota kan biraa
Ulee Efreem
s
n
o
Barruu kanaa fi
barreeffamoota kaan
kaffaltii malee
garagalfadhu
p
jiin kun bara 1919tti yeroo sabni waaqayyoo suutuma suutaan deebianii gurmaaanii fi deebianii tokko
taanitti raawwatamuu jalqabe. Yaaliin Seexanni akka
isaan hamma dhumaatti tokko hin taane gochuuf godhe ni fashalaae .
Yeroo sanatti, warra deebianii gurmaaan keessaa baayeen isaanii Yesuusii wajjin samii keessatti
moototaa fi luboota tauuf abdii qabu turan. (Mul.
20:6) Akka fakkeenyaatti, ulee Yihudaadhaaf kennamee wajjin wal fakkaatu turan. Haa tauu malee, yeroo
booda namoonni lafa irra jiraachuuf abdii qaban hedduun Yihudoota hafuuraa kanatti makamuu jalqabaniiru. (Zak. 8:23) Isaan kun, ulee Yoseefiif kennamee
wajjin kan wal fakkaatan yeroo tau, abdii Kiristoos
faana bulchuu hin qaban turan.
Yeroo haraatti gareewwan kun lamaan, Yesuus Kiristoos Mooticha isa raajiidhaan ‘garbicha koo Daawit’ jedhamee waamame jalatti tokkummaadhaan Yihowaa tajaajilaa jiru. (His. 37:24, 25) Yesuus duuka
buutonni isaa hundi ‘akkuma abbaan isaa isaa wajjin
tokkummaa qabuu fi innis abbaa isaa wajjin tokkummaa qabu, isaanis tokko akka taaniif ’ kadhateera.1
(Yoh. 17:20, 21) Akkasumas, Yesuus dibamtoonni
tuuta hoolotaa muraasa taan, “hoolota kan biraa”
wajjin “tuuta tokko” akka taan raajii dubbateera.
Hundumti isaanii immoo ‘tiksee tokko’ jala tau. (Yoh.
10:16) Jechi Yesuus dubbate kun, sabni Waaqayyoo
yeroo haraa jiran abdiin isaanii inni gara fulduraa
maal iyyuu yoo tae , karaa hafuuraa tokko akka taan
akka gaariitti ibsa!
1 Yesuus dhufaatii isaa ilaalchisee yeroo dubbatetti ibsi inni
duraa duubaan itti fayyadame baayee nama dinqisiisa. Jalqaba
irratti waaee ‘Garbicha amanamaa fi ogeessa’ garee xinnaa obboloota dibamoo geggeessitoota taan of keessatti qabatee
dubbate. (Mat. 24:45-47) Achiis, fakkeenyota adda durummaadhaan warra samii irra jiraachuuf abdii qaban hunda ilaallatan
dubbate. (Mat. 25:1-30) Dhuma irratti immoo, waaee namoota
lafa irra jiraachuuf abdii qabanii fi obboloota Kiristoos deggeranii dubbate. (Mat. 25:31-46) Bara keenyatti raawwiin raajii
Hisqiel, jalqaba irratti wanta namoota samii irra jiraachuuf abdii qaban irratti raawwatamu argisiisa. Mootummaan kaabaa
inni gosoota kudhan qabate yeroo hunda namoota lafa irra
jiraachuuf abdii qaban kan argisiisu miti. Tokkummaan raajii
kana keessatti ibsame kun, tokkummaa namoota lafa irra jiraachuuf abdii qabanii fi samii irra jiraachuuf abdii qaban gidduu
jiru nu yaadachiisa.
Kitaaba Qulqulluu
Hiika Addunyaa
Haaraa Intarneetii
irraa dubbisuu
dandeessa
Weeb saayitii
www.jw.org/om
jedhamu ilaali ykn
koodii kana
dubbisiisi
w16.07-OA
160330
Jechi “Efreem” jedhu maal argisiisa? Mootii jalqabaa mootummaa kaabaa isa gosoota kudhan qabatee
kan ture Yerobiaam, gosa Efreem isa gosa iddoo guddaa qabu ture irraa dhufe. (Kes. 33:13, 17; 1 Mot.
11:26) Gosti kun kan argame ilma Yooseef kan tae Efreem irraa ture. (Lak. 1:32, 33) Yooseef abbaa isaa
Yaaqoob irraa eebba adda tae argatee ture. Kanaafuu,
uleen inni mootummaa kaabaa isa gosoota kudhan
qabate bakka buu “Ulee Efreem” jedhamuun isaa sirrii ture. Yeroo Hisqiel waaee raajii ulee lamaanii
dubbatu barreessetti, mootummaan kaabaa Israael
Dh.K.D. bara 740tti boojuu Asorotaa jalatti erga kufee yeroo dheeraan darbee ture. (2 Mot. 17:6) Kanaafuu, yeroo sanatti Israaelonni baayeen bulchiinsa
Baabilon isa bulchiinsa Asorotaa humnaan garagalche keessatti bittinaaanii turan.
Dh.K.D. bara 607tti mootummaan kibbaa gosa
Israael lamaan qabatee fi mootummaa kaabaa keessaa
warri hafan boojuudhaan gara Baabilon geeffamanii
turan. Mootonni karaa hidda dhalootaa Yihudaatiin
dhufan gosoota lamaan kana bulchu turan; akkasumas luboonni mana qulqullummaa Israael keessa jiru
keessatti waan tajaajilaniif sirni lubummaas gosoota
lamaan kanaa wajjin wal qabata ture. (2 Sen. 11:13, 14;
34:30) Kanaaf, mootummaan gosa lamaanii kun ulee
isa ‘Yihudaadhaaf ’ kennamee ture bakka buuun isaa
sirrii ture.
Uleewwan lamaan raajii kana irratti argaman kan
walitti qabsiifaman yoom ture? Dh.K.D. bara 537tti
yeroo Israaelonni mana qulqullummaa deebisanii
ijaaruudhaaf gara Yerusaalemitti deebianitti ture. Namoonni mootummaa gosa kurnanii fi mootummaa
gosa lamaanii bakka buan, waliin taanii boojuu irraa deebianiiru. Sana booda saba Israael gidduutti
wal qoqqooduun ni hafe. (His. 37:21, 22) Israaelonni deebianii tokkummaadhaan Yihowaa waaqeffachuu jalqaban. Isaayaas raajichii fi Ermiyaas raajichis waaee tokkummaa kanaa raajii dubbatanii turan.
—Isa. 11:12, 13; Er. 31:1, 6, 31.
Raajii kana keessatti waaqeffannaa dhugaa ilaalchisee barumsa barbaachisaa akkamii arganna? Yihowaan waaqeffattoonni isaa “tokko akka ta’an” godha.
(His. 37:18, 19) Waadaan tokkummaa kun bara keenyatti raawwatameeraa? Eeyyee. Jalqaba irratti raa-